“Ogummaan Waaqayyoo Ija Hojii Isaatiin Dhugaa Argate”
1. Namoonni tokko tokko hojii keenyaaf ilaalcha akkamii qabu?
1 Al tokko tokko namoonni karaa sirrii hin taaneen nu hubatan ykn waa’ee Dhugaa Baatota Yihowaa oduu sobaa dhaga’an tokko tokko nu mormu ta’a. Tarii gabaasa sabqunnamtiirraa dhaga’aniin ilaalchisaanii jal’atee ta’uu danda’a. Iddoowwan tokko tokkotti “tuuta amantii hamaa ta’e” maqaan jedhu nuu kennameera. Haalli akkasii ennaa nu mudatu maal gochuu qabna?
2. Yeroo mormiin nurra ga’u abdii akka hin kutanne maaltu nu gargaaruu danda’a?
2 Ilaalcha Gaarii Qabaadhaa: Yesusiifi tajaajiltoonni Yihowaa jaarraa jalqabaa kaan, yeroo baay’ee karaa sirrii hin taaneen ni hubatamu akkasumas ni hamatamu turan. (HoE. 28:22) Ta’uyyuu, mormiin isaanirra ga’e tajaajilasaaniitti akka qaana’an akka isaan godhu hin heyyamne. Yesus, “Ogummaan Waaqayyoo ija hojii isaatiin dhugaa argate” jedheera. (Mat. 11:18, 19) Hinaaffaadhaan fedha abbaasaa raawwachuusaa kan itti fufe yommuu ta’u, namoonni dhugaa barbaadan faayidaa misiraachichi qabu akka hubatan amantii qaba ture. Ilma Waaqayyoorrallee wanti akkasii akka ga’e yaadachuun keenya, abdii akka hin kutanne nu eeguu danda’a.
3. Waa’ee keenya gabaasni gadheen dubbatamuunsaafi mormiin nurra ga’uunsaa kan nu hin dinqisiisne maaliifi?
3 Yesus, biyyi lafaa akkuma isa jibbe duuka buutotasaas akka jibbu dubbateera. (Yoh. 15:18-20) Kanaafuu, oduu gadheeniifi mormiin yeroo har’aa nu mudatu nu dinqisiisuu hin qabu. Guyyoota gara dhumaa keessa caalaatti yommuu galleefi yeroo Seexanni caalaatti aariidhaan boba’e kanatti, wantoonni akkasii akka nurra ga’an eeguu qabna. (Mul. 12:12) Wantoonni kun badiisni biyya lafaa Seexanni seerratu kanaa akka dhihaate kan mirkaneessan waan ta’aniif gammaduu dandeenya.
4. Yeroo misiraachicha lallabnu deebii gaarii yoo argachuu baanne, maal gochuu qabna?
4 Gaarummaadhaan Deebii Kennaa: Yommuu deebii gaarii hin argannetti, yeroo hundumaa gaarummaafi garraamummaadhaan deebii kennuu qabna. (Fak. 15:1; Qol. 4:5, 6) Haallisaa kan heyyamu yoo ta’e, nama garaa qajeelaa qabu tokkotti waa’ee Dhugaa Baatota Yihowaa yaanni dogoggoraa hedduun akka jiru itti himuu ykn akkas kan isatti dhaga’ame maaliif akka ta’e isa gaafachuu dandeenya. Gaarummaadhaan deebii kennuun keenya, wanta waa’ee Dhugaa Baatota Yihowaa dhaga’erratti gaaffii akka kaasuufi yeroo kan biraa yommuu garasaa dhufan akka isaan dhaggeeffatu gochuu danda’a. Haata’u malee, namichi baay’ee kan aare yoo ta’e kabajaan isa dhiisanii deemuun gaarii ta’uu danda’a. Warri kaan nuuf ilaalcha akkamiiyyuu yoo qabaatan, Yihowaan tajaajila keenyaaf bakka guddaa akka kennu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Isa. 52:7.