Humna Macaafni Qulqulluun Jireenya Namootaa Jijjiiruuf Qabu
Macaafni Qulqulluun jireenyi namoota miliyoonaan lakkaa’amanii akka fooyya’u gargaareera. Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra yoo oolfaman rakkoowwan yeroo ammaatti nurra ga’an mo’uuf nu gargaaran kamfa’i? DVD Za Baayibil—Ee Buuk oof Faakti eendi Piroofeesii jedhamuufi Viidiyoo kutaa sadii qabu keessaa isa lammaffaa jechuunis, mataduree Humna Macaafni Qulqulluun Jireenya Namootaa Jijjiiruuf Qabu (Za Baayibil—Itis Paawor in Yuur Laayif) jedhamu ilaaluudhaan deebii gaaffii kanaa akka argattan beekamaadha. Viidiyoo kana erga ilaaltanii booda gaaffiiwwan kanaa gadii deebisuu dandeessuu?
(1) Macaafni Qulqulluun barreeffama gaarii qofa miti kan jennu maaliifi? (Ibr. 4:12) (2) Macaafni Qulqulluun jireenya namootaa fooyyessuu ni danda’a erga ta’ee, rakkinni hedduun ilmaan namootaarra kan ga’u maaliifi? (3) Yaanni ijoo Macaafa Qulqulluu maalidha? (4) Caqasoonni hiriyoonni gaa’elaa, (a) maree godhan fooyyessuufi (b) aariisaanii to’achuuf isaan gargaaran kamfa’i? (5) Ilaalchi Kiristiyaanni tokko gaa’elaaf qabu jireenya maatiisaa kan fooyyessu akkamitti? (Efe. 5:28, 29) (6) Yihowaan warraaf fakkeenya gaarii kan ta’u akkamitti? (Mar. 1:9-11) (7) Warri, qayyabannaan maatii kan namatti tolu akka ta’u gochuu kan danda’an akkamitti? (8) Dubbiin Waaqayyoo warri ijoolleesaanii Macaafa Qulqulluu akka qayyabsiisan qofa utuu hin ta’in maal akka isaanii godhan gorsa? (9) Gorsi Macaafa Qulqulluurratti argamu maatiin rakkina dinagdee isaan mudatu mo’uuf kan gargaaru akkamitti? (10) Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu, qulqullina, qoricha sammuu hadoochu, dhugaatii alkooliifi dhiphina ilaalchisee rakkoowwan fayyaa nurra ga’an hir’isuuf nu gargaaran kamfa’i? (11) Abdiiwwan Macaafa Qulqulluu nu jajjabeessuu danda’an kamfa’i? (Iyo. 33:25; Far. 145:16) (12) Barumsi Macaafa Qulqulluu jireenya keessan akka jijjiirtan kan isin gargaare akkamitti? (13) Viidiyoo kanatti fayyadamtanii namoota kaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?