LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/11 ful. 1
  • ‘Garaa Kan Laaftan’ Taʼaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Garaa Kan Laaftan’ Taʼaa
  • Tajaajila Mootummaa—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gara Laafina Yihowaa Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • “Gara Laafina Guddaa Waaqa Keenyaa”
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • “Baayʼee Isaaniif Gadde”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
  • Tajaajilli Keenya Hojii Oo’a Qabaachuu Argisiisudha
    Tajaajila Mootummaa—2006
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2011
km 7/11 ful. 1

‘Garaa Kan Laaftan’ Taʼaa

1. Yeroo harʼaatti wanti caalaatti namoota barbaachisu maalidha?

1 Seenaa ilmaan namootaa keessatti akka yeroo harʼaatti namoonni gargaarsi gara laafinarratti hundaaʼe isaan barbaachisu hedduun jiraatanii hin beekan. Haalli biyya lafaa caalaatti gadi badaa adeemuunsaa gaddi, dhiphinniifi abdii dhabuun akka babalʼatu godheera. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman gargaarsi kan isaan barbaachisu siʼa taʼu, nuyimmoo Kiristiyaanota waan taaneef namootaaf garaadhaa akka yaannu argisiisuuf carraan nuuf banameera. (Mat. 22:39; Gal. 6:10) Garaadhaa akka namootaaf yaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

2. Karaan gara laafina argisiisuu itti dandeenyu keessa inni hunda caalu isa kamidha?

2 Hojii Gara Laafina Akka Qabnu Argisiisu: Jajjabinni dhugaa argamuu kan dandaʼu Waaqayyo biraa qofadha. (2 Qor. 1:3, 4) Yihowaan akkumasaa namootaaf ‘garaa kan laafnu’ akka taanu kan nu gorsu taʼuusaarrayyuu, hojii namootaaf misraachoo Mootummichaa lallabuus nuu kenneera. (1 Phe. 3:8) Rakkina ilmaan namootaarra gaʼaa jiruuf furmaata kan argamsiisu Mootummaa Waaqayyoo qofa waan taʼeef, karaan “warra garaan isaanii cabe” itti jajjabeessinu keessaa inni hunda caalu, hojii kanarratti dammaqinaan hirmaachuudha. (Isa. 61:1) Yihowaan gara laafina sabasaatiif qabuun kakaʼee hammeenya balleessuudhaan, addunyaa qajeelummaan keessa buufate fiduuf yeroo dhihootti tarkaanfii fudhata.—2 Phe. 3:13.

3. Namootaaf ilaalcha akka Yesus akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Namootaaf Ilaalcha Akka Yesus Qabaadhaa: Yesus yeroo namoota hedduudhaaf lallabaa turettillee, namoota Yihowaa wajjin walitti dhufeenya uumuu barbaadaniif dhuunfaatti xiyyeeffannaa kenna malee akkasumaan namoota gareedhaan hin ilaalu ture. Namoonni sun akkuma hoolota tiksee hin qabnee nama isaan geggeessu hin qaban turan. Yesus wanta arge kanatti waan gaddeef, obsaan isaan barsiisuuf kakaʼeera. (Mar. 6:34) Namootaaf ilaalcha akka Yesus qabaachuun keenya, dhuunfaatti namootatti gara laafina akka argisiisnu nu kakaasa. Kunimmoo sagalee keenyaafi fuula keenyarraa ifatti mulʼata. Hojiin lallabaa, hojii jireenya keenya keessatti dursa kennuufii qabnudha. Akkuma barbaachisummaasaatti wanta tokkoon tokkoon namootaa yaaddessurratti mariʼachuuf carraaqqii goona.—1 Qor. 9:19-23.

4. Gara laafina uffachuu kan qabnu maaliifi?

4 Namoonni gosa hundumaa keessaa walitti qabaman xiyyeeffannaa dhuunfaadhaan isaaniif godhameefi ergaa Mootummichaatiif deebii gaarii kennaa jiru. Gara laafina uffachuu keenya itti fufuudhaan, Waaqa keenya Yihowaa isa gara laafessaaf ulfinaa kennina; akkasumas isa gammachiisna.—Qol. 3:12.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi