LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/11 ful. 2
  • Ijoolleen Keessan Qophaaʼaniiruu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ijoolleen Keessan Qophaaʼaniiruu?
  • Tajaajila Mootummaa—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ijoolleen Keessan Rakkoowwan Hedduu Isaanirra Ga’an Akka Mo’an Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Barumsa Jalqabuuf Qophooftaniittuu?
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Warra kan Taatan—Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2011
km 7/11 ful. 2

Ijoolleen Keessan Qophaaʼaniiruu?

1. Barattoonni qophaaʼoo taʼuunsaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

1 Waggaa haaraan manni barumsaa itti banamu dhihaachaa jira. Kanaaf ijoolleen keessan rakkinaafi dhibbaa haaraan addaddaa isaan mudachuunsaa hin oolu. Karaa garabiraammoo, carraa addaa ‘dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf’ isaan dandeessisu isaaniif bana. (Yoh. 18:37) Maarree ijoolleen keessan qophaaʼaniiruu?

2. Ijoolleen keessan qophaaʼoo akka taʼaniif waaʼee maalii beekuu qabu?

2 Ijoolleen keessan, namni tokko ayyaanota sabboontummaafi amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya qabanirratti hirmaateera kan jedhamu maal yoo godhe akka taʼe hubataniiruu? Sababii ayyaanota kanarratti hirmaachuun dogoggora itti taʼehoo beekuu? Barumsa sadarkaa olaanaa akka baratan, saala faallaa wajjin wal beellamanii akka haasaʼan, dhugaatii akka dhugan ykn qoricha sammuu namaa hadoochu akka fudhatan dhiibbaa isaanirra gaʼu moʼuuf qophaaʼaniiruu? Yeroo haalli akkasii isaan mudatu ‘amantiinkoo naa hin heyyamu’ jedhumoo, wanta itti amanan akkamitti ibsuu akka dandaʼan beekuu?—1 Phe. 3:15.

3. Warri Waaqeffannaa Maatiisaaniitti fayyadamanii ijoolleesaanii qopheessuu kan dandaʼan akkamitti?

3 Waaqeffannaa Maatii Galgalaatti Fayyadamaa: Akka barbaachisummaasaatti waggaa guutuu ijoollee keessanii wajjin rakkina mana barumsaatti isaan mudaterratti akka mariʼattan beekamaadha. Taʼus, barumsi jalqabamuusaa dura rakkoowwan mana barumsaatti isaan mudachuu dandaʼanirratti mariʼachuuf carraaqqii addaa gochuun keessan, ijoolleen keessan ofitti amanannaa akka qabaatan isaan gargaara. Al tokko tokko Waaqeffannaa Maatii galgalaa gootan kaayyoo kanaaf maaliif itti hin fayyadamtan? Ijoolleen keessan mana barumsaa dhaquuf yeroo yaadan wanti baayʼee isaan yaaddessu maal akka taʼe isaan gaafachuu dandeessu. Ijoolleen keessan umriidhaanis taʼe hubannaadhaan guddachaa waan adeemaniif, dhimmawwan yeroo isaan ijoollee turan irratti mariʼachaa turtanirratti ammas mariʼachuu dandeessu. (Far. 119:95) Isin akka barsiisaa ykn gorsitoota mana barumsaa ykn barataa taatanii yeroo itti waliin shaakaltan qopheessuu dandeessu. Ijoolleen keessan Macaafa Qulqulluutti ykn kitaabota Ragaa Dhiheessuufi Gaaffii Dargaggootaatti fayyadamanii akkamitti deebii kennuu akka dandaʼan isaan barsiisaa. Haati tokko yeroo itti shaakala godhanitti fayyadamtee, yeroo manni barumsaa banamu ijoolleenshee Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuusaanii beeksisuuf akkamitti barsiisotasaaniitti dubbachuu akka dandaʼan isaan qopheessiti.—Masaraa Eegumsaa, Muddee 15, 2010, fuula 3-5 ilaali.

4. Warri ogeeyyii taʼan maal godhu?

4 Rakkoowwan guyyoota gara dhumaa “sodaachisaa” taʼan kana keessatti dargaggoota Kiristiyaanaa mudatan yeroo kamiyyuu caalaa ulfaataa taʼaa dhufaniiru. (2 Xim. 3:1) Kanaaf, warri ogeeyyii taʼan haalawwan kun uumamuusaanii dura fageessanii ilaaluudhaan rakkina kana moʼuu akka dandaʼaniif ijoolleensaanii qopheessuuf carraaqqii godhu. (Fak. 22:3) Egaan waggaa haaraan manni barumsaa itti banamu gaʼuusaa dura ijoolleen keessan qophaaʼoo akka taʼan gargaaruuf wanta dandeessan hunda godhaa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi