LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/09 ful. 3
  • Barumsa Jalqabuuf Qophooftaniittuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barumsa Jalqabuuf Qophooftaniittuu?
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ijoolleen Keessan Qophaaʼaniiruu?
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Dhugaa Baʼuurraa Duubatti Hin Jedhin
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Tajaajiltoota Mootummichaa Leenjisuu
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
Tajaajila Mootummaa—2009
km 8/09 ful. 3

Barumsa Jalqabuuf Qophooftaniittuu?

1. Yeroo manni barumsaa jalqabamu carraa akkamii argattu?

1 Dargaggoonni Kristiyaana taatan, mana barumsaa reefuu kan galtan taatanis, ta’uu baattanis, rakkoowwaniifi dhiibbaan haaraa addaddaa isinirra ga’a. Haata’u malee “dhugaadhaaf dhugaa ba’uuf” carraa haaraa argattu. (Yoh. 18:37) Kanaaf, Dhugaa ba’uuf akka gaariitti qophooftaniittuu?

2. Barumsa jalqabdanii wajjin haala wal qabateen karaawwan kamiin qophii gochuu dandeessu?

2 Jireenya keessan keessatti karaa hundumaa milkaa’ina akka argattaniif, maatii keessan, Yihowaa, akkasumas hojjetaa amanamaafi ogeessarraa leenjii baay’ee argattaniittu. (Fak. 1:8; 6:20; 23:23-25; Efe. 6:1-4; 2 Xim. 3:16, 17) Kanaaf, rakkoowwan mana barumsaatti isin mudachuu danda’an maalfaa akka ta’an ammumayyuu yaaduu akka dandeessan homaa hin shakkisiisu. Leenjii Waaqayyorraa argattaniifi beekumsa mana barumsaatti argattan xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan dhugaa ba’uuf qophaa’aa. (Fak. 22:3) Qajeelfamaafi yaadawwan Macaafa Qulqulluu bu’a qabeessa ta’an, kitaaba Gaaffii Dargaggootaa jedhamu jildii lamaan, akkasumas matadureewwan yeroo hunda barruu Dammaqaa! irratti maxxanfamaniirratti akka gaariitti xiyyeeffadhaa.

3. Karaawwan dhugaa ba’uu itti dandeessan kamfa’i?

3 Naannoon tajaajilaa keessan inni adda ta’e kun, karaawwan baay’ee dhugaa ba’uuf carraa isinii bana. Akkaataa uffannaafi filannaa gaarii, amala, haala ittiin dubbattan, warra wajjin barattaniifi barsiisota keessan ulfinaan qabuu keessan, akkasumas qabxii barumsa keessanitti argattan warri kaan yommuu argan, jireenya hundee cimaa ta’e qabaachuu keessan waan hubataniif, “Isin warra kaanirraa adda kan taatan maaliifi?” jedhanii isin gaafachuu danda’u. (Mil. 3:18; Yoh. 15:19) Kunimmoo, dhugaa ba’uufi waa’ee amantii keessanii isaanii ibsuuf carraa isinii bana. (1 Xim. 2:9, 10) Yeroo mana barumsaatti dabarsitan keessatti, qophiiwwan addaddaafi ayyaanaa wajjin haala wal qabateen rakkoowwan akka isin mudatan beekamaadha. Yeroo haalli akkasii isin mudatee, warri kaan maaliif akka irratti hin hirmaanne isin gaafatan, “Ani Dhugaa Baatuu Yihowaadha; Amantiinkoo naaf hin heyyamu” jettanii deebisuudhaan qofa callistumoo, carraa kanaatti fayyadamuudhaan waa’ee Yihowaa Abbaa keessan isa jaalala qabeessa ta’ee dhugaa baatu? Qajeelfama Yihowaan isinii kennu hordofuudhaan qophii gaarii gochuun, warra wajjin barattan, barsiisota keessaniifi namootaaf akka gaariitti dhugaa ba’uuf yeroo hundumaa qophaa’oo akka taatan isin gargaara.—1 Phe. 3:15.

4. Yeroon mana barumsaatti dabarsitan milkaa’a akka ta’u mirkanaa’oo ta’uu kan dandeessan maaliifi?

4 Mana barumsaa dhaquu si’a yaaddan xinnoo sodaan isinitti dhaga’amuu danda’us, yeroo mana barumsaatti dabarsitanitti milkaa’ina akka argattaniif namoonni isin gargaaran akka jiran beekaa. Kana malees, bakka naannoo tajaajilaa keessan isa addaa kanatti, warra kaaniif akka dhugaa baatan yommuu yaannu nuyis akkuma keessan gammanna. Kanaaf, ija jabeeyyii ta’uudhaan mana barumsaaf qophaa’a!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi