Fakkeenya Raajotaa Fudhadhaa—Yoonaas
1. Yoonaas amalawwan gaggaarii akkamii qaba ture?
1 Waaʼee Yoonaas raajichaa ennaa yaaddu maaltu gara sammuukeetti dhufa? Namoonni tokko tokko sodaattuu ykn gara jabeessa akka taʼe isaanitti dhagaʼama taʼa. Haataʼu malee, Yoonaas nama gad of deebisu, ija jabeessaafi fedhiisaa aarsaa godhu taʼuusaa argisiiseera. Amalawwan gaggaarii Yoonaas qabu akka ‘fakkeenyaatti fudhachuu’ kan dandeenyu akkamitti?—Yaq. 5:10.
2. Gad of deebisuudhaan fakkeenya Yoonaas hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Gad Of Deebisuu: Jalqabarratti Yoonaas, naannoo itti ramadame dhiisee kallattii kan biraatiin baqatee ture. Asoronni garmalee hamoo waan taʼaniifi Nanawweenis “mandara dhiiga namaa dhangalaaftu” jedhamee waan waamamtuuf, kana gochuunsaa nama hin dinqisiisu. (Nah. 3:1-3) Taʼus Yihowaan Yoonaasiin ifateera; Yoonaasis yeroo carraa lammaffaan kennameefitti hojicha raawwachuudhaan kan gad of deebisu taʼuusaa argisiiseera. (Fak. 24:32; Yon. 3:1-3) Yoonaas jalqabarratti kan baqate taʼus, booda garuu fedhii Yihowaa raawwateera. (Mat. 21:28-31) Nuhoo, yoo ifatamne ykn naannoo tajaajilaa rakkisaatti yoo ramadamneyyuu misiraachicha lallabuuf murteessineerraa?
3. Haala tajaajilaa isa kamtu ija jabinaafi fedhii ofii aarsaa gochuu gaafata?
3 Ija Jabinaafi Fedhii Ofii Aarsaa Gochuu: Yoonaas, murtoo gadhee gochuunsaa warra kaanirratti rakkina akka fide yommuu hubatu, lubbuusaa aarsaa gochuuf qophaaʼaa taʼeera. (Yon. 1:3, 4, 12) Booddee, hojii isaa kenname Nanawwee keessatti ennaa raawwachuuf jedhu, tarii magaalattii keessa kan lixe murtoo Yihowaa lallabuuf bakka mijaaʼaa barbaadee taʼuu dandaʼa. Tarkaanfiiwwan kun tarkaanfii namni sodaattuun fudhatu utuu hin taʼin, tarkaanfii raajiin ija jabeessa taʼe fudhatudha! (Yon. 3:3, 4) Nuyis yeroo harʼaatti mormiin utuu jiruu sodaa malee lallabuuf, Waaqayyo biraa ija jabina argachuun nu barbaachisa. (HoE. 4:29, 31) Yeroofi qabeenya keenya tajaajilarra oolchuuf, fedhii ofii aarsaa gochuun barbaachisaadha.—HoE. 20:24.
4. Fakkeenya gaarii raajonni Yihowaa nuu kaaʼanirratti xiinxaluu kan qabnu maaliifi?
4 Seenaa waaʼee raajota Yihowaa ibsu yeroo dubbistu hundumaatti, haala sana keessa akka jirtu gootee yoo yaadde ni fayyadamta. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Utuun ana taʼee maalan godha ture? Amalawwan gaggaarii raajiin kun qabu hordofuu kanan dandaʼu akkamitti?’ (Ibr. 6:11, 12) Matadureewwan gara fuulduraatti Tajaajila Mootummaarratti baʼan, barumsa dabalataa raajota Yihowaa amanamoo taʼan kaanirraa barannu qabatanii baʼu.