LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/13 ful. 2
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bilbilaan Ergaa Waliif Barreessuu Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Yaada Koo Sassaabbachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Meeshaalee Eleektiroonikii Fayyadamuun Araada Natti Taʼeeraa?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Namoota Hamma Ta’e Fedhii Argisiisan Hunda Deebi’aa Gaafadhaa
    Tajaajila Mootummaa—2006
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2013
km 4/13 ful. 2

Saanduqa Gaaffii

◼ Yeroo walgaʼii gumiirratti argamnuufi tajaajilarratti hirmaannu itti fayyadama moobaayilii ilaalchisee seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu warra kam hojiirra oolchuu dandeenya?

“Wanti Hundinuu Yeroo Qaba.” (Lal. 3:1): Moobaayiliin, namoonni yeroo barbaadanitti ergaa akka waliif ergan ykn akka waliin haasaʼan gargaara. Haataʼu malee, Kiristiyaanonni bilbillisaanii akka isaan hin jeeqne yeroon itti barbaadan jira. Fakkeenyaaf walgaʼiiwwan keenya, yeroo Yihowaa itti waaqeffannu, yeroo barumsa hafuuraa itti argannuufi yeroo itti wal jajjabeessinudha. (Kes. 31:12; Far. 22:22; Rom. 1:11, 12) Yeroo bakka walgaʼii geenyu bilbila keenya cufuufi yeroo walgaʼiin xumuramu ergaa nuu ergame ilaaluu dandeenya. Wanti ariifachiisaan bilbila keenya banaa akka goonu nu dirqisiisu yoo jiraate, bilbilichi warra kaan akka hin jeeqne gochuu qabna.

‘Wangeelaaf Jedhaatii Waan Hundumaa Godhaa.’ (1 Qor. 9:23): Yeroo tokko tokko moobaayiliin tajaajilarratti nu fayyaduu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleessi walgaʼii tajaajilaa geggeessu, haala obboloota naannoo tajaajilaa sanatti tajaajilaa jiran kaanii beekuuf bilbilatti fayyadamuu dandaʼa. Babalʼistoonni keessumaa namni fedhii qabu ykn Macaafa Qulqulluu qayyabatu tokko isaanirraa fagoo kan jiru yoo taʼe, nama kana bira dhaquusaanii dura bilbilaan isa haasofsiisuu dandaʼu. Bilbila keenya qabanneerra taanaan, yommuu nama haasofsiisnu akka nu hin jeeqnetti of eeggannoo gochuu qabna. (2 Qor. 6:3) Yommuu babalʼistoota kaan eegnu, bilbilaan haasaʼuu ykn ergaa barreessuu mannaa, tajaajila keenyarrattiifi namoota wajjin tajaajillurratti xiyyeeffachuun keenya gaarii mitii?

Warra Kaaniif Yaadaa. (1 Qor. 10:24; Filp. 2:4): Yeroo hunda bakka gareen tajaajilaa keenya jiru bilbillee beekuu akka dandeenyu yaaduudhaan, saʼaatiin walgaʼii tajaajilaa akka nutti barfatu hin barbaannu. Saʼaatii yoo dabarsine, yeroo baayʼee gareen sun deebiʼee ramadamuunsaa dirqama taʼa. Dhugaadha, al tokko tokko haalli humna keenyaa ol taʼe nutti barfachiisuu dandaʼa. Haataʼu malee, yeroodhaan gaʼuu barsiifata yoo godhanne, qophii Yihowaatiif, obboleessa geggeessuufi babalʼistoota kaaniif kabaja akka qabnu argisiisna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi