Yeroo Kabajuu Barsiifata Godhadhaa
1. Yihowaan yeroo kabajuurratti fakkeenya akkamii nuuf taʼa?
1 Yihowaan yeroo hundumaa yeroo kabaja. Fakkeenyaaf ‘yeroo barbaachisaa’ taʼetti tajaajiltootasaa ‘ni gargaara.’ (Ibr. 4:16) Akkasumas ‘nyaata hafuuraa yeroodhaan ni kenna.’ (Mat. 24:45) Kanaafuu, guyyaan dheekkamsaa fuuldura keenya jirus ‘akka hin turre’ mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (An. 2:3) Yihowaan yeroo kabajuunsaa faayidaa guddaa nuuf argamsiisa. (Far. 70:5) Haataʼu malee, cubbamoo waan taaneef yeroo kabajuun nu rakkisuu dandaʼa. Yeroo kabajuu barsiifata godhachuu kan qabnu maaliifi?
2. Yeroo kabajuun Yihowaaf ulfina fida kan jennu maaliifi?
2 Yeroo harʼaa yeroo namoonni ofittoofi kan of hin qabne itti taʼan kanatti, yeroo kabajuun ulfaataa taʼeera. (2 Xim. 3:1-3) Kanaaf, yommuu Kiristiyaanni tokko hojii, beellamaafi walgaʼiirratti yeroodhaan argamu namoonni kaan kan hubatan siʼa taʼu, kun immoo Yihowaadhaaf ulfina fida. (2 Phe. 2:12) Hojii keenyarratti yeroodhaan argamnee, garuu yeroo baayʼee sochiiwwan tiʼookraasiirratti yeroo hirmaannu ni barfannaa? Faarfannaafi kadhannaa jalqabaa dabalatee walgaʼiiwwan gumiirratti yeroodhaan argamuun keenya, fakkeenya Abbaa keenya isa samii, isa waan hundumaa sabriidhaan hojjetuu hordofuu akka barbaannu argisiisa.—1 Qor. 14:33, 40.
3. Yeroo kabajuun karaa namoota kaaniif akka yaannu itti argisiisnudha kan jennu maaliifi?
3 Dabalataanis yeroo kabajuun namoota kaaniif akka yaannu kan argisiisudha. (Filp. 2:3, 4) Fakkeenyaaf walgaʼii gumiitiif akkasumas walgaʼii tajaajila dirreerratti yeroodhaan kan argamnu yoo taʼe, obboloonni keenya hin jeeqaman. Karaa biraatiin barfachuu kan amaleeffannu taanaan, warri kaan yeroo keenya kansaaniirra caalchisnee akka ilaallu godhanii yaaduu dandaʼu. Yeroo kabajuun keenya amala namoota naannoo keenya jiran biratti iddoo guddaa qabu argisiisaa akka jirru, jechuunis amanamoofi tattaaffii cimaa gochaa kan jirru taʼuu keenya argisiisa.
4. Yeroo baayʼee kan barfannu yoo taʼe fooyyessuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Yeroo baayʼee ni barfatta taanaan maaliif jedhii of gaafadhu. Sagantaa wanta tokko yeroo ramadameefitti hojjechuuf si dandeessisu baafachuudhaan hojiirra oolchuuf yaali. (Lal. 3:1; Filp. 1:10) Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. (1 Yoh. 5:14) Yeroo kabajuun karaa itti dinqisiifannaa abboommiiwwan hundumaa irra caalan lamaaniif qabnu, jechuunis karaa namootaafi Waaqayyoon akka jaallannu itti argisiisnudha.—Mat. 22:37-39.