LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/14 ful. 2
  • Bara 1914 Ilaalchisee Amantii Qabnu Ibsuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bara 1914 Ilaalchisee Amantii Qabnu Ibsuu
  • Tajaajila Mootummaa—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mataduree Walitti Aansee Ba’uufi Tajaajila Keenyaaf Nu Gargaaru
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe?—Kutaa 2
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe?—KUTAA 1
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2014
km 10/14 ful. 2

Bara 1914 Ilaalchisee Amantii Qabnu Ibsuu

Macaafni Qulqulluun, ‘deebii gaʼu deebisuudhaaf qophaaʼoo’ akka taanuufi kanas, “arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis” akka goonu nu jajjabeessa. (1 Phe. 3:15, 16) Dhugaawwan Macaafa Qulqulluu gadi fageenya qaban kanneen akka, Mootummichi bara 1914⁠tti bulchuu akka jalqabe dubbatanii ibsuun ulfaataa akka taʼe ifadha. Gama kanaan nu gargaaruuf, matadureen kutaa lama qabuufi “Maree Macaafa Qulqulluurratti Hundaaʼe—Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe?” jedhu nuuf qophaaʼeera. Matadureen lamaan kun, barruulee Masaraa Eegumsaa jiʼa Onkoloolessaafi Sadaasaatti (Kutaan inni lammaffaan afaan Oromootiin hin jiru) raabsinurratti baʼaniiru. Matadureewwan kana ennaa dubbistan, wanta babalʼisaan Caalaa jedhamu godhe ilaalchisee gaaffiiwwan armaan gadiirratti yaadaa.

• Isa galateeffachuudhaan yaada lamaansaaniiyyuu irratti walii galanirratti kan xiyyeeffate akkamitti?—HoE. 17:22.

• Waaʼee amantii isaa ennaa ibsu akka gad of deebisu kan argisiise akkamitti? —HoE. 14:15.

• Yaada dabalataa dubbachuusaa dura, yaada irratti mariʼatan gabaabsee irra deebiʼuunsaa . . .

• Wanta ibsaa jiru hubachuusaa mirkaneeffachuuf darbee darbee gaaffii isa gaafachuunsaa . . .

• Yeroo tokkotti yaada baayʼee dubbachuu dhiisuunsaa gaarii kan taʼe maaliifi?—Yoh. 16:12.

Yihowaan inni “Barsiisaa” keenya isa Guddicha taʼe, dhugaawwan Macaafa Qulqulluu gadi fageenya qaban namoota fedhii qabaniif akkamitti ibsuu akka dandeenyu waan nu barsiiseef baayʼee isa galateeffanna!—Isa. 30:20.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi