Akkaataa Dhiheenyaa
Masaraa Eegumsaa Ebla-Waxabajjii
“Malaanmaltummaan mootummaa rakkina furmaata hin arganne fakkaata. Maaliif sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafa Qulqulluu keessaa caqasa nama dinqisiisu tokko utuun sitti argisiisee natti tola. [Lallaba 7:20 dubbisi.] Barruun kun malaanmaltummaan furmaata argachuu akkaataa itti dandaʼu Macaafa Qulqulluu irraa ibsa. Akka ati dubbistun si afeera.”
Dammaqaa! Ebla-Waxabajjii
“Barruu Dammaqaa! dhiheenyatti baʼe namootatti argisiisaa jirra. Gaaffii xiyyeeffannaa namaa harkisu tokkoof deebii kenna. [Qola isaa itti argisiisi.] Fakkeenya barruu kana irratti argamu ilaaluudhaan yaada akka ati naa kennitun barbaada. [Fakkeenya 29:11 dubbisi.] Yaanni Macaafa Qulqulluu irratti argamu kun yeroo harʼaa waan hojjetu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu afurii fi akkaataa itti hojii irra oolchuu dandeenyu ibsa.”