AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Jireenya Hunda Irra Wayyu
Jaarmiyaa Yihowaa keessatti dargaggoonni filannoowwan hedduu qabu. Kaameruun yeroo dargaggummaa ishiitti akkamitti ogummaadhaan akka fayyadamte ilaaluuf viidiyoo Jireenya Hunda Irra Wayyu jedhamu ilaalaa. Achiis gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii kennaa. (jw.org/om irraa, WANTOOTA QOPHAAʼAN > VIIDIYOO jalaa ilaali.)
Jireenya Kaameruun keessatti wanti iddoo guddaa qabu maal ture?
Tajaajila ishii balʼifachuuf kan murteessite yoomii fi akkamitti?
Biyya babalʼistoonni mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf kan qophoofte akkamitti?
Kaameruun biyya fagootti yommuu tajaajiltu rakkoowwan akkamii ishii mudataniiru?
Bakka ykn naannoo itti tajaajillee hin beeknetti Yihowaa tajaajiluun faayidaa akkamii qabaachuu dandaʼa?
Kaameruun eebbawwan akkamii argatteetti?
Yihowaa tajaajiluun jireenya hunda irra wayyu argamsiisa kan jennu maaliifi?
Jaarmiyaa Yihowaa keessatti dargaggoonni filannoowwan kan biraa akkamii qabu?