Hindii, Lixa Beengaalitti haadhaa fi intala tokkoof yommuu lallabdu
Ittiin Lixa
MASARAA EEGUMSAA
Gaaffii: Hundi keenya yeroon itti jajjabinni nu barbaachisu jira. Haa taʼu malee, eessaa argachuu dandeenya?
Caqasa: 2Qo 1:3, 4
Barreeffamicha Kennuuf: Barruun Masaraa Eegumsaa kun Waaqayyo akkamitti jajjabina akka kennu ibsa.
MASARAA EEGUMSAA (fuula dhumaa)
Gaaffii: Namoonni tokko tokko Mootummaan Waaqayyoo wanta garaa namaa keessa jiru akka taʼe yaadu; kaan immoo buʼaa carraaqqii namoonni addunyaa irratti nagaa fiduuf godhanii akka taʼe yaadu. Atoo maal sitti fakkaata?
Caqasa:Dan 2:44
Barreeffamicha Kennuuf: Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa dhugumaan jiru dha. Mata dureen kun wanta Kitaabni Qulqulluun Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee dubbatu balʼinaan ibsa.
DHUGAA BARSIISAA
Gaaffii: Waaqayyo akka nuuf yaadu akkamitti beekuu dandeenya?
Caqasa: 1Ph 5:7
Dhugaa: Waaqayyo waan nuuf yaaduuf, gara isaatti kadhannaa akka dhiheessinu nu afeereera.
ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU
Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi.