LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb16 Sadaasa ful. 5
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?—Akkamitti Itti Fayyadamna?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?—Akkamitti Itti Fayyadamna?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti Yeroo Fayyadamtan Fakkeenya Barsiisaa Guddichaa Hordofaa
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Namoonni Wanta Macaafni Qulqulluun Barsiisu Hojiirra Akka Oolchan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu —Kitaaba Macaafa Qulqulluu Qayyabachuuf Gargaaru
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Saanduqa Gaaffii–1
    Tajaajila Mootummaa—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
mwb16 Sadaasa ful. 5

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? —Akkamitti Itti Fayyadamna?

Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?

Kitaabni Maal Nu Barsiisa? jedhamuu fi kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu wal fakkaata. Kitaabonni lamaanuu kitaabota barsiisuuf itti fayyadamnu siʼa taʼan, dhugaa Kitaaba Qulqulluu karaa wal fakkaatuun barsiisu. Haa taʼu malee, kitaabni Maal Nu Barsiisa? jedhamu jechootaa fi ibsa salphaa taʼetti fayyadama. Namoota kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu hubachuun itti ulfaatuuf qophaaʼe. Kitaabni Maal Nu Barsiisa? jedhamu kutaa dabalataa utuu hin taʼin, ibsa dabalataa, jechootaa fi yaadawwan barumsicha keessa jiran irratti ibsa salphaa kennu qabateera. Boqonnaawwan kitaaba kanaa gaaffiiwwan seensaa ykn saanduqa irra deebii hin qaban. Kanaa mannaa, dhugaa Kitaaba Qulqulluu barumsicha keessatti ibsame addeessuudhaan xumuru. Akkuma kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu, kitaaba Maal Nu Barsiisa? jedhamus barreeffama jiʼa sanatti raabsamu taʼuu baatus, yeroo hunda kennuun ni dandaʼama. Yommuu qoʼannaa geggeessinutti qabiyyee addaa kitaaba Maal Nu Barsiisa? jedhamuu fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

Qabxiilee ijoo boqonnaa kitaaba Maal Nu Barsiisa? Jedhamu keessa jiru

QABXIILEE IJOO: Namoonni hedduun jalqaba keeyyata kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu tokko dubbisuudhaan achiis gaaffii gaafachuudhaan akkaataan itti qoʼachiisnu gaarii akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, barataan sun afaan sana sirriitti hin beeku ykn sirriitti dubbisuu hin dandaʼu yoo taʼe hoo? Yeroo kanatti, kitaaba Maal Nu Barsiisa? jedhamu fayyadamuu dandeenya; qabxiilee ijoo boqonnichaa irratti hundaaʼuudhaan qoʼannicha erga geggeesinee booda guutummaa boqonnichaa ofuma isaatiin akka dubbisu isa jajjabeessuun ni dandaʼama. Dhugaan Kitaaba Qulqulluu tokko gara daqiiqaa 15tiif qoʼatamuu dandaʼa. Qabxiileen ijoo, yaada boqonnicha keessatti balʼinaan ibsame guutummaatti waan hin qabanneef, barsiisichi akka gaariitti qophaaʼuu fi wanta baraticha barbaachisu yaadatti qabachuu qaba. Barsiisichi qoʼannicha kan geggeessu keeyyatawwan boqonnichaatti fayyadamee yoo taʼe immoo, qabxiilee ijoo irra deebiidhaaf itti fayyadamuu dandaʼa.

Ibsaa dabalataa kitaaba Maal Nu Barsiisa? jedhamu keessa jiru

IBSA DABALATAA: Jechoonnii fi yaadawwan ibsa dabalataa keessa jiran akkuma duraa duuba barumsicha keessa jiraniitti kaaʼamani. Barsiisichi qoʼannaa irratti ibsa dabalataa kitaaba Maal Nu Barsiisa? jedhamuu irratti mariʼachuuf ykn dhiisuuf murteessuu ni dandaʼa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi