AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Barreeffamoota Keenyatti Sirriitti Fayyadamaa
Yesuus, “Waan tola fudhattaniif, tola kennaa” jedhee barsiiseera. (Mat 10:8) Qajeelfama ifa taʼe kana hordofuudhaan Kitaaba Qulqulluu ykn barreeffamoota keenya namootaaf tola kennina. (2Qo 2:17) Barreeffamoonni kun dhugaa Dubbii Waaqayyoo irratti hundaaʼe qabataniiru. Barreeffamoota kana maxxansuu fi gumiiwwan addunyaa maratti argamanitti erguunis carraaqqii fi baasii guddaa gaafata. Kanaaf, fudhachuu kan qabnu hanga nu barbaachisu qofa taʼuu qaba.
Bakka namoonni baayʼinaan argamanittis taʼe akaakuu tajaajilaa kaan irratti barreeffamoota keenya yommuu namootaaf kenninu hubannaa qabaachuu nu barbaachisa. (Mat 7:6) Namoota karaa irra darban hundaaf akkasumaan barreeffamoota keenya kennuu mannaa, isaanii wajjin maree gochuuf carraaqii gochuudhaan fedhii isaanii beekuuf haa yaallu. Gaaffiiwwan saanduqa keessatti argaman keessaa yoo xinnaate isa tokkoof deebii ‘eeyyee’ jedhu kennuu ni dandeessaa? Namni haasofsiisnu fedhii qabaachuu isaa mirkanaaʼaa miti taanaan, tiraaktii isaaf kennuun keenya gaarii taʼuu dandaʼa. Namni sun barruulee ykn barreeffamoota kan biraa yoo nu gaafate garuu kennuufii dandeenya.—Fak 3:27, 28.