LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/11 ful. 2
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barreeffamoota Keenyatti Sirriitti Fayyadamaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti Hundaa’anii Qophaa’anitti Akka Gaariitti Fayyadamaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Haala Akkamiirratti Argama?
    Tajaajila Mootummaa—2011
Tajaajila Mootummaa—2011
km 12/11 ful. 2

Saanduqa Gaaffii

◼ Nama tokkoof barreeffama kennuuf ykn dhiisuuf akka murteessinu kan nu godhu maalidha?

Wanti dursi kennamuuf, namni haasofsiisnu fedhii kan qabu taʼuusaati. Yoo fedhii dhugaa argisiise barruu lama, birooshura, kitaaba ykn barreeffama raabsaa jirru kan biraa kennuufii dandeenya. Hojii addunyaa maraatiif buusiin inni godhu yoo xinnaates taʼe yoo homaa gochuu baate kennuufii qabna. (Iyo. 34:19; Mul. 22:17) Karaa gara biraatiinimmoo, barreeffamoota keenya namoota dinqisiifannaa hin qabneef hin kenninu.—Mat. 7:6.

Namni haasofsiisnu fedhii qabaachuusaa kan argisiisu akkamitti taʼuu dandaʼa? Nu haasofsiisuuf fedhii qabaachuunsaa kanaaf ragaa gaarii taʼa. Yommuu dubbannuu xiyyeeffannaa kennuunsaa, gaaffii isa gaafannu deebisuunsaafi ilaalcha qabu ibsuunsaa maree goonurratti akka hirmaachaa jiru argisiisa. Macaafa Qulqulluu yommuu dubbisnuuf nuu hordofuunsaas, Dubbii Waaqayyootiif kabaja akka qabu argisiisa. Yeroo baayʼee, barreeffama isaaf kennuuf yaane kan dubbisuu taʼuusaa isa gaafachuun gaariidha. Babalʼistoonni namni haasofsiisan fedhii qabaachuuf dhiisuusaa sirritti hubachuu qabu. Fakkeenyaaf, yommuu daandiirratti tajaajillu barruulee, birooshuroota ykn kitaabota nama argine hundaaf akkasumatti kennuun sirrii miti. Fedhii qabaachuufi dhiisuusaa beekuun yoo nu rakkise, waraqaa afeerrii ykn tiraaktii kennuufii dandeenya.

Haaluma wal fakkaatuun, barreeffamni babalʼisaan tokko fudhatu hamma tajaajilaaf isa barbaachisu taʼuu qaba malee, qarshii buusii gochuu dandaʼurratti kan hundaaʼe taʼuu hin qabu. Buusiin kan godhamu barreeffamootaaf kaffaluuf utuu hin taʼin, hojii lallabaa addunyaa maratti godhamu hundarratti gargaarsa gochuufidha. Galiin keenya hammamiyyuu yoo taʼe, hojii Mootummichaa deggeruuf arjummaadhaan akka kenninu kan nu kakaasu qarshiin nurraa hafuusaa utuu hin taʼin dinqisiifannaa qabnudha. (Mar. 12:41-44; 2 Qor. 9:7) Dinqisiifannaan akkasii, barreeffamoota nu barbaachisan qofa fudhachuudhaan qabeenya Mootummichaa akka hin balleessine nu godha.

[Yaada Gabaabaatti ibsameefi fuula 2⁠rra jiru]

Babalʼistoonni namni haasofsiisan fedhii qabaachuuf dhiisuusaa sirriitti hubachuu qabu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi