Uumaan Keenya Inni Jaalala Qabeessi Waaʼee Keenya ni Yaada
1. UUMAAN KEENYA ADUU NI BAASA
Ifni aduu utuu hin jiru taʼee jireenyi lafa irraa maal akka fakkaatu tilmaamuu dandeessaa? Humni aduun kennitu mukkeetiin baalaa fi abaaboo akka baafatan, akkasumas ija mukaa, firii fi sanyiiwwan akka godhatan isaan gargaara. Kana malees, mukkeetiin karaa hidda isaanii lafa keessaa bishaan harkisuudhaan gara baala isaanitti akka geessanii fi akka hurkaatti qilleensatti akka gadhisan isaan gargaara.
2. UUMAAN KEENYA BOKKAA NI ROOBSA
Bokkaan kennaa dinqisiisaa Waaqayyoo biraa argannee fi lafti nyaata akka nuuf argamsiistu taasisu dha. Waaqayyoo samii irraa bokkaa roobsuu fi waqtilee firii qaban nuuf kennuudhaan, akkasumas nyaata akka quufnuu fi garaan keenya gammachuudhaan akka guutamu godheera.
3. UUMAAN KEENYA NYAATAA FI UFFATA NUUF KENNA
Abbootiin manaa baayʼeen nyaata gaʼaa fi uffata maatiiwwan isaaniitiif barbaachisu dhiheessuun isaan yaaddessa. Kana ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu hubadhu: “Simbirroota samii xiyyeeffannaadhaan ilaalaa; isaan sanyii hin facaasan yookiin hin haaman yookiin gootaraatti hin galchan; taʼus Abbaan keessan inni samii isaan soora. Maarree isin isaan irra hin caaltanii?”—Maatewos 6:25, 26.
“Abaaboowwan bakkee akkamitti akka guddatan hubadhaa ilaalaa; . . . garuu ani isiniin nan jedha, Solomoon [Mootichi] inni ulfina hamma sana qabu illee, isaan keessaa hamma ishii tokkoo illee hin miidhagne. Waaqayyo biqiltoota bakkee . . . akkanatti uffisa erga taʼee . . . isinitti immoo kana caalaa hin uffisuu ree?”—Maatewos 6:28-30.
Waaqayyo nyaataa fi uffata nuuf kenna erga taʼee, wantoota jireenyaaf nu barbaachisan kan biroos argachuuf akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Fedhii Waaqayyoo raawwachuuf yaalii kan goonu yoo taʼe, carraaqqii nyaata oomishuuf goonu nuuf eebbisa ykn wanta nu barbaachisu bitachuuf hojii akka argannu nu gargaara.—Maatewos 6:32, 33.
Dhuguma iyyuu, ifa aduu, bokkaa, simbirrootaa fi abaaboowwan yommuu ilaallu sababii quubsaa Waaqa keenya itti jaallannu qabna. Mata dureen itti aanu Uumaan keenya ilmaan namootaa wajjin akkamitti akka dubbate ibsa.