AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Dandeettii Tajaajilaa Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Deddeebii Gaaffii Gochuu
BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Namoonni ergaa Mootummichaatiif fedha argisiisan hedduun dhugaa waaʼee Waaqayyoo beekuu isaan barbaachisa. (Isa 55:6) Irraa jalaan isaan barsiisuuf, yeroo yerootti deddeebinee dhaquu qabna. Rakkoowwan namoota mudatan adda adda waan taʼaniif, akkaataan fedhii isaanii itti guddisnus garaa gara dha. Haa taʼu malee, akka gaariitti kan qophoofnuu fi galma keenya isa dhumaa, jechuunis qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe caalaatti bu’a qabeeyyii taʼuu dandeenya.
KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
Daftanii, tarii immoo guyyoota muraasa gidduutti deebitanii dhaquuf yaalaa.—Mat 13:19
Michummaa uumaa, kabaja argisiisaa. Isaan tasgabbeessuuf yaalaa
Nagaa hoʼaa gaafachuudhaan jalqabaa. Maqaa isaatiin isa waamaa. Deebitanii kan dhaqxan, tarii gaaffii isaa isaaf deebisuuf, barruu haaraa isaaf kennuuf, weeb saayitii keenya itti argisiisuuf, viidiyoo itti argisiisuuf ykn qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu akkamitti akka geggeeffamu itti argisiisuuf akka taʼe itti himuu dandeessu. Namni sun mata duree kan biraa yoo kaase, akkuma haala isaatti deebii kennuuf of qopheessaa.—Flp 2:4
Sanyii dhugaa garaa isaa keessatti facaastan, yaada Kitaaba Qulqulluu irraa argattan itti himuu fi tarii immoo barreeffama isaaf kennuudhaan bishaan obaasuu dandeessu. (1Qo 3:6) Hariiroo isaa wajjin qabdan guddisuuf yaalaa
Deebitanii dhaquudhaaf haala mijeessaa