AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Jaalalli Dhugaan Maalidha?
Yihowaan gaaʼela kan hundeesse dhiirri tokkoo fi dubartiin tokko yeroo hundumaatiif akka waliin jiraataniif ture. (Uma 2:22-24) Wal hiikuuf sababii kan taʼu yoo ejji raawwatame qofa dha. (Mil 2:16; Mat 19:9) Yihowaan gaaʼelli gammachuu akka qabaatu waan barbaaduuf, qajeelfama Kiristiyaanonni nama hiriyaa gaaʼelaa isaaniif taʼu ogummaadhaan akka filatanii fi gaaʼela gammachiisaa akka qabaatan gargaaru kenneera.—Lal 5:4-6.
VIIDIYOO JAALALLI DHUGAAN MAALIDHA? JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Sirreeffamni Firaankii fi Booniyeen intala isaanii Liiziif kennan, ogummaa fi jaalala irratti kan hundaaʼe dha kan jennu maaliifi?
Nama gaaʼelaaf qorachaa jirtu tokko jijjiiruu nan dandaʼa jettee yaaduun kee sirrii kan hin taane maaliifi?
Gorsi ogummaa irratti hundaaʼee fi Poolii fi Piriisiilaan Liiziif kennan maalidha?
Gaaʼela Zaakii fi Meegan keessatti rakkoowwan kan uumaman maaliifi?
Joonii fi Liiz galma hafuuraa walfakkaataa akkamii qabu turan?
Kakuu gaaʼelaa galuu keessan dura, “keessa namummaa . . . isa dhokataa” nama sanaa beekuu kan qabdan maaliifi? (1Ph 3:4)
Jaalalli dhugaan maalidha? (1Qo 13:4-8)