BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | YAAQOOB 3-5
Ogummaa Waaqayyoo Akka Qabdan Argisiisaa
Ogummaan Yihowaa hojiidhaan kan mulʼatu dha. Fakkeenyaaf, obboloota keenyaa wajjin deebinee nagaa akka uumnu nu gargaaruu dandaʼa. Dhugumaan ogummaa Waaqayyoo yoo qabaanne amala keenya irratti ni mulʼata.
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Amalawwan ogummaa Waaqayyoo kanneen keessaa dhiheenyatti kanan argisiise warra kam faʼi? Tarii tokko tokko immoo fooyyessuu kanan dandaʼu akkamitti?’
Qulqulluu
Naga qabeessa
Tole kan jedhu
Ajajamuuf kan qophaaʼe
Gara laafinaa fi firii gaariidhaan kan guutame
Kan hin loogne
Kan hin fakkeessine