BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BA’UU 12
Ayyaanni Faasikaa Kiristiyaanotaaf Hiika Akkamii Qaba?
Israaʼeloonni dhaʼichi inni kurnaffaan akka isaan irra hin geenyeef, qajeelfama isaaniif kennameef ajajamuu qabu turan. (Bau 12:28) Niisaan 14 galgala, maatiiwwan mana isaanii keessatti walitti qabamu turan. Xobbaallaa hoolaa ykn xobbaallaa reʼee kormaa waggaa tokkoo qalu turan; innis mudaa kan hin qabne taʼuu qaba. Dhiiga isaa maqaanii fi gubanii irratti facaasuu qabu turan. Achiis guutummaa hoolaa ykn reʼee sanaa waadanii, saffisaan nyaatu turan. Hanga ganamaatti namni tokko iyyuu manaa baʼuu hin dandaʼu ture.—Bau 12:9-11, 22.
Yeroo harʼaatti, ajajamuun keessumaa karaawwan kamiin eegumsa nuuf godha?