BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BA’UU 17-18
Dhiironni Humna Ofii Beekan Warra Kaan ni Leenjisu, Itti Gaafatamummaas Isaaniif ni Kennu
Obboloonni muuxannoo qaban obboloota dargaggoota taʼan yeroo leenjisanii fi itti gaafatamummaa isaaniif kennan amala humna ofii beekuu, jaalalaa fi hubannaa akka qaban argisiisu. Akkamitti?
Obboloota itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuu dandaʼan filadhaa
Hojii tokko xumuruuf maal gochuu akka qaban ifatti isaanitti himaa
Maallaqaa fi meeshaa isaan barbaachisu akka argatan godhaa, gargaarsas isaaniif godhaa
Hojii isaaniif kenname yeroo hojjetan isaan hordofaa, akkasumas dandeettii qabanitti akka amanamtan isaaniif ibsaa
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Itti gaafatamummaawwan warra kaaniif kennuu dandaʼu isaan kami?’