LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb22 Caamsaa ful. 11
  • Fedhii Keessan Toʼadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fedhii Keessan Toʼadhaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaʼee Tamboo Xuuxuu fi Waaʼee Sijaaraa Eleektiroonikii Xuuxuu Maal Beekuun Qaba?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Sijaaraa Xuuxuu Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
mwb22 Caamsaa ful. 11

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Fedhii Keessan Toʼadhaa

Namoota cubbuu dhaalle waan taaneef, fedhii keenya toʼachuuf qabsoo wal irraa hin cinne gochuu qabna. Akkasumaan yoo dhiisne garuu surraa Yihowaa dhabuu dandeenya. Fakkeenyaaf namoonni tokko tokko fedhiin isaan nyaataaf, uffataa fi manaaf qaban jaalala Waaqayyoof qaban akka ukkaamsu heyyamaniiru. Kaan immoo karaa ulaagaa Waaqayyoo faallessuun fedhii saalqunnamtii isaanii guuttatu. (Rom 1:26, 27) Warri kaan immoo fedhii jaallatamuu ykn fudhatama argachuuf qabaniin kakaʼanii dhiibbaa hiriyaatiif harka kennu.—Bau 23:2.

Fedhii keenya toʼachuu kan dandeenyu akkamitti? Wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuuf waan nuu dandaʼame hunda gochuu qabna. (Mat 4:4) Kana malees, fedhii keenya toʼachuuf akka nu gargaaru Yihowaatti wawwaannaa dhiheessuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas inni nuuf wanta hunda irra wayyu ni beeka, akkasumas fedhiiwwan keenya warra sirrii taʼan akkamitti guuttachuu akka dandeenya beeka.—Fr 145:16.

VIIDIYOO TAMBOO XUUXUUDHAAN OF HIN GUBIN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Fakkii viidiyoo “Tamboo Xuuxuudhaan Of hin Gubin” jedhamu irraa fudhatame. Ashaangulliitota warshaa ashaangulliitii keessaa tamboo xuuxaa baʼaa jiran.

    Namoonni tokko tokko tamboo kan xuuxan maaliifi?

  • Fakkii viidiyoo “Tamboo Xuuxuudhaan Of hin Gubin” jedhamu irraa fudhatame. Sombi nama tamboo xuuxu tokkoo garmalee yommuu qufaʼu.

    Tamboo xuuxuun maal si irraan gaʼuu dandaʼa?

  • Fakkii viidiyoo “Tamboo Xuuxuudhaan Of hin Gubin” jedhamu irraa fudhatame. Daldalaan guddaan tokko meeshaa ittiin tamboo xuuxan kiyyoo qurxummiitti hidhee shamarree tokkoof kennaa jira.

    Tamboo xuuxuu fi sijaaraa elektiroonikii fayyadamuun dogoggoraa?—2Qo 7:1

  • Fakkii viidiyoo “Tamboo Xuuxuudhaan Of hin Gubin” jedhamu irraa fudhatame. Shamarreen tokko bantii gamoo tokkoo irra dhaabattee gara aduu ilaalaa jirti.

    Fedhii tamboo akka xuuxxu sitti uumamu moʼuu ni dandeessa!

    Tamboo xuuxuu diduu kan dandeessu akkamitti? Araada akkasii qabda yoo taʼe immoo dhaabuu kan dandeessu akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi