BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Ogummaa Isaatiif Yihowaa Jajadhaa
Yihowaan Solomooniif ogummaa baayʼee guddaa taʼe kenneera (1Mo 10:1-3; w99-AM 7/1 30 key. 6)
Mootuun Sheebaa ogummaa Yihowaan Solomooniif kenneen dinqisiifamteetti (1Mo 10:4, 5; w99-AM 11/1 20 key. 6)
Mootuun Sheebaa Yihowaan Solomooniin mootii godhee waan muudeef Yihowaa jajatteetti (1Mo 10:6-9; w99-AM 7/1 30-31)
Akkuma Mootuu Sheebaa nutis ogummaa Waaqayyo kennu dinqisiifachuu qabna. Akkamitti? Karaan kana itti goonu tokko barumsa Yesuus jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu fi fakkeenya isaa hordofuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuudhaani. (Mat 12:42; 1Ph 2:21) Karaan inni biraan immoo tajaajila irratti waaʼee ogummaa Waaqayyoo warra kaanitti himuudhaani.