MATA DUREE QOʼANNAA 30
FAARFANNAA 36 Yaada Keenya ni Eegganna
Barumsa Mootota Israaʼelirraa Argannu
“Isin ammas garaa garummaa nama qajeelaa fi nama hamaa, nama Waaqayyoon tajaajiluu fi nama isa hin tajaajille gidduu jiru ni hubattu.”—MIL. 3:18.
YAADA IJOO
Yihowaan mootota Israaʼel kan madaalu akkamitti akka taʼe beekuun keenya yeroo harʼaatti tajaajiltoota isaarraa maal akka barbaadu hubachuuf nu gargaara.
1-2. Kitaabni Qulqulluun mootota Israaʼel tokko tokko ilaalchisee maal jedha?
KITAABNI QULQULLUUN waaʼee namoota Israaʼel keessatti mootota taʼanii bulchan 40 ni dubbata.a Mootota kana keessaa tokko tokko maal akka raawwatanis ifatti dubbata. Fakkeenyaaf, mootonni gaarii taʼanillee wanta hamaa raawwataniiru. Daawit isa mootii gaarii ture akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yihowaan, “Tajaajilaan koo Daawit na duratti wanta sirrii taʼe gochuudhaan garaa isaa guutuudhaan ana duukaa buʼe” jedheera. (1 Mot. 14:8) Taʼus Daawit dubartii heerumte wajjin halalummaa raawwateera, abbaan manaa ishiis waraanarratti akka ajjeefamu godheera.—2 Sam. 11:4, 14, 15.
2 Karaa biraatiinimmoo mootonni amanamoo hin taane hedduun wantoota gaggaarii tokko tokko raawwataniiru. Rooboʼaam akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Rooboʼaam Yihowaa duratti ‘wanta hamaa taʼe raawwateera.’ (2 Sen. 12:14) Taʼus Yihowaan gosoota kurnan mootummaa isaarraa citan akka hin waraanne yeroo isa ajajetti ajajameera. Magaalota mootummaasaa keessa jiran cimsuudhaanis wanta sabasaa fayyadu raawwateera.—1 Mot. 12:21-24; 2 Sen. 11:5-12.
3. Gaaffii barbaachisaa akkamiitu kaʼa? Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna?
3 Gaaffiin barbaachisaa taʼe tokko garuu ni kaʼa. Mootonni Israaʼel wanta gaariis taʼe hamaa erga raawwatanii Yihowaan mootiin tokko gaarii ykn hamaa taʼuusaa kan murteessu maalirratti hundaaʼeeti? Deebiin gaaffii kanaa wanta Yihowaan nurraa barbaadu hubachuuf nu gargaara. Yihowaan mootota Israaʼel yeroo madaalu wantoota tilmaama keessa galchu sadirratti mariʼanna. Isaanis haala garaasaanii, yaada geeddarachuusaanii fi waaqeffannaa dhugaatti maxxanuusaaniiti.
GARAANSAANII YIHOWAA DURATTI GUUTUU TURE
4. Garaagarummaan mootota amanamoo fi amanamoo hin taane gidduu jiru tokko maalidha?
4 Mootonni Yihowaa gammachiisan garaa guutuudhaan isa waaqeffatu.b Mootii gaarii kan ture Yoshaafaax “garaa isaa guutuudhaan Yihowaa [barbaaddateera].” (2 Sen. 22:9) Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yosiyaas yeroo dubbatu, “Isa dura mootiin . . . humna isaa guutuudhaan gara Yihowaatti deebiʼe kan biraan hin turre” jedha. (2 Mot. 23:25) Solomoon isa bara dullumasaatti wanta hamaa raawwate ilaalchiseehoo maal jechuu dandeenya? “Garaan isaa . . . guutuu hin turre.” (1 Mot. 11:4) Kitaabni Qulqulluun Abiyaam isa mootii amanamaa hin taane ilaalchisee, “Garaan isaa . . . Waaqa isaa Yihowaa biratti guutuu hin turre” jedha.—1 Mot. 15:3.
5. Garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu jechuun maal jechuu akka taʼe ibsi.
5 Maarree, garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu jechuun maal jechuudha? Namni garaansaa guutuu taʼe Yihowaa kan waaqeffatu akkas gochuu akka qabu waan isatti dhagaʼamuuf qofa miti. Kanaa mannaa, jaalalaa fi kabaja Yihowaadhaaf qabuun kakaʼee isa tajaajila. Jireenyasaa guutuu Yihowaa jaallachuu fi kabajuusaas itti fufa.
6. Garaa guutuu qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkeenya 4:23; Maatewos 5:29, 30)
6 Fakkeenya mootota amanamoo hordofuudhaan garaa guutuu qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Wantoota dhiibbaa gadhee nurraan geessisanirraa fagaachuudhaani. Fakkeenyaaf, bashannanni gaarii hin taane garaan keenya akka hiramu gochuu dandaʼa. Hiriyummaa gadheenii fi qabeenyaaf iddoo guddaa kennuunis garaa keenya hiruu dandaʼa. Wanti taʼe tokko jaalala Yihowaadhaaf qabnu nu jalaa laaffisaa akka jiru yoo hubanne wanta sanarraa fagaachuuf dafnee tarkaanfii fudhachuu qabna.—Fakkeenya 4:23; Maatewos 5:29, 30 dubbisi.
7. Wantoota dhiibbaa gadhee geessisanirraa fagaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
7 Garaan keenya akka hiramu heyyamuu hin qabnu. Yoo of eeggachuu baanne, hirmaannaa sochiiwwan hafuuraarratti goonu hamma daballetti wantoota dhiibbaa gadhee nurraan geessisanirraa fagaachuuf carraaquun akka nu hin barbaachisne yaaduudhaan of gowwoomsuu dandeenya. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu; mana kee erga qulqulleessitee booda foddaa fi balbala bantee kan deemtu yoo taʼe maaltu taʼa? Manni kee yeruma sana awwaaraan guutama. Haaluma walfakkaatuun, wantoota caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf nu gargaaran gochuun qofti gaʼaa miti. Akkuma awwaarri mana keenyatti akka hin galle of eeggannu, wanti jaalala Yihowaadhaaf qabnu nu jalaa laaffisus gara garaa keenyaatti akka hin seenne of eeggachuu qabna.—Efe. 2:2.
CUBBUUSAANIIRRAA YAADA GEEDDARATANIIRU
8-9. Daawit Mootichii fi Hisqiyaas Mootichi yeroo sirreeffamni isaaniif kennametti deebii akkamii kennan? (Fakkii ilaali.)
8 Akkuma olitti ilaalle Daawit Mootichi dogoggora cimaa raawwateera. Naataan raajichi waaʼee kanaa yeroo isa haasofsiisu garuu gad of qabuudhaan yaada geeddarateera. (2 Sam. 12:13) Faarfannaa 51 yeroo dubbisnu garaadhaa akka yaada geeddarate hubanna. Daawit Naataaniin gowwoomsuuf ykn adabbii jalaa ooluuf cubbuusaatti akka gaabbe fakkeessuuf hin yaalle.—Far. 51:3, 4, 17, ibsa jalqaba boqonnaarra jiru.
9 Hisqiyaas Mootichis Yihowaarratti cubbuu hojjeteera. Kitaabni Qulqulluun, “Hisqiyaas waan of tuuleef . . . dheekkamsi Waaqayyoo isa irratti, akkasumas Yihudaa fi Yerusaalem irratti ni dhufe” jedha. (2 Sen. 32:25) Hisqiyaas kan of tuule maaliifi? Tarii Yihowaan qabeenya waan isaaf kenneef, warra Asoor akka injifatu waan isa gargaareef ykn dhukkuba isaarraa dinqiidhaan waan isa fayyiseef taʼuu dandaʼa. Qabeenyasaa warra Baabilonitti argisiifachuuf kan isa kakaase of tuulummaa taʼuu dandaʼa; kanaan kan kaʼes Isaayyaas raajichi sirreeffama isaaf kenneera. (2 Mot. 20:12-18) Taʼus Hisqiyaas akkuma Daawit gad of qabuudhaan yaada geeddarateera. (2 Sen. 32:26) Dhumarratti Yihowaan yeroo isa madaalu mootii amanamaa ‘wanta sirrii taʼe’ raawwatu akka taʼetti isa ilaaleera.—2 Mot. 18:3.
Daawit Mootichii fi Hisqiyaas Mootichi cubbuunsaanii erga isaanitti himamee booda gad of qabuudhaan yaada geddarataniiru (Keeyyata 8-9 ilaali)
10. Amaaziyaa Mootichi sirreeffamni yeroo isaaf kennamu deebii akkamii kenne?
10 Daawitii fi Hisqiyaasirraa haala adda taʼeen Amaaziyaa Mootichi wanta sirrii taʼe kan raawwate taʼus, kana kan godhe garuu “garaa isaa guutuudhaan” hin turre. (2 Sen. 25:2) Dogoggorrisaa maal ture? Yihowaan Edoomota akka injifatu erga isa gargaaree booda waaqolii isaaniitiif sagadeera.c Achiis raajiin Yihowaa tokko waaʼee kanaa yeroo isa haasofsiisu isa dhagaʼuu diduudhaan isa ariʼeera.—2 Sen. 25:14-16.
11. Akka 2 Qorontos 7:9, 11 jedhutti dhiifama Yihowaa argachuuf maal gochuu qabna? (Fakkiiwwanis ilaali.)
11 Fakkeenyota kanarraa maal baranna? Cubbuu keenyarraa yaada geeddarachuu fi irra deebiʼuu dhiisuuf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna. Jaarsoliin gumii dhimmoota xixinnoo fakkaatanirrattillee gorsa yoo nuu kennan hoo? Yihowaanis taʼe jaarsoliin akka nu hin jaallanne nutti dhagaʼamuu hin qabu. Mootonni gaggaariinillee gorsii fi sirreeffamni isaan barbaachiseera. (Ibr. 12:6) Sirreeffamni yeroo nuuf kennamu (1) gad of qabuu, (2) jijjiirama barbaachisu gochuu fi (3) garaa keenya guutuu Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuu qabna. Cubbuu keenyarraa yaada yoo geeddaranne Yihowaan dhiifama nuuf godha.—2 Qorontos 7:9, 11 dubbisi.
Sirreeffamni yeroo nuuf kennamu (1) gad of qabuu, (2) jijjiirama barbaachisu gochuu fi (3) garaa keenya guutuu Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuu qabna (Keeyyata 11 ilaali)f
WAAQEFFANNAA DHUGAATTI MAXXANANIIRU
12. Mootota amanamoo taʼan wanti adda baasee beeksisu maalidha?
12 Mootonni Yihowaan amanamoo akka taʼanitti ilaale waaqeffannaa dhugaatti maxxananiiru. Lammiileen isaaniis akkasuma akka godhan jajjabeessaniiru. Dhugaadha, akkuma olitti ilaalle yeroo itti dogoggora raawwatan qabu. Taʼus Yihowaa qofa waaqeffatu turan, waaqolii tolfamoo biyyattii keessaa balleessuufis carraaqqii guddaa godhaniiru.d
13. Yihowaan Ahaab Mooticha amanamaa akka hin taanetti kan ilaale maaliifi?
13 Mootota Yihowaan amanamoo akka hin taanetti murteesse ilaalchiseehoo maal jechuu dandeenya? Wanti isaan godhan hundi gadhee akka hin taane ifadha. Fakkeenyaaf, mootii hamaa kan taʼe Ahaab, Naabot kan ajjeefame sababasaatiin akka taʼe yeroo dhagaʼu hamma tokko gad of qabee fi gaddee ture. (1 Mot. 21:27-29) Kana malees, magaalota garaagaraa ijaareera, Israaʼeliifis injifannoo hedduu argamsiiseera. (1 Mot. 20:21, 29; 22:39) Taʼus Ahaab dhiibbaa haadha manaasaatiin waaqeffannaa sobaa babalʼiseera. Gochasaa kanaafis yaada geeddaratee hin beeku.—1 Mot. 21:25, 26.
14. (a) Yihowaan Rooboʼaamiin amanamaa akka hin taanetti kan ilaale maaliifi? (b) Bulchiinsi mootota amanamoo hin taanee maaliin beekama?
14 Rooboʼaam isa amanamaa hin taane akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Akkuma olitti ilaalle bara bulchiinsa isaatti hamma tokko wantoota gaggaarii hojjeteera. Haa taʼu malee, mootummaansaa yeroo isaaf cimu Seera Yihowaa dhiisuudhaan waaqolii sobaa waaqeffachuu jalqabe. (2 Sen. 12:1) Sana boodas yeroo tokko tokko Yihowaa waaqeffachaa, yeroo tokko tokkommoo waaqolii sobaa waaqeffachaa ture. (1 Mot. 14:21-24) Mootonni waaqeffannaa dhugaarraa jalʼatan Rooboʼaamii fi Ahaab qofa hin turre. Mootonni amanamoo hin taane hedduun karaa taʼe tokkoon waaqeffannaa sobaa deeggaraniiru. Kanarraa ifatti akka hubannutti, wanti mootiin tokko Yihowaa duratti gaarii ykn hamaa taʼuusaa argisiisu inni guddaan waaqeffannaa dhugaatti maxxanuu fi dhiisuu isaati.
15. Yihowaan waaqeffannaa dhugaatti maxxanuudhaaf iddoo guddaa kan kennu maaliifi?
15 Yihowaan waaqeffannaadhaaf iddoo guddaa kan kennu maaliifi? Tokkoffaa, mootonni sun sabni Waaqayyoo waaqeffannaa dhugaarratti akka hirmaatu gargaaruuf itti gaafatamummaa qabu turan. Lammaffaa, waaqeffannaan sobaa cubbuuwwan ciccimoo kan biroottii fi jalʼina haqaa raawwachuutti geessuunsaa hin oolu. (Hos. 4:1, 2) Sadaffaa, mootonni sunis taʼan lammiileen isaanii Yihowaadhaaf kan of murteessan turan. Kitaabni Qulqulluun waaqeffannaa sobaarratti hirmaachuusaanii ejja raawwachuu wajjin kan wal fakkeessu kanaafi. (Er. 3:8, 9) Namni ejja raawwatu hiriyaa gaaʼelaa isaarratti cubbuu cimaa hojjeta. Haaluma wal fakkaatuun, tajaajilaan Yihowaa of murteesse tokko waaqeffannaa sobaarratti yeroo hirmaatu kallattiidhaan Yihowaarratti cubbuu cimaa hojjeta.e—Kes. 4:23, 24.
16. Nama qajeelaa fi nama hamaa wanti adda baasee beeksisu maalidha?
16 Kanarraa maal baranna? Waaqeffannaa sobaarraa fagaachuu akka qabnu ifadha. Taʼus waaqeffannaa dhugaatti maxxanuu fi dammaqinaan irratti hirmaachuun keenyas barbaachisaadha. Miilkiyaas raajichi wanta nama gaarii fi nama hamaa adda baasee beeksisu ifatti dubbateera. “Isin ammas garaa garummaa nama qajeelaa fi nama hamaa, nama Waaqayyoon tajaajiluu fi nama isa hin tajaajille gidduu jiru ni hubattu” jedhee barreesseera. (Mil. 3:18) Kanaafuu, dadhabina keenyaa fi dogoggora raawwannu dabalatee wanti akkamiiyyuu abdii kutannee Waaqa tajaajiluu keenya akka dhiisnu akka nu taasisu heyyamuu hin qabnu. Yihowaa tajaajiluu dhiisuuniyyuu cubbuu cimaadha.
17. Hiriyaa gaaʼelaa yeroo filannu of eeggachuu kan qabnu maaliifi?
17 Gaaʼela dhaabbachuuf yaadaa jirta yoo taʼe wanti Miilkiyaas Waaqayyoon tajaajiluu ilaalchisee barreesse hiriyaa gaaʼelaa gaarii filachuuf kan si gargaaru akkamitti? Namni tokko amaloota gaggaarii qabaachuu dandaʼa; garuu namni sun Waaqa dhugaa hin tajaajilu taanaan Yihowaa duratti nama qajeelaa akka taʼetti ilaalamuu dandaʼaa? (2 Qor. 6:14) Nama kana wajjin gaaʼela yoo dhaabbatte karaa hafuuraa dhiibbaa gaarii sirratti gochuu dandaʼaa? Dubartoonni biyya ormaa Solomoon Mootichi fuudhe amaloota gaggaarii tokko tokko qabaachuu dandaʼu. Taʼus, Yihowaa hin waaqeffatan turan; yeroo booda garaan Solomoon gara waaqeffannaa sobaatti akka jalʼatu godhaniiru.—1 Mot. 11:1, 4.
18. Warri ijoolleesaanii maal barsiisuu qabu?
18 Warri, ijoolleen keessan waaqeffannaa Yihowaatiif hinaaffaa akka qabaatan gargaaruuf seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee mootota kanaa ibsutti fayyadamuu dandeessu. Yihowaan mootii tokko gaarii ykn hamaa akka taʼetti kan ilaalu adda durummaadhaan mootiin sun waaqeffannaa dhugaa babalʼisuu fi dhiisuu isaarratti hundaaʼee akka taʼe akka hubatan isaan gargaaraa. Sochiiwwan hafuuraa kanneen akka Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu, walgaʼiirratti argamuu fi tajaajilarratti hirmaachuu jiran sochii kamiyyuu caalaa dursi kennamuufii akka qabu dubbii fi gocha keessaniin barsiisaa. (Mat. 6:33) Taʼuu baannaan garuu ijoolleen keessan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu wantuma maatiirraa dhaalan akka taʼetti ilaaluu dandaʼu. Kanaan kan kaʼes waaqeffannaa dhugaatiif dursa kennuu dhiisuu, darbees guutummaatti irraa fagaachuu dandaʼu.
19. Namni Yihowaa tajaajiluu dhaabe abdii akkamii qaba? (Saanduqa “Gara Yihowaatti Deebiʼuu ni Dandeessa!” jedhus ilaali.)
19 Namni Yihowaa tajaajiluu dhaabe tokko homaa abdii hin qabu jechuudhaa? Akkas jechuu miti; yaada geeddaratee gara Yihowaatti deebiʼuu dandaʼa. Kana gochuuf gad of qabee gargaarsa jaarsolii gumii fudhachuun isa barbaachisuu dandaʼa. (Yaq. 5:14) Gara Yihowaatti deebiʼuuf carraaqqii akkamiiyyuu gochuun nama hin gaabbisiisu!
20. Fakkeenya mootota amanamoo kan hordofnu yoo taʼe Yihowaan akkamitti nu ilaala?
20 Maarree, mootota Israaʼelirraa maal baranne? Garaa guutummaatti Yihowaadhaaf bule yoo qabaanne akkuma mootota amanamoo kanaa taʼuu dandeenya. Kanaafuu, dogoggora keenyarraa haa barannu, yaada haa geeddarannu, akkasumas sirreeffama barbaachisu haa goonu. Waaqeffannaa Waaqa dhugaa isa tokkichaatti maxxanuun barbaachisaa taʼuusaas haa yaadannu. Yihowaatti kan maxxantu yoo taʼe inni nama wanta isa duratti sirrii taʼe raawwate akka taatetti si ilaala.
FAARFANNAA 45 Wantan Garaa Kootti Yaadu
a Mata duree kana keessatti ibsi “mootota Israaʼel” jedhu mootota saba Yihowaa bulchan hunda, jechuunis mootota mootummaa Yihudaa isa gosoota lamaan of keessatti qabate, mootota mootummaa Israaʼel isa gosoota kurnan of keessatti qabate ykn mootota gosoota 12n bulchan argisiisa.
b IBSA JECHAA: Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee fedhii, yaada, amala, ilaalcha, dandeettii, kakaʼumsaa fi galma nama tokkoo dabalatee keessa namummaa nama tokkoo ibsuuf jecha “garaa” jedhutti fayyadama.
c Bara sanatti mootonni Israaʼelota hin taane waaqolii saboonni injifatan waaqeffatan ni waaqeffatu turan.
d Aasaa Mootichi cubbuu cimaa hojjetee ture. (2 Sen. 16:7, 10) Taʼus Kitaaba Qulqulluu keessatti mootii gaarii akka taʼetti ibsameera. Jalqabarratti sirreeffama isaaf kenname fudhachuu kan dide taʼus, yeroo booda yaada geeddarachuu hin oolu. Akka walii galaatti dogoggora raawwaterra amaloota gaggaarii inni qabutu caala. Hunda caalaammoo, Aasaan Yihowaa qofa waaqeffata ture, waaqolii tolfamoo bulchiinsasaa keessaa balleessuufis carraaqqii guddaa godheera.—1 Mot. 15:11-13; 2 Sen. 14:2-5.
e Seera Musee keessaa ajajawwan jalqabaa lamaan Yihowaa malee qaama ykn wanta kan biraa kamiyyuu waaqeffachuu kan dhoowwan taʼuunsaa Yihowaan waaqeffannaadhaaf iddoo guddaa akka kennu nu hubachiisa.—Bau. 20:1-6.
f IBSA FAKKII Qolasaa: Daawit Mootichii fi Hisqiyaas Mootichi cubbuunsaanii erga isaanitti himamee booda gad of qabuudhaan yaada geddarataniiru. Fuula 23: Jaarsi gumii dargaggeessa taʼe tokko barsiifanni dhugaatii obboleessa tokkoo akka isa yaaddesse isatti himaa jira. Obboleessi sunis gad of qabuudhaan gorsa sana fudhatee jijjiirama barbaachisu gochuudhaan amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluusaa itti fufeera.