LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 22
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Moototaa

      • Yoshaafaax Ahaabii wajjin michummaa uume (1-12)

      • Mikaayaan akka moʼaman raajii dubbate (13-28)

        • Hafuurri dogoggorsu tokko Ahaabiin akka gowwoomsu dubbate (21, 22)

      • Ahaab Raamot Giiliyaaditti ajjeefame (29-40)

      • Yoshaafaax mootii Yihudaa taʼe (41-50)

      • Mootii Israaʼel kan taʼe Akaaziyaa (51-53)

1 Mootota 22:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 15:24
  • +2Se 18:2, 3

1 Mootota 22:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 20:8, 9; 1Mo 4:7, 13

1 Mootota 22:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 3:7; 2Se 19:2

1 Mootota 22:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 18:4, 5
  • +Lak 27:21

1 Mootota 22:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 3:11; 2Se 18:6, 7

1 Mootota 22:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 18:4
  • +Isa 30:9, 10; Er 38:4
  • +1Mo 21:20; 2Se 36:16

1 Mootota 22:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 18:8-11

1 Mootota 22:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 13:2, 3

1 Mootota 22:11

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ni dhiibda.”

1 Mootota 22:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 18:12-16

1 Mootota 22:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 28:15, 25

1 Mootota 22:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 18:17

1 Mootota 22:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 6:1; His 1:26
  • +2Se 18:18-22; Iyo 1:6; Dan 7:9, 10; Mat 18:10; Mul 5:11

1 Mootota 22:21

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “maleekaan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 104:4; Ibr 1:7, 14

1 Mootota 22:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 22:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii, 7/2019, ful. 5

1 Mootota 22:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 14:9
  • +1Mo 20:42

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii, 7/2019, ful. 5

1 Mootota 22:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 18:23-27

1 Mootota 22:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Ibr 11:32, 36

1 Mootota 22:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 16:28, 29

1 Mootota 22:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 18:28-32

1 Mootota 22:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 35:22

1 Mootota 22:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 20:1

1 Mootota 22:34

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “utuu itti hin yaadin.”

  • *

    Kal., “buufaticha.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 18:33, 34

1 Mootota 22:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 20:42

1 Mootota 22:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 22:17

1 Mootota 22:37

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 1

1 Mootota 22:38

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “bakka sagaagaltoonni dhiqatanitti, saroonni dhiiga isaa ni arraaban.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 21:18, 19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 1

1 Mootota 22:39

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “manni mootii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 10:22; His 27:15

1 Mootota 22:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:28
  • +2Mo 1:2; 2Se 20:35

1 Mootota 22:41

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 3:10; 2Se 17:1; 20:31; Mat 1:8

1 Mootota 22:43

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 15:11; 2Se 14:11; 15:8
  • +2Se 17:3
  • +Kes 12:14; 1Mo 14:23; 15:14

1 Mootota 22:44

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 18:1; 19:2

1 Mootota 22:46

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 23:17, 18; 1Mo 14:24
  • +1Mo 15:11, 12

1 Mootota 22:47

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 36:1, 9
  • +2Sa 8:14; 2Mo 8:20-22; Fr 108:9

1 Mootota 22:48

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 10:22
  • +1Mo 9:26; 2Se 20:35-37

1 Mootota 22:50

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 2:10
  • +2Mo 8:16; 2Se 21:1, 5

1 Mootota 22:51

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 1:2

1 Mootota 22:52

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:30
  • +1Mo 21:25
  • +1Mo 12:28-30; 13:33

1 Mootota 22:53

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:31, 32; 2Mo 1:2
  • +Bau 20:3; 34:14

Yaada Wal Simu

1Mot. 22:21Mo 15:24
1Mot. 22:22Se 18:2, 3
1Mot. 22:3Iya 20:8, 9; 1Mo 4:7, 13
1Mot. 22:42Mo 3:7; 2Se 19:2
1Mot. 22:52Se 18:4, 5
1Mot. 22:5Lak 27:21
1Mot. 22:72Mo 3:11; 2Se 18:6, 7
1Mot. 22:81Mo 18:4
1Mot. 22:8Isa 30:9, 10; Er 38:4
1Mot. 22:81Mo 21:20; 2Se 36:16
1Mot. 22:92Se 18:8-11
1Mot. 22:10His 13:2, 3
1Mot. 22:132Se 18:12-16
1Mot. 22:17Kes 28:15, 25
1Mot. 22:182Se 18:17
1Mot. 22:19Isa 6:1; His 1:26
1Mot. 22:192Se 18:18-22; Iyo 1:6; Dan 7:9, 10; Mat 18:10; Mul 5:11
1Mot. 22:21Fr 104:4; Ibr 1:7, 14
1Mot. 22:221Mo 22:6
1Mot. 22:23His 14:9
1Mot. 22:231Mo 20:42
1Mot. 22:242Se 18:23-27
1Mot. 22:27Ibr 11:32, 36
1Mot. 22:28Lak 16:28, 29
1Mot. 22:292Se 18:28-32
1Mot. 22:302Se 35:22
1Mot. 22:311Mo 20:1
1Mot. 22:342Se 18:33, 34
1Mot. 22:351Mo 20:42
1Mot. 22:361Mo 22:17
1Mot. 22:381Mo 21:18, 19
1Mot. 22:391Mo 10:22; His 27:15
1Mot. 22:401Mo 16:28
1Mot. 22:402Mo 1:2; 2Se 20:35
1Mot. 22:411Se 3:10; 2Se 17:1; 20:31; Mat 1:8
1Mot. 22:431Mo 15:11; 2Se 14:11; 15:8
1Mot. 22:432Se 17:3
1Mot. 22:43Kes 12:14; 1Mo 14:23; 15:14
1Mot. 22:442Se 18:1; 19:2
1Mot. 22:46Kes 23:17, 18; 1Mo 14:24
1Mot. 22:461Mo 15:11, 12
1Mot. 22:47Uma 36:1, 9
1Mot. 22:472Sa 8:14; 2Mo 8:20-22; Fr 108:9
1Mot. 22:481Mo 10:22
1Mot. 22:481Mo 9:26; 2Se 20:35-37
1Mot. 22:501Mo 2:10
1Mot. 22:502Mo 8:16; 2Se 21:1, 5
1Mot. 22:512Mo 1:2
1Mot. 22:521Mo 16:30
1Mot. 22:521Mo 21:25
1Mot. 22:521Mo 12:28-30; 13:33
1Mot. 22:531Mo 16:31, 32; 2Mo 1:2
1Mot. 22:53Bau 20:3; 34:14
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
  • 44
  • 45
  • 46
  • 47
  • 48
  • 49
  • 50
  • 51
  • 52
  • 53
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Mootota 22:1-53

Mootota Tokkoffaa

22 Sooriyaa fi Israaʼel gidduu waggaa sadiif waraanni hin turre. 2 Waggaa sadaffaattis Yoshaafaax+ mootiin Yihudaa gara mootii Israaʼelitti gad ni buʼe.+ 3 Mootiin Israaʼelis tajaajiltoota isaatiin, “Raamot Giiliyaad+ kan keenya taʼuu ishii beektuu? Nuti garuu mootii Sooriyaa irraa deebisnee fudhachuuf mamaa jirra” jedhe. 4 Achiis Yoshaafaaxiin, “Raamot Giiliyaaditti waraana irratti hirmaachuuf anaa wajjin ni deemtaa?” jedhe. Yoshaafaaxis, “Ana jechuun si jechuu dha. Saba koo jechuun saba kee jechuu dha. Fardeen koo jechuunis fardeen kee jechuu dha” jedhee mootii Israaʼeliif deebise.+

5 Taʼus Yoshaafaax mootii Israaʼeliin, “Maaloo, jalqaba dubbii Yihowaa+ gaafadhu”+ jedhe. 6 Kanaafuu, mootiin Israaʼel raajota gara 400 taʼan walitti qabee, “Raamot Giiliyaadiin waraanuuf dhaqu moo dhiisu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Dhaqi; Yihowaan harka mootichaatti dabarsee ishii ni kenna” isaan jedhan.

7 Yeroo kanatti Yoshaafaax, “Bakka kana raajiin Yihowaa hin jiruu? Mee karaa isaatiinis haa gaafannu” jedhe.+ 8 Mootiin Israaʼelis Yoshaafaaxiin, “Karaa isaa Yihowaa gaafachuu kan dandeenyu namni hafe tokko jira;+ garuu inni waaʼee koo wanta hamaa malee takkaa raajii gaarii waan hin dubbanneef+ ani isa nan jibba.+ Innis Mikaayaa ilma Yimlaa ti” jedhe. Yoshaafaax garuu, “Mootichi wanta akkanaa dubbachuu hin qabu” isaan jedhe.

9 Kanaafuu, mootiin Israaʼel abbaa taayitaa mana mootummaa tokko waamee, “Mikaayaa ilma Yimlaa hatattamaan fidi” isaan jedhe.+ 10 Yeroo kanatti mootiin Israaʼelii fi Yoshaafaax mootiin Yihudaa bakka oobdii balbala karra Samaariyaa duratti argamu irratti uffata mootii uffatanii teessoo isaanii irra taaʼanii turan; raajonni sun hundis isaan duratti raajii dubbatu turan.+ 11 Yeroo kanatti Zedeeqiyaan ilmi Kenaʼaanaa ofii isaatiif gaanfota sibiilaa hojjetee akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Hamma isaan balleessitutti wantoota kanaan warra Sooriyaa ni waraanta.’”* 12 Raajonni kaan hundis, “Raamot Giiliyaaditti ol baʼi; milkaaʼina ni argatta; Yihowaan harka mootichaatti dabarsee ishii ni kenna” jedhanii raajii wal fakkaatu dubbatu turan.

13 Kanaafuu, namichi Mikaayaa waamuuf deeme sun, “Ilaa, wanti raajonni tokko taʼanii mootichatti dubbatan gaarii dha. Maaloo, dubbiin kees dubbii isaanii wajjin tokko haa taʼu; atis wanta gaarii dubbadhu” isaan jedhe.+ 14 Mikaayaan garuu, “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, wantuma Yihowaan naan jedhun dubbadha” jedhe. 15 Achiis gara mootichaatti seene; mootichis, “Mikaayaa, Raamot Giiliyaadiin waraanuuf dhaqnu moo dhiisnu?” jedhee isa gaafate. Innis yeruma sana, “Dhaqi; milkaaʼina ni argatta; Yihowaan harka mootichaatti dabarsee ishii ni kenna” jedhee isaaf deebise. 16 Yeroo kanatti mootichi, “Maqaa Yihowaatiin dhugaa isaa malee wanta kan biraa akka natti hin himne yeroo meeqan si kakachiisa?” isaan jedhe. 17 Kanaafuu inni, “Israaʼelonni hundi akka hoolota tiksee hin qabneetti gaarota irratti faffacaʼanii nan arga.+ Yihowaan, ‘Isaan kun gooftaa hin qaban. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan gara mana mana isaaniitti haa deebiʼan’ jedheera” jedhe.

18 Mootiin Israaʼelis Yoshaafaaxiin, “‘Inni waaʼee koo wanta hamaa malee raajii gaarii taʼe hin dubbatu’ jedhee sitti himee hin turree?” jedhe.+

19 Achiis Mikaayaan akkana jedhe: “Egaa, dubbii Yihowaa dhagaʼi: Ani, Yihowaan teessoo isaa irra taaʼee,+ guutummaan raayyaa samiis karaa mirga isaa fi karaa bitaa isaa isa bira dhaabbatanii+ nan arge. 20 Achiis Yihowaan, ‘Inni ol baʼee Raamot Giiliyaaditti akka duʼuuf, eenyutu Ahaabiin gowwoomsa?’ jedhe. Inni tokko yommuu wanta tokko jedhu, inni kan biraan immoo wanta biraa jedha ture. 21 Achiis hafuurri*+ tokko gara fuulduraatti siqee Yihowaa dura dhaabbatee, ‘Ani isa nan gowwoomsa’ jedhe. Yihowaanis, ‘Akkamitti isa gowwoomsita?’ jedhee isa gaafate. 22 Innis deebisee, ‘Ani baʼee afaan raajota isaa hundumaa keessatti hafuura dogoggorsu nan taʼa’ jedhe.+ Kanaafuu inni, ‘Ati isa ni gowwoomsita; milkaaʼinas ni argatta. Gad baʼiitii akkuma jette godhi’ isaan jedhe. 23 Yihowaan afaan raajota kee hunda keessa hafuura dogoggorsiisu kaaʼeera;+ garuu Yihowaan si irratti badiisa fiduuf murteesseera.”+

24 Yeroo kanatti Zedeeqiyaan ilmi Kenaʼaanaa Mikaayaatti dhihaatee kaballaadhaan isa rukute; achiis, “Hafuurri Yihowaa karaa kam na bira darbee sitti dubbate?” isaan jedhe.+ 25 Mikaayaanis, “Eessaan akka si bira darbe guyyaa dhokachuuf kutaa isa gara keessaatti seentu argita” jedhee isaaf deebise. 26 Achiis mootiin Israaʼel akkana jedhe: “Mikaayaa geessaatii Amoon isa ajajaa magaalattii taʼetti, akkasumas Yoʼaas isa ilma mootichaa taʼetti isa kennaa. 27 Akkana isaaniin jedhaa: ‘Mootichi, “Namicha kana mana hidhaatti galchaatii+ hamma ani nagaadhaan deebiʼutti nyaata muraasaa fi bishaan xinnoo qofa isaaf kennaa” jedheera.’” 28 Mikaayaan garuu, “Ati nagaadhaan yoo deebite, Yihowaan karaa koo hin dubbanne jechuu dha” isaan jedhe.+ Itti dabaluudhaanis, “Namoota nana, hundi keessan iyyuu kana dhagaʼaa” jedhe.

29 Kanaafuu, mootiin Israaʼelii fi Yoshaafaax mootiin Yihudaa gara Raamot Giiliyaaditti+ ol ni baʼan. 30 Mootiin Israaʼelis yeroo kanatti Yoshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhoksee gara waraanichaatti nan seena; ati garuu uffata mootii uffadhu” jedhe. Kanaafuu, mootiin Israaʼel eenyummaa isaa dhoksee+ gara waraanichaatti ni seene. 31 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa, “Mootii Israaʼelii wajjin malee, xinnaas taʼe guddaa eenyu iyyuu wajjin wal hin waraaninaa” jedhee ajajjoota gaarii fardaa+ isaa 32 ajajee ture. 32 Ajajjoonni gaarii fardaa sunis Yoshaafaaxiin akkuma arganiin, “Mootiin Israaʼel isa kana akka taʼe hin shakkisiisu” jedhanii yaadan. Kanaafuu, isa waraanuuf itti garagalan; Yoshaafaaxis gargaarsa argachuuf ni iyye. 33 Ajajjoonni gaarii fardaa sunis inni mootii Israaʼel akka hin taane yommuu argan, yeruma sana isa ariʼuu dhiisanii deebiʼan.

34 Haa taʼu malee, namni tokko akkuma tasaa* iddaa isaa darbatee bakka kootiin sibiilaa isaa itti wal qabatuun mootii Israaʼel ni waraane. Kanaafuu, mootichi namicha gaarii fardaa isaaf oofu sanaan, “Akka malee waanan madaaʼeef, gaarii kana naannessiitii waraanicha* keessaa na baasi” jedhe.+ 35 Waraanichi guyyaa sana guutuu ni finiine; mootichas fuula isaa gara warra Sooriyaatti naannessanii gaarii fardaa sana keessatti hirkisanii dhaaban. Dhiigni isaas gaarii fardaa sana keessatti ni dhangalaʼe; innis galgaluma sana ni duʼe.+ 36 Yeroo aduun lixuuf jettuttis iyyi, “Tokkoon tokkoon keessan gara magaalaa magaalaa keessaniitti deebiʼaa! Tokkoon tokkoon keessan gara biyya biyya keessaniitti deebiʼaa!” jedhu buufaticha keessatti ni dhagaʼame.+ 37 Akka kanaan, mootichi ni duʼe; gara Samaariyaattis ni geeffame; isaanis Samaariyaatti mooticha ni awwaalan. 38 Gaarii fardaa waraanaa sana bishaan kuufamaa Samaariyaatiin yommuu dhiqanis, akkuma Yihowaan dubbatetti saroonni dhiiga isaa ni arraaban; sagaagaltoonnis achitti ni dhiqatan.*+

39 Seenaan Ahaab inni hafee fi wanti inni godhe hundi, manni* inni ilka arbaatiin ijaaree+ fi magaalonni inni ijaare hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 40 Achiis Ahaab abbootii isaa wajjin ni boqote;+ ilmi isaa Akaaziyaanis+ bakka isaa mootii taʼe.

41 Ahaab mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti Yoshaafaax+ ilmi Aasaa mootii Yihudaa taʼe. 42 Yoshaafaax yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 35 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 25f ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa yommuu taʼu, ishiin intala Shilhii turte. 43 Innis daandii abbaa isaa Aasaa+ hundumaa irra deemuu isaa itti fufe. Isa irraas hin jalʼanne; wanta Yihowaa duratti sirrii taʼes ni raawwate.+ Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan; namoonnis amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+ 44 Yoshaafaax mootii Israaʼelii wajjin nagaadhaan ni jiraate.+ 45 Seenaan Yoshaafaax inni hafe, hojiiwwan guguddaan inni hojjetee fi akkamitti waraana irratti akka bobbaʼe, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 46 Kana malees, inni dhiirota mana qulqullummaa keessatti dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwatan,+ warra bara abbaa isaa Aasaatti+ utuu hin balleeffamin hafan biyyattii keessaa ni balleesse.

47 Bara sanatti Edoom+ keessa mootiin hin jiru ture; bulchaa naannootu akka mootiitti bulcha ture.+

48 Kana malees, Yoshaafaax gara Ofiir deemanii warqii akka fidaniif dooniiwwan Tarshiish* ni hojjete;+ taʼus dooniiwwan sun Eexiyoon Geberitti+ waan caccabaniif utuu hin deemin hafan. 49 Akaaziyaan ilmi Ahaab Yoshaafaaxiin, “Tajaajiltoonni koo tajaajiltoota kee wajjin dooniiwwaniin haa deeman” kan jedhe yeroo kanatti ture; Yoshaafaax garuu tole hin jenne.

50 Sana booda Yoshaafaax abbootii isaa wajjin ni boqote;+ Magaalaa abbaa isaa Daawit keessattis abbootii isaa wajjin ni awwaalame; ilmi isaa Yooraamis+ bakka isaa mootii taʼe.

51 Yoshaafaax mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 17ffaa isaatti, Akaaziyaan+ ilmi Ahaab Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa lamaafis Israaʼeliin ni bulche. 52 Inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaa itti fufe; daandii abbaa+ isaa fi haadha+ isaa irra, akkasumas daandii Yeroboʼaam ilma Nebaat isa Israaʼelonni cubbuu akka hojjetan godhe irra deemuu isaa itti fufe.+ 53 Akkuma abbaan isaa godhe, Baʼaaliin tajaajiluu+ isaa, isaaf sagaduu isaa fi Yihowaa Waaqa Israaʼeliin dheekkamsiisuu isaa itti fufe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi