-
2 Seenaa Baraa 20:35-37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Kana booda Yoshaafaax mootiin Yihudaa Akaaziyaa mootii Israaʼel isa wanta hamaa raawwatee wajjin michummaa uume.+ 36 Kanaafuu, dooniiwwan gara Tarshiish+ deeman hojjechuuf walii galan; Eexiyoon Geber+ keessattis dooniiwwan ni hojjetan. 37 Haa taʼu malee, Eliiʼezar ilmi Dodaawaahuu inni nama biyya Maareshaa taʼe, “Ati Akaaziyaa wajjin michummaa waan uumteef, Yihowaan hojiiwwan kee ni balleessa” jedhee Yoshaafaax irratti raajii dubbate.+ Kanaafuu, dooniiwwan sun ni caccaban;+ gara Tarshiishitti deemuus hin dandeenye.
-