LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 21
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Moototaa

      • Ahaab maasii wayinii Naabot fudhachuu hawwe (1-4)

      • Iizaabel Naabot akka ajjeefamu haala mijeessite (5-16)

      • Ergaa murtii Eeliyaas Ahaab irratti dubbate (17-26)

      • Ahaab gad of qabe (27-29)

1 Mootota 21:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 19:17, 18

1 Mootota 21:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 25:23; Lak 36:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    4/2017, ful. 24

1 Mootota 21:5

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “hafuurri kee kan gadde.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:31; 18:4; 19:2; 21:25

1 Mootota 21:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mik 2:1; 7:3

1 Mootota 21:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Nah 9:38; As 8:8
  • +Kes 16:18

1 Mootota 21:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 22:28
  • +Bau 20:16; Kes 17:6
  • +Lew 24:16; Yoh 10:33

1 Mootota 21:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Amo 5:12; An 1:4
  • +2Mo 9:25, 26; Lal 4:1

1 Mootota 21:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lal 5:8; 8:14; An 1:13

1 Mootota 21:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 21:7

1 Mootota 21:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 17:1

1 Mootota 21:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:29

1 Mootota 21:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 4:8, 10
  • +Kes 5:21; An 2:9
  • +1Mo 22:37, 38; 2Mo 9:25, 26

1 Mootota 21:20

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “waan of gurgurteef.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 18:17; Amo 5:10
  • +1Mo 16:30

1 Mootota 21:21

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “isa dallaa irratti fincaaʼu hunda.” Yaada Afaan Ibrootaatiin dhiirota tuffachuuf itti hojjetamu dha.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 9:7-9
  • +2Mo 10:7, 17

1 Mootota 21:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 15:25-29
  • +1Mo 16:3, 11

1 Mootota 21:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 9:10, 35

1 Mootota 21:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 14:11; 16:4

1 Mootota 21:25

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “of gurgure.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:31; 2Se 22:2, 3; Mul 2:20
  • +1Mo 16:30

1 Mootota 21:26

Miiljaleewwan

  • *

    Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 23:28; Kes 9:5

1 Mootota 21:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 78:34
  • +2Mo 9:25, 26; 10:7, 11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    10/2021, ful. 3

Yaada Wal Simu

1Mot. 21:1Iya 19:17, 18
1Mot. 21:3Lew 25:23; Lak 36:7
1Mot. 21:51Mo 16:31; 18:4; 19:2; 21:25
1Mot. 21:7Mik 2:1; 7:3
1Mot. 21:8Nah 9:38; As 8:8
1Mot. 21:8Kes 16:18
1Mot. 21:10Bau 22:28
1Mot. 21:10Bau 20:16; Kes 17:6
1Mot. 21:10Lew 24:16; Yoh 10:33
1Mot. 21:13Amo 5:12; An 1:4
1Mot. 21:132Mo 9:25, 26; Lal 4:1
1Mot. 21:14Lal 5:8; 8:14; An 1:13
1Mot. 21:151Mo 21:7
1Mot. 21:171Mo 17:1
1Mot. 21:181Mo 16:29
1Mot. 21:19Uma 4:8, 10
1Mot. 21:19Kes 5:21; An 2:9
1Mot. 21:191Mo 22:37, 38; 2Mo 9:25, 26
1Mot. 21:201Mo 18:17; Amo 5:10
1Mot. 21:201Mo 16:30
1Mot. 21:212Mo 9:7-9
1Mot. 21:212Mo 10:7, 17
1Mot. 21:221Mo 15:25-29
1Mot. 21:221Mo 16:3, 11
1Mot. 21:232Mo 9:10, 35
1Mot. 21:241Mo 14:11; 16:4
1Mot. 21:251Mo 16:31; 2Se 22:2, 3; Mul 2:20
1Mot. 21:251Mo 16:30
1Mot. 21:26Bau 23:28; Kes 9:5
1Mot. 21:29Fr 78:34
1Mot. 21:292Mo 9:25, 26; 10:7, 11
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Mootota 21:1-29

Mootota Tokkoffaa

21 Wantoota kana booda, maasii wayinii Naabot Yezriʼelichaa isa Yezriʼel+ keessatti argamuu fi mana mootummaa Ahaab isa mootii Samaariyaa taʼetti aanee jiruu wajjin haala wal qabateen wanti tokko ni raawwatame. 2 Ahaab Naabotiin, “Maasichi mana koo bira waan jiruuf, kuduraa akkan irratti dhaabuuf maasii wayinii kee naaf kenni. Anis bakka isaa maasii wayinii kana irra wayyu siifan kenna. Yoo barbaadde immoo gatii isaa siifan kenna” jedhe. 3 Naabot garuu Ahaabiin, “Kun Yihowaa duratti sirrii waan hin taaneef, dhaala abbootii kootii siif kennuun anaaf wanta hin yaadamne dha” jedhe.+ 4 Kanaafuu Ahaab, Naabot Yezriʼelichi, “Ani dhaala abbootii kootii siif hin kennu” waan isaan jedheef, nyaara guuree, akkasumas gaddee mana isaatti gale. Achiis fuula isaa gara girgiddaatti garagalchee siree isaa irra ciise; nyaatas ni lagate.

5 Haati manaa isaa Iizaabelis+ gara isaatti seentee, “Hamma nyaata lagattutti akkanatti kan gaddite* maaliifi?” jettee isa gaafatte. 6 Innis akkana jedhee ishiidhaaf deebise: “Ani Naabot Yezriʼelichaan, ‘Maasii wayinii kee maallaqaan natti gurguri. Yoo barbaadde immoo bakka isaa maasii wayinii kan biraa siifan kenna’ jedheen ture. Inni garuu, ‘Maasii wayinii koo siif hin kennu’ naan jedhe.” 7 Haati manaa isaa Iizaabelis, “Ati mootii Israaʼeliin bulchaa jiru mitii? Kaʼiitii nyaata nyaadhu; garaan kees haa gammadu. Maasii wayinii Naabot Yezriʼelichaa ani siifan kenna” isaan jette.+ 8 Kanaafuu, ishiin maqaa Ahaabiin xalayaawwan barreessitee isaan irratti chaappaa Ahaab ni goote;+ achiis xalayaawwan sana gara jaarsolii+ fi guguddoota magaalaa Naabot keessa jiraatanitti ergite. 9 Xalayaawwan sana irrattis akkana jettee barreessite: “Sooma labsaa; Naabotis namoota hunda dura akka taaʼu godhaa. 10 Namoota gatii hin qabnee fi isa dura taaʼanii, ‘Ati Waaqayyoo fi mooticha arrabsiteetta!’+ jedhanii isa irratti ragaa baʼan lama qopheessaa.+ Achiis gad baasaatii dhagaadhaan tumaa isa ajjeesaa.”+

11 Kanaafuu, namoonni magaalaa isaa, jaarsoliinii fi guguddoonni magaalaa isaa keessa jiraatan akkuma xalayaawwan Iizaabel isaaniif ergite irratti ibsame ni godhan. 12 Sooma ni labsan; Naabotis namoota hunda dura akka taaʼu ni godhan. 13 Achiis namoonni gatii hin qabne lama seenanii isa dura taaʼanii, “Naabot Waaqayyoo fi mooticha arrabseera!” jedhanii namoota sana duratti isa irratti ragaa baʼuu jalqaban.+ Sana booda, gara qarqara magaalattiitti geessanii dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan.+ 14 Achiis, “Naabot dhagaadhaan tumamee ajjeefameera” jedhanii Iizaabelitti dhaamsa ergan.+

15 Iizaabelis Naabot dhagaadhaan tumamee ajjeefamuu isaa akkuma dhageesseen Ahaabiin, “Kaʼiitii maasii wayinii isa qabeenya Naabot Yezriʼelichaa taʼe, isa inni maallaqaan sitti gurguruu dide sana fudhadhu;+ sababiin isaas, Naabot lubbuudhaan hin jiru. Inni duʼeera” jette. 16 Ahaabis Naabot duʼuu isaa akkuma dhagaʼeen kaʼee maasicha fudhachuuf gara maasii wayinii Naabot Yezriʼelichaatti gad buʼe.

17 Haa taʼu malee, dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Eeliyaas+ Tishbichaatti ni dhufe: 18 “Kaʼiitii Ahaab mootii Israaʼel isa Samaariyaa+ keessatti bulchaa jiru argachuuf gad buʼi. Inni maasii wayinii Naabot fudhachuuf dhaqee maasicha keessa jira. 19 Akkana jedhiitii isatti himi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Ati nama ajjeestee+ qabeenya isaa fudhatte+ mitii?”’ Achiis akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Saroonni bakkuma dhiiga Naabot arraabanitti dhiiga kees ni arraabu.”’”+

20 Ahaabis Eeliyaasiin, “Yaa diina koo, na argatte mitii?” jedhe.+ Innis deebisee akkana isaan jedhe: “Eeyyee, si argadheera. ‘Ati wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuuf kutattee waan kaateef,*+ 21 kunoo, ani badiisa si irratti nan fida; si duukaa buʼees haxaaʼee sin balleessa; Israaʼel keessaa warra gargaarsa hin qabnee fi warra dadhaboo+ dabalatee dhiira* kan Ahaab taʼe hunda nan balleessa.+ 22 Ati aarii koo waan kakaastee fi Israaʼelonni cubbuu akka hojjetan waan gooteef, ani mana kee akka mana Yeroboʼaam+ ilma Nebaatii fi akka mana Baʼaashaa+ ilma Ahiyaa nan godha.’ 23 Iizaabeliin ilaalchisees Yihowaan akkana jedha: ‘Maasii Yezriʼel keessa jiru tokko irratti saroonni Iizaabeliin ni nyaatu.+ 24 Nama kan Ahaab taʼee fi magaalaa keessatti duʼu sareetu nyaata; isa dirree keessatti duʼu kam iyyuu immoo allaattiiwwan samiitu nyaata.+ 25 Dhuguma iyyuu, namni akka Ahaabitti haadha manaa isaa Iizaabeliin oofamee+ wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuuf kutatee kaʼe* tokko illee hin jiru.+ 26 Inni wanta Amooronni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan hunda raawwachuudhaan waaqolii tolfamoo balfamoo* taʼan duukaa buʼee wanta hunda caalaa jibbisiisaa taʼe raawwateera.’”+

27 Ahaabis dubbii kana akkuma dhagaʼeen, uffata isaa tarsaasee uffata gaddaa uffate; ni soome; akkasumas uffata gaddaa uffatee ni ciisa ture; gaddaanis mataa isaa gad qabee deema ture. 28 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Eeliyaas Tishbichaa ni dhufe: 29 “Dubbii ani isa ilaalchisee dubbadheen kan kaʼe Ahaab akkam akka gad of qabe ni argitaa?+ Inni na duratti waan gad of qabeef, ani badiisa sana bara jireenyaa isaatti hin fidu. Kanaa mannaa, mana isaa irratti badiisa sana kanan fidu bara ilma isaatti dha.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi