MATA DUREE QOʼANNAA 20
FAARFANNAA 7 Yihowaa, Jabina Keenya
Yihowaan Akka Si Jajjabeessu Amanuu Dandeessa
“Isa Abbaa gara laafina guddaa fi Waaqa jajjabina hundaa taʼeef galanni haa taʼu.”—2 QOR. 1:3.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti jajjabina Yihowaan Yihudoota boojuu jala turaniif kennerraa maal akka barannu ilaalla.
1. Haalli Yihudoonni boojuu jala turan keessa turan maal akka fakkaatu ibsi.
YIHUDOONNI boojuu Baabilon jala turan maaltu isaanitti dhagaʼamee akka ture tilmaamuuf yaali. Biyyisaanii yeroo balleeffamtu arganiiru. Cubbuu isaanii fi abbootiinsaanii raawwataniin kan kaʼe biyyasaaniitii baafamanii gara biyya ormaatti geeffamaniiru. (2 Sen. 36:15, 16, 20, 21) Dhugaadha, Baabilon keessatti boojiʼamtoonni tokko tokko wantoota tokko tokko gochuuf bilisummaa qabu turan. (Er. 29:4-7) Taʼus, jireenyisaanii salphaa hin turre; Yihudoonni achi jiraachuuf akka hin barbaanne beekamaadha. Maarree, haalasaanii kana ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama ture? Isaan keessaa tokko, “Lageen Baabilon bira ni teenye. Yommuu Xiyooniin yaadannettis ni boonye” jedheera. (Far. 137:1) Yihudoonni kun jajjabinni isaan barbaachisa ture; maarree, eessaa argachuu dandaʼu?
2-3. (a) Yihowaan Yihudoota boojuu jala turaniif maal godhe? (b) Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna?
2 Yihowaan “Waaqa jajjabina hundaa” ti. (2 Qor. 1:3) Waaqa jaalalaa waan taʼeef, namoota isatti dhihaatan hunda jajjabeessuun isa gammachiisa. Yihowaan boojiʼamtoonni tokko tokko adabasaa dhagaʼanii garasaatti akka deebiʼan beeka ture. (Isa. 59:20) Boojiʼamuusaanii waggaa 100 dura, Isaayyaas raajicha kitaaba maqaasaatiin waamamu akka barreessu kakaaseera. Kaayyoonsaa maal ture? Isaayyaas, “Waaqni keessan akkana jedha: ‘Jajjabeessaa, saba koo jajjabeessaa’” jedhee barreesseera. (Isa. 40:1) Eeyyee, Yihowaan wanta raajichi barreessetti fayyadamee jajjabina Yihudoota boojiʼamaniif barbaachisu qopheesseera.
3 Nutis akkuma Yihudoota boojuu jala turan sanaa darbee darbee jajjabinni nu barbaachisa. Mata duree kana keessatti, karaawwan Yihowaan boojiʼamtoota sana itti jajjabeesse sadii qorra: (1) Namoota yaada geddarataniif dhiifama akka godhu waadaa galeera, (2) sabasaatiif abdii kenneera, akkasumas (3) sodaasaanii akka moʼan isaan gargaareera. Qabxiilee kanarratti yeroo mariʼannu, jajjabina Yihowaan isaaniif kennerraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubadhu.
YIHOWAAN GARA LAAFINAAN KAKAʼEE DHIIFAMA NUUF GODHA
4. Yihowaan Waaqa gara laafinaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti? (Isaayyaas 55:7)
4 Yihowaan “Abbaa gara laafina guddaa” ti. (2 Qor. 1:3) Yeroo boojiʼamtoota yaada geddarataniif dhiifama gochuuf waadaa galetti amala kana argisiiseera. (Isaayyaas 55:7 dubbisi.) “Jaalala amanamaa bara baraatiin gara laafina sitti nan argisiisa” jedheera. (Isa. 54:8) Yihowaan gara laafinasaa kan argisiisu akkamitti? Yihudoonni miidhaa gochisaanii isaanitti fidu baachuun dirqama isaanitti taʼee kan ture taʼus, Yihowaan akka isaan Baabilon keessaa baʼan waadaa galee ture. Boojuu jala kan turan yeroo murtaaʼeef qofadha. (Isa. 40:2) Yaanni kun boojiʼamtoota yaada geddaratan akka jajjabeessee fi caalaatti Yihowaa gammachiisuuf fedhii akka qabaatan akka godhe hin shakkisiisu!
5. Yihudoota boojuu jala turan caalaa nuti Yihowaan cubbuu keenya akka nuuf dhiisu amanannaa qabaachuu kan dandeenyu maaliifi?
5 Maal baranna? Yihowaan tajaajiltootasaatiif guutummaatti dhiifama gochuuf fedhii guddaa qaba. Yeroo harʼaatti Yihudoota boojuu jala turan caalaa nuti Yihowaan cubbuu keenya akka nuuf dhiisu amanannaa qabaachuu ni dandeenya. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiinsaas, dhiifamni Yihowaa maalirratti akka hundaaʼe beekna. Isaayyaas raajii dubbatee waggoota dhibbaan lakkaaʼaman booda, Yihowaan cubbamoota yaada geddaratan hundaaf furii akka qopheessuuf Ilmasaa jaallatamaa gara lafaatti erge. Aarsaan kunis cubbuun keenya guutummaatti “akka [nuuf] haqamu” gochuuf buʼuura taʼeera. (HoE. 3:19; Isa. 1:18; Efe. 1:7) Dhugumayyuu, Waaqni tajaajillu Waaqa gara laafina guddaati!
6. Gara laafina Yihowaarratti xiyyeeffachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
6 Dubbiin Yihowaa Isaayyaas 55:7 irratti argamu yeroo miira balleessaatiin liqimfamnutti nu jajjabeessuu dandaʼa. Tarii erga yaada geddarannee boodallee miirri balleessaa nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Keessumaa wanta dogoggorri raawwanne nutti fideen dararamaa jirra taanaan miirri akkasii nutti dhagaʼama. Taʼus, cubbuu keenya yoo himannee fi daandii dogoggoraarraa yoo deebine, Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yihowaan takkaa dhiifama erga nuuf godhee boodammoo cubbuu keenya yaadachuu dhiisuuf filata. (Ermiyaas 31:34 wajjin wal bira qabii ilaali.) Kanaafuu, Yihowaan cubbuu kanaan dura raawwanne hin yaadatu taanaan, nutis akkasuma gochuu qabna. Yihowaan dogoggora kanaan dura raawwannerratti utuu hin taʼin wanta amma gochaa jirrurratti xiyyeeffata. (His. 33:14-16) Abbaan keenya inni gara laafessa taʼe yeroo dhihootti miidhaa dogoggorri keenya nutti fide hundumaarraa bilisa nu godha.
Yihowaan dogoggora kanaan dura raawwannerratti utuu hin taʼin wanta amma gochaa jirrurratti xiyyeeffata (Keeyyata 6 ilaali)
7. Cubbuu raawwannee dhoksineerra taanaan gargaarsa gaafachuuf kan nu kakaasu maalidha?
7 Cubbuu cimaa raawwanne dhoksuu keenyaan kan kaʼe qalbiin keenya yoo nu ceephaʼe maal gochuu qabna? Kitaabni Qulqulluun jaarsolii gargaarsa akka gaafannu nu jajjabeessa. (Yaq. 5:14, 15) Taʼus, dogoggora raawwanne dubbachuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Yoo yaada geddaranne, akkasumas Yihowaanis taʼe namoonni inni akka nu gargaaraniif muude jaalalaan kakaʼanii gara laafina akka nutti argisiisan yoo yaadanne, jaarsolii haasofsiisuun nuuf salphata. Gara laafinni Yihowaa obboleessa Artara jedhamuu fi qalbiinsaa baayʼee isa ceephaʼaa ture kan jajjabeesse akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Artar akkana jedheera: “Gara waggaa tokkootiif poornoogiraafii ilaaleera. Taʼus, haasaa waaʼee qalbii dubbatu ergan dhaggeeffadhee booda cubbuu koo haadha manaa koo fi jaarsoliittan himadhe. Sana booda boqonnaatu natti dhagaʼame; taʼus ammayyuu dogoggoran raawwadheen kan kaʼe gadda cimaatu natti dhagaʼama. Jaarsoliin Yihowaan akka na hin dhiisne na yaadachiisaniiru. Inni kan nu adabu waan nu jaallatuufi. Gaarummaadhaan na haasofsiisuunsaanii garaa koo baayʼee tuqe, ilaalcha koo sirreessuufis na gargaareera.” Yeroo harʼaatti, Artar qajeelchaa fi tajaajilaa gumii taʼee tajaajilaa jira. Yihowaan hamma yaada geddarannetti gara laafina akka nutti argisiisu beekuun baayʼee nama jajjabeessa!
YIHOWAAN ABDII NUU KENNA
8. (a) Yihowaan Yihudoota boojuu jala turaniif abdii akkamii kenne? (b) Isaayyaas 40:29-31 irratti akka ibsametti, abdiin Yihowaan kenne Yihudoota yaada geddaratanirratti dhiibbaa akkamii godhe?
8 Akka ilaalcha namaatti, haalli Yihudoonni boojiʼaman keessa turan abdii kan hin qabne fakkaata ture. Mootummaan Addunyaa Baabilon boojiʼamtoota ishii kan hin gadhiisne taʼuu ishiitiin beekamti ture. (Isa. 14:17) Taʼus, Yihowaan sabasaatiif abdii kenneera. Bilisa isaan baasuuf waadaa galeera; waadaa gale akka hin raawwanne homtuu isa dhoowwuu hin dandaʼu. (Isa. 44:26; 55:12) Akka ilaalcha Yihowaatti, Baabilon akkuma awwaaraa turte. (Isa. 40:15) Awwaara wanta tokkorra jiru yeroo afuuftu awwaarichi bittinnaaʼee bada. Maarree, boojiʼamtoonni sun abdiin kun dhiibbaa akkamii isaanirratti godhe? Isaan jajjabeesseera. Faayidaa dabalataas isaaniif argamsiiseera. Isaayyaas, “Warri Yihowaa abdatan . . . humni isaanii ni haareffama” jedhee barreesseera. (Isaayyaas 40:29-31 dubbisi.) Eeyyee, abdiin humnasaanii isaaniif cimseera; boojiʼamtoota sana ilaalchisee, “Akkuma risaatti qoochoodhaan ol ni baʼu” jedhameera.
9. Boojiʼamtoonni sun waadaa Yihowaan gale amanuuf maaltu isaan kakaase?
9 Yihowaan sababii waadaa inni gale amanuuf isaan kakaasus boojiʼamtootaaf kenneera. Sababii akkamii? Waaʼee raajiiwwan sana dura raawwiisaanii argatanii turanii yaadi. Yihudoonni boojuu jala turan sun Asooronni mootummaa Israaʼel isa kaabaa qabatanii sabicha boojuudhaan akka fudhatan beeku turan. (Isa. 8:4) Yeroo warri Baabilon Yerusaalemiin balleessanii jiraattota ishii boojuudhaan fudhatan arganiiru. (Isa. 39:5-7) Yeroo ija Zedeeqiyaa Mootichaa jaamsanii gara Baabilonitti isa geessan jiru turan. (Er. 39:7; His. 12:12, 13) Wanti Yihowaan dursee dubbate hundi raawwatameera. (Isa. 42:9; 46:10) Wanti kun hundi waadaa Yihowaan bilisa isaan baasuuf gale akka raawwatamu amantii qaban isaaniif cimseera.
10. Guyyoota dhumaa kana keessatti abdii cimaa qabaannee itti fufuuf maaltu nu gargaara?
10 Maal baranna? Yeroo dhiphannu abdiin keenya nu jajjabeessuu fi nu cimsuu dandaʼa. Yeroon keessa jiraannu yeroo baayʼee rakkisaa taʼedha; diinota humna guddaa qabanis qabna. Taʼus, abdii kutachuu hin qabnu. Yihowaan abdii dinqisiisaa nuu kenneera; jireenya nagaa fi tasgabbii dhugaa qabu nuu kennuuf waadaa galeera. Yeroo hunda abdii kanarratti xiyyeeffachuu qabna. Taʼuu baannaan, abdiin keenya akkuma dirree miidhagaa karaa foddaa xuraaʼaa taʼee ilaalaa jirruu nutti taʼuu dandaʼa. Maarree, “foddaa keenya qulqulleessuudhaan” abdiin keenya ifee akka nutti mulʼatu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo hunda addunyaa haaraa keessatti jireenyi hammam dinqisiisaa akka taʼe yaadaan ilaaluuf yeroo ramaduu qabna. Mata dureewwan, viidiyoowwanii fi faarfannaawwan waaʼee abdii keenyaa ibsan dubbisuu, ilaaluu fi dhaggeeffachuu dandeenya. Kana malees, abdiiwwan inni nuu kenne hawwiidhaan eegaa akka jirru kadhannaadhaan Yihowaatti himuu dandeenya.
11. Obboleettiin dhukkuba cimaa qabdu takka humna ishii haareffachuuf maaltu ishii gargaare?
11 Abdiin keenya obboleettii Jooyi jedhamtuu fi dhukkuba cimaa qabdu kan jajjabeessee fi kan cimse akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Yihowaan miira koo akka naaf hubatu waanan beekuuf, yeroon baayʼee dhiphadhu miira natti dhagaʼamu hunda isattan hima. Innis ‘humna humna caalu’ naaf kenna.” (2 Qor. 4:7) Jooyi addunyaa haaraa namni ‘tokko illee, “Na dhukkuba” itti hin jenne’ keessa yeroo jiraattu haallisaa maal akka fakkaatus yaadaan ni ilaalti. (Isa. 33:24) Nutis wanta nu yaaddessu hunda Yihowaatti kan himnuu fi abdii keenyarratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe humna keenya haareffanna.
12. Sababiiwwan waadaa Yihowaan galerratti amantii qabaachuuf nu kakaasan akkamii qabna? (Fakkichas ilaali.)
12 Yihowaan akkuma boojiʼamtoota sanaaf godhe, sababiiwwan waadaa inni galerratti amantii qabaachuuf nu dandeessisan hedduu nuuf kenneera. Mee waaʼee raajiiwwan yeroo ammaatti raawwatamaa jiranii yaadi. Fakkeenyaaf, mootummaa addunyaa “walakkaan isaa jabaa, walakkaan isaa immoo dadhabaa” taʼe argaa jirra. (Dan. 2:42, 43) “Kirkirri lafaa bakka garaa garaatti” uumamaa akka jirus ni dhageenya, akkasumas namoota “saboota hundumaa” keessaa dhufaniif lallabaa jirra. (Mat. 24:7, 14) Raajiiwwan kunii fi kan biroo hedduun amantii waadaawwan Yihowaan galee fi jajjabina kennanirratti qabnu nuuf cimsu.
Raajiiwwan yeroo harʼaatti raawwiisaanii argachaa jiran waadaa Yihowaan galerratti amantii qabaachuuf nu gargaaru (Keeyyata 12 ilaali)
YIHOWAAN SODAA KEENYA AKKA MOONU NU GARGAARA
13. (a) Yihudoonni yeroo boojuu jalaa bilisa baʼanitti haala rakkisaa akkamiitu isaan mudate? (b) Isaayyaas 41:10-13 irratti akka ibsametti, Yihowaan Yihudoota boojuu jala turan kan jajjabeesse akkamitti?
13 Yihowaan abdii dinqisiisaa isaaniif kennuudhaan boojiʼamtoota sana kan jajjabeesse taʼus, yeroo bilisa baʼanitti haalli rakkisaan akka isaan mudatu beeka. Yihowaan yeroo boojuun Yihudootaa xumuramuu jala gaʼu mootiin humna guddaa qabu tokko saboota naannoo sanaa erga balleessee booda gara Baabilonitti akka garagalu raajii dubbatee ture. (Isa. 41:2-5) Maarree, Yihudoonni dhiphachuun isaan barbaachisaa? Yihowaan, “Ani sii wajjin waanan jiruuf, hin sodaatin. Waaqa kee waanan taʼeef, hin dhiphatin” jechuudhaan sabasaa jajjabeessee ture. (Isaayyaas 41:10-13 dubbisi.) “Waaqa kee waanan taʼeef” yeroo jedhu maal jechuusaati? Isa waaqeffachuu akka qaban isaan yaadachiisaa hin turre; akkas gochuu akka qaban durumayyuu beeku. Kanaa mannaa, akkana kan jedhe inni yeroo hundumaa isaan cinaa akka jiru isaan yaadachiisuuf jedheeti.—Far. 118:6.
14. Yihowaan sodaasaanii akka moʼan boojiʼamtoota sana kan gargaare karaa kan biraa kamiini?
14 Akkasumas Yihowaan humnaa fi beekumsa daangaa hin qabne akka qabu isaan yaadachiisuudhaan sodaasaanii akka moʼan boojiʼamtoota sana gargaareera. Ol jedhanii gara samii urjiileedhaan guutamee akka ilaalan Yihudoota boojuu jala turan sana jajjabeesseera. Yihowaan urjiilee akka uume qofa utuu hin taʼin, maqaa hundasaanii akka beekus isaanitti himeera. (Isa. 40:25-28) Maqaa tokkoon tokkoon urjiilee kan beeku erga taʼee, maqaa tokkoon tokkoon tajaajiltootasaa akka beeku ifadha! Kana malees, humna urjiilee uumuuf isa dandeessisu hamma qabaatetti, humna sabasaa gargaaruuf isa dandeessisu akka qabus beekamaadha. Eeyyee, Yihudoonni boojuu jala turan sababii itti dhiphatan ykn itti sodaatan hin qaban.
15. Waaqayyo Yihudoota boojuu jala turan wanta gara fuulduraatti isaan eeggatuuf kan isaan qopheesse akkamitti?
15 Yihowaan sabasaa yeroo gara fuulduraatiifis qopheesseera. Kutaa jalqabaa kitaaba Isaayyaasirratti Waaqayyo sabichaan akkana jedheera: “Gara kutaa kee isa keessaatti seeni, balbala kees of duubaan cufadhu. Hamma dheekkamsi darbutti yeroo xinnoodhaaf dhokadhu.” (Isa. 26:20) Raajiin kun yeroo Qiiros Baabiloniin qabatetti raawwiisaa isa jalqabaa argachuu hin oolu. Barreessaan seenaa Giriikii durii tokko Qiiros Mootichi yeroo gara Baabilon seenetti “nama alatti argan hunda akka ajjeesan [loltootasaatiif] ajaja kennee” akka ture dubbateera. Jiraattonni Baabilon hammam sodaatanii akka turan tilmaamuu dandeessa! Taʼus, Yihudoonni boojuu jala turan sun qajeelfama Yihowaatiif waan ajajamaniif lubbuudhaan ooluu kan dandaʼan fakkaata.
16. Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee garmalee dhiphachuu kan hin qabne maaliifi? (Fakkichas ilaali.)
16 Maal baranna? Yeroo dhihootti rakkinni guddaan seenaa ilmaan namootaa keessatti taʼee hin beekne ni uumama. Yeroo rakkinni guddaan jalqabu namoonni addunyaa keessa jiran burjaajaʼuu fi raafamuunsaanii hin oolu. Sabni Yihowaa garuu akkas hin taanu. Nuti Yihowaan Waaqa keenya akka taʼe beekna. ‘Fayyinni keenya akka dhihaate’ waan beeknuuf kaanee dhaabbanna. (Luq. 21:28) Yeroo saboonni wal taʼiinsa uuman haleellaa nurratti bananittillee Yihowaatti amanamuu keenya itti fufna. Yihowaan maleekotatti fayyadamee eegumsa nuuf godha, akkasumas qajeelfama lubbuu keenya nuuf oolchu nuuf kenna. Qajeelfama kana kan argannu akkamitti? Waaʼee kanaa amma hin beeknu. Tarii qajeelfama akkasii kan argannu karaa gumiiwwan keenyaa taʼuu dandaʼa. Gumiiwwan keenya ‘kutaa keenya isa keessaa,’ jechuunis iddoo eegumsa itti argannu nuuf taʼuu dandaʼu. Maarree, yeroo gara fuulduraatiif qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti? Obboloota keenyatti dhihaachuu, qajeelfama tiʼokraasiitiif ajajamuu fi Yihowaan jaarmiyaa keenya geggeessaa akka jiru mirkanaaʼoo taʼuu qabna.—Ibr. 10:24, 25; 13:17.
Humna Yihowaan nu oolchuuf qaburratti xiinxaluun keenya yeroo rakkina guddaatti garmalee akka hin dhiphanne nu gargaara (Keeyyata 16 ilaali)b
17. Yihowaarraa jajjabina argachuuf carraaqqii gochaa akka jirtu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
17 Yihudoonni boojuu jala turan haala ulfaataa taʼe keessa kan turan taʼus, Yihowaan jajjabina isaan barbaachisu isaaniif kenneera. Nuufis akkasuma godha. Kanaafuu, gara fuulduraatti wanti akkamiiyyuu yoo dhufe, Yihowaarraa jajjabina argachuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi. Eeyyee, gara laafinasaa isa guddaatti amanamuu kee itti fufi. Abdii kee cimsachuu kee itti fufi. Yihowaan Waaqa kee waan taʼeef, wanti si sodaachisu tokkollee akka hin jirre yaadadhu.
FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya
a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
b IBSA FAKKII: Obboloonnii fi obboleettonni muraasni walitti qabamanii jiru. Kan jiraatan eessayyuu yoo taʼe Yihowaan sabasaa eeguuf dandeettii akka qabu amantii qabu.