LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Adoolessa ful. 32
  • Wanta Qoʼatte Warra Kaanitti Himi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Qoʼatte Warra Kaanitti Himi
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qabxii Hojiirra Oolchuu Dandeessu Argadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Sochiiwwan Hafuuraatiin Boqonnaa Argadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Misiraachicha Lallabuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Adoolessa ful. 32

YAADA QOʼANNAADHAAF TAʼU

Wanta Qoʼatte Warra Kaanitti Himi

Qoʼannaan nama gammachiisa, yommuu barumsa arganne warra kaanitti himnummoo caalaatti gammanna. Fakkeenyi 11:25, “Namni warra kaan dheebuu baasu [hundi] ofii isaatiif dheebuu ni baʼa” jedha.

Yommuu wanta baranne warra kaanitti himnu barumsa sana caalaatti yaadanna, akkasumas hubannaa keenya balʼifanna. Barumsi arganne warra kaanis waan fayyaduuf warra kaanitti himuun nu gammachiisa.—HoE. 20:35.

Akkas gochuuf yaali: Torbee itti aanu carraa wanta baratte warra kaanitti himuuf si dandeessisu argachuuf yaali. Tarii miseensa maatii keetti, obboleessa gumii keetti, nama si faana hojjetutti, nama si faana baratutti, ollaa keetti ykn nama tajaajilarratti argattutti himuu dandeessa. Yaadicha karaa salphaa fi ifa taʼeen jecha mataa keetiin ibsuuf yaali.

Kana yaadadhu: Wanta baratte warra kaanitti kan himtu isaan ajaaʼibsiisuuf utuu hin taʼin isaan jajjabeessuuf taʼuu qaba.—1 Qor. 8:1.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi