LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w26 Amajjii ful. 26-31
  • Dhugaa Yeroo Barsiistan Dubbii Gurratti Tolu Dubbadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Yeroo Barsiistan Dubbii Gurratti Tolu Dubbadhaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2026
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Matadureewwan Yaada Walfakkaataa Qaban
  • DHUGAA EESSAA ARGACHUU DANDEENYA?
  • WANTA DHUGAA TAʼE DUBBACHUU KAN QABNU MAALIIFI?
  • WANTA DHUGAA TAʼE DUBBACHUU KAN QABNU AKKAMITTI?
  • WANTA DHUGAA TAʼE DUBBACHUU KAN QABNU YOOMI?
  • Dhugaa Adda Baafachuu ni Dandeessaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Gaaffilee Armaan Gadiitiif Deebii Argadhu
    Sagantaa Walgaʼii Aanaa 2025-2026 kan Ilaaltuun Olaanaa Aanaa Irratti Argamu
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2026
w26 Amajjii ful. 26-31

BITOOTESSA 30–EBLA 5, 2026

FAARFANNAA 76 Hammam Gammadda?

Dhugaa Yeroo Barsiistan Dubbii Gurratti Tolu Dubbadhaa

“Waaqa dhugaa kan taate yaa Yihowaa, ati na furteetta.”—FAR. 31:5.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti warra kaanitti wanta dhugaa taʼe dubbachuu fi karaa isaan fayyaduun dhugaa Kitaaba Qulqulluu barsiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

1. Miseensa maatii Yihowaa taʼuudhaaf maal gochuu qabna?

OBBOLEESSA ykn obboleettii tokko wajjin jalqaba yeroo wal arginu yeroo baayʼee, “Dhugaa akkamitti dhageesse?” jennee wal gaafanna. Tokko tokko, “Dhugaa keessattan guddadhe” jedhanii deebisu. Warri kaanimmoo, “Dhiheenyattan gara dhugaa dhufe” jechuu dandaʼu. Akkas jennee kan deebisnu dhugaan guutummaa jireenya keenyaarratti dhiibbaa waan godhuufi. Garuu dhugaan jireenya keenyarratti dhiibbaa akka godhu kan heyyamne maaliifi? Miseensa maatii Yihowaa taʼuu kan dandeenyu dhugaa yoo jaallannee fi yoo ittiin jiraanne qofa akka taʼe waan beeknuufi. Kunimmoo dubbii keenyaanis taʼe gocha keenyaan amanamoo taʼuu dabalata.—Far. 15:1-3.

2. (a) Yesuus maaliin beekama ture? (b) Dhugaan Yesuus barsiise namootarratti dhiibbaa akkamii godhee ture?

2 Yesuus yeroo hundumaa dhugaa dubbata ture. Diinonni isaallee wanta inni barsiise fudhachuu baatanis, dhugaa akka dubbatu ni amanu turan. (Mat. 22:16) Yesuus dhugaan inni barsiisu namootarratti dhiibbaa akkamii akka godhu ibsuuf akkana jedhee ture: “Ani, ilma abbaa isaa irraa, intala haadha ishii irraa, akkasumas haadha manaa ilmaa amaatii ishii irraa gargar baasuufan dhufe.” (Mat. 10:35) Yesuus namoonni ergaa innii fi duuka buutonnisaa lallaban akka morman hin barbaadu; taʼus kun taʼuu akka dandaʼu beeka. (Mat. 23:37) Namoonni tokko tokko ergaasaa kan fudhatan taʼus, tokko tokko garuu akka hin fudhanne beeka ture.—2 Tas. 2:9-11.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Nutis namoota biratti fudhatama kan nu dhabsiisu yoo taʼellee akkuma Yesuus amanamoo taʼuu fi yeroo hundumaa dhugaa dubbachuuf yaalla. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu yeroo lallabnuu fi barsiisnu namoonni tokko tokko aaruu dandaʼu, taʼus akkas gochuu keenya hin dhiisnu. Kana jechuun garuu akkaataa itti dubbannuu fi yeroo itti dubbannu tilmaama keessa hin galchinu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Mata duree kana keessatti jalqaba gaaffii, ‘Dhugaa eessaa argachuu dandeenya?’ jedhuuf deebii arganna. Achiis dhugaa dubbachuu kan qabnu, maaliif, akkamittii fi yoom akka taʼe ilaalla. Deebii gaaffiiwwan kanaa argachuun keenya dhugaa karaa gurra namaatti toluun, jechuunis yeroo sirrii taʼetti malaan dubbachuuf nu gargaara.

DHUGAA EESSAA ARGACHUU DANDEENYA?

4. Yihowaan madda dhugaati kan jennu maaliifi?

4 Yihowaan madda dhugaati. Wanti inni dubbatu hundi dhugaadha. Fakkeenyaaf, wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee wanti inni dubbate dhugaadha. (Far. 19:9; 119:142, 151) Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee wanti inni dubbate hundi ni raawwatama. (Isa. 55:10, 11) Inni waadaa gale matumaa hin diigu. (Lak. 23:19) Yihowaan matumaa sobuu hin dandaʼu. (Ibr. 6:18) Kanaafuu, Yihowaan “Waaqa dhugaa” jedhamuunsaa sirriidha.—Far. 31:5.

5. “Waaqa dhugaa” argachuun ulfaataa miti kan jennu maaliifi? Ibsi. (Hojii Ergamootaa 17:27)

5 Akka namoonni tokko tokko jedhan Yihowaa isa “Waaqa dhugaa” taʼe argachuun ulfaataa miti. Ragaan inni jiraachuusaa argisiisu naannoo keenya hundatti ni argama. (Rom. 1:20) Phaawulos ergamaan Waaqayyo akka isa ‘argannu’ akka barbaaduu fi “tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo” akka hin taane hayyoota Giriikii Ateenaa keessa turanitti himeera. (Hojii Ergamootaa 17:27 dubbisi.) Kitaabni Qulqulluun Yihowaan namoota gad of qabanii fi dhugaa argachuuf carraaqqii godhan akka ofitti harkisus ni dubbata.—Yoh. 6:44.

6. Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman tokko tokko kamfaʼi? Dhugaawwan kana beekuu keetti kan galateeffattu maaliifi?

6 Karaan Yihowaa argachuu itti dandeenyu tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudha. Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame. (2 Phe. 1:20, 21) Kanaafuu, wanti Kitaaba Qulqulluu keessa jiru dhugaadha, akkasumas amanamaadha. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun hawaanii fi jireenyi akkamitti akka argame ni dubbata. (Uma. 1:1, 26) Hundi keenyayyuu cubbuu kan hojjennu, kan rakkannuu fi kan duunu maaliif akka taʼe ni barsiisa. (Rom. 5:12; 6:23) Yihowaan Ilmasaatti fayyadamee miidhaa Seexanni inni “abbaa sobaa” taʼe geessise akka balleessus ifatti dubbata. Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman kana guutummaatti amanuu ni dandeenya. (Yoh. 8:44; Rom. 16:20) Yesuus hamoota akka balleessu, warra duʼan akka kaasu, lafa jannata akka godhuu fi cubbuurraa bilisa akka nu godhu waadaa Kitaaba Qulqulluu keessatti nuuf galames amanuu ni dandeenya. (Yoh. 11:25, 26; 1 Yoh. 3:8) Yihowaan mirga guddaa nuuf kenneera. Dhugaa nu barsiiseera; warra kaan akka barsiisnus carraa nuuf kenneera.—Mat. 28:19, 20.

WANTA DHUGAA TAʼE DUBBACHUU KAN QABNU MAALIIFI?

7-8. Wanta dhugaa taʼe akka dubbannu wanti nu kakaasuu qabu maalidha? Fakkeenya kenni. (Maarqos 3:11, 12) (Fakkiiwwanis ilaali.)

7 Akkuma olitti ilaalle miseensa maatii Yihowaa taʼuu yoo barbaanne wanta dhugaa taʼe dubbachuu qabna. Haa taʼu malee, Yihowaa gammachiisuuf, wanta dhugaa taʼe dubbachuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Yihowaan sababii itti wanta dhugaa taʼe dubbannuuf iddoo guddaa kenna. Mee wanta yeroo Yesuus lafarratti tajaajilaa turetti raawwatame tokko haa ilaallu. (Maarqos 3:11, 12 dubbisi.) Yeroo Yesuus Galaana Galiilaa biratti lallabaa turetti namoonni baayʼeen isa biratti walitti qabamanii turan. Isaan keessaa namoonni jinniidhaan qabaman tokko tokko Yesuus duratti gombifamanii, “Ati Ilma Waaqayyoo ti” jedhanii iyyu turan. Jinniiwwan kun waaʼee Yesuus dhugaa kan dubbatan maaliifi? Kaayyoonsaanii namoonni isaan dhagaʼan akka isaan amananii fi Yihowaa tajaajiluu akka dhaaban gochuu taʼuu dandaʼa. Wanti jinniiwwan kun dubbatan dhugaadha, taʼus kakaʼumsi isaanii sirrii hin turre. Yesuus garuu kakaʼumsa isaanii waan beekeef wanta isaan dubbatanitti hin gammanne. Kanaafuu, jinniiwwan sun waaʼeesaa akka hin lallabne isaan ajajeera.

8 Seenaa kanarraa maal baranna? Yihowaan sababii itti wanta dhugaa taʼe dubbachuuf kakaaneef iddoo guddaa kenna. Kanaafuu, jaalala Yihowaadhaaf qabnuun kakaanee dhugaa barsiisuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Ergaa lallabnuun kan kaʼe namoonni yoo nu jajan Yihowaan akka jajamu goona.—Mat. 5:16; Hojii Ergamootaa 14:12-15 wajjin walbira qabii ilaali.

Obboleettiin tokko jalqaba karaa sirrii hin taaneen, boodammoo karaa sirrii taʼeen shamarree tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa jirti. 1. Obboleettiin sun Kitaaba Qulqulluu gadi garagalchitee waaʼee ofii ishii haasaʼaa jirti. 2. Obboleettiin sun Kitaaba Qulqulluu bantee barattuu ishiitti caqasa argisiisaa jirti.

Dhugaa yeroo barsiistu eenyurratti akka xiyyeeffatan goota? (Keeyyata 7-8 ilaali)


9. Maalirraa fagaachuu qabna? Maaliif?

9 Mee haala kan biraa ulfina akka barbaannu nu qoruu dandaʼuu fi irraa fagaachuu qabnu haa ilaallu. Obboleessi itti gaafatamummaa qabu tokko iccitii tokko nutti hime haa jennu, nutimmoo iccitii kana dabarsinee warra kaanitti himne. Namoonni isaanitti himne yeroo booda wanti dubbanne sun dhugaa akka taʼe yoo beekan, iccitii baayʼee akka beeknu yaaduudhaan nu dinqisiifachuu dandaʼu. Kunimmoo namoonni iddoo guddaa akka nuuf kennan gochuu dandaʼa, Yihowaa biratti garuu ulfina nuuf hin argamsiisu. (Fak. 11:13) Maaliif? Sababiinsaas wanti dubbanne dhugaa taʼus, iccitii baasneerra; kakaʼumsi keenyas sirrii hin turre.

WANTA DHUGAA TAʼE DUBBACHUU KAN QABNU AKKAMITTI?

10. Dubbii ‘gurratti tolu’ jechuun maal jechuudha? (Qolosaayis 4:6)

10 Qolosaayis 4:6 dubbisi. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni Qolosaayis dubbiinsanii “yeroo hunda gurratti kan tolu” taʼuu akka qabu isaan gorseera. Kan jechuun maal jechuudha? Afaan jalqaba ittiin barreeffameen yaanni kun, dubbiin keenya warra kaan kan fayyadu, gaarummaa kan qabuu fi kan nama hawwatu taʼuu akka qabu argisiisa.

11-12. Dhugaa yeroo barsiisnu of eeggannoo gochuu kan qabnu maaliifi? Fakkeenyaan ibsi. (Fakkiiwwanis ilaali.)

11 Dhugaa yeroo barsiisnu, gorsa Phaawulos “Dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan tolu” haa taʼu jechuudhaan kenne hojiirra oolchuu qabna. Dhugaan Kitaaba Qulqulluu keessa jiru goraadee qara qabuu fi lubbuu fi hafuura gargar baasuu dandaʼutti fakkeeffameera. Kana jechuun miiraa fi kakaʼumsa keenya isa dhugaa nuttis taʼe warra kaanitti ni mulʼisa jechuudha. (Ibr. 4:12) Haa taʼu malee, Kitaaba Qulqulluu yoo of eeggannoodhaan itti fayyadamuu baanne, utuu hin barbaachisin warra kaan aarsuu fi falmii keessa galuu dandeenya. Kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti?

12 Mee fakkeenya kanatti aanee jiru haa ilaallu. Tajaajilarratti nama garaa qajeelaa qabuu fi yeroo hunda fakkiiwwanitti kadhannaa dhiheessu arganne haa jennu; namichi kun maatiisaa wajjin Ayyaana Qillee fi Ayyaana Duʼaa Kaʼuu kabajuu ni jaallata. Kitaaba Qulqulluutti fayyadamnee fakkiiwwanitti kadhannaa dhiheessuun gowwummaa akka taʼe, akkasumas Ayyaanni Qillee fi Ayyaanni Duʼaa Kaʼuu amantii sobaarraa akka madde isatti himuu dandeenya. (Isa. 44:14-20; 2 Qor. 6:14-17) Haa taʼu malee, guyyuma jalqaba isa argannetti yoo akkas goone, wanti dubbanne dhugaa taʼus, Dubbii Waaqayyoo ogummaadhaan itti fayyadamaa hin jirru.

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko namicha Ayyaana Qillee kabajuuf qophaaʼaa jiru tokkoof jalqaba karaa sirrii hin taaneen, boodammoo karaa sirrii taʼeen dhugaa baʼaa jiru. 1. Hiriyoonni gaaʼelaa kun mata duree jw.org irratti argamuu fi “Kitaabni Qulqulluun Ayyaana Qillee Ilaalchisee Maal Jedha?” jedhu namichatti argisiisaa jiru. Namichi sun harkasaa walitti maree aariidhaan isaan dhaggeeffachaa jira. 2. Hiriyoonni gaaʼelaa kun mata duree jw.org irratti argamuu fi “Abbaa Gaarii Taʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhu namichatti argisiisaa jiru. Innis gammachuudhaan isaan dhaggeeffachaa jira.

Dhugaa ogummaadhaan barsiisuu kan dandeessu akkamitti? (Keeyyata 11-12 ilaali)a


13. Dubbii keenya soogiddaan miʼeessuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Phaawulos Kiristiyaanonni Qolosaayis wanta dubbatan soogiddaan miʼeessuu akka qabanis isaan gorseera. Phaawulos yeroo akkas jedhu dhugaa irra dibuu ykn dhoksuu akka qabnu dubbachuusaa hin turre. Kanaa mannaa, dhugaa karaa namoota nu dhaggeeffatanitti ‘miʼaawuu’ dandaʼuun isaanitti himuu akka qabnu nu gorsuusaati. (Iyo. 12:11) Kana gochuun salphaa miti. Nyaataa wajjin haala wal qabateen wanti nutti miʼaawu namoota kaanittis ni miʼaawa jennee yaanna taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, wanti dubbannu hundi namoota hundatti ni tola jennee yaanna taʼa. Kun garuu dhugaa miti. Fakkeenyaaf, aadaa tokko tokko keessatti namoonni akkuma hiriyootasaanii wajjin haasaʼanitti angafoota isaanii wajjin haasaʼuun baramaadha. Aadaawwan kan biroo keessatti garuu haasaan akkasii fudhatama hin qabu, darbees nama aarsuu dandaʼa. Phaawulos, ‘nama hundumaatiif akkamitti deebii kennuu akka qabnu’ beekuun akka nu barbaachisu dubbateera. Kana jechuun akka nutti tolutti ykn akka barretti dubbachuu mannaa, akka namoota nu dhaggeeffataniif taʼutti dubbachuu qabna jechuudha.

WANTA DHUGAA TAʼE DUBBACHUU KAN QABNU YOOMI?

14. Yesuus yeroo lafarra turetti wanta beeku hunda duuka buutotasaa barsiiseeraa? Ibsi.

14 Yesuus yeroo hundumaa karaa namatti toluun duuka buutotasaatti dubbata ture, akkasumas gaarummaadhaan wantoota hedduu isaan barsiiseera. (Mar. 6:34) Taʼus, ammayyuu wanti barachuu qaban baayʼeen jira ture. Yesuus wanta beeku hunda isaanitti himuuf hin yaalle. Dandeettii isaanii tilmaama keessa galcheera. Dhugaawwan tokko tokko barachuuf yeroonsaa akka hin geenye hubatee ture. Yeroo sanatti dhugaawwan kana baachuu akka hin dandeenyellee isaanitti himeera. (Yoh. 16:12) Kanarraa maal baranna?

15. Wanta beeknu hunda takkaatti namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu barsiisuu qabnaa? Ibsi. (Fakkeenya 25:11) (Fakkichas ilaali.)

15 Fakkeenyi Yesuus akka argisiisutti, dhugaa beekuu jechuun wanta beeknu hunda takkaatti namoota barsiisuu jechuu miti. Maarree, fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Haala namootaa tilmaama keessa galchuu qabna. Mee ammas namicha Ayyaana Qillee fi Ayyaana Duʼaa Kaʼuu maatiisaa wajjin kabajuu jaallatu sana yaadaa. Ayyaanonni kun amantii sobaarraa akka maddanii fi Waaqayyoon akka hin gammachiisne beekna. Haa taʼu malee, Ayyaanni Qillee gaʼuusaa torban tokko ykn torban lama dura Kitaaba Qulqulluu isa qoʼachiisuu jalqabne haa jennu. Wanta Kitaabni Qulqulluu waaʼee ayyaanota kanaa dubbatu itti argisiisuudhaan yeruma sana Ayyaana Qillee kabajuu akka dhaabu yoo isarraa eegne sirriidhaa? Dhugaadha, namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu tokko tokko wanta baratan dafanii hojiirra oolchuu dandaʼu. Warri kaan garuu yaadaa fi gochasaanii sirreessuuf yeroon dabalataa isaan barbaachisa. Qoʼattoota keenya wanta beekuun isaan barbaachisu yeroo sirrii taʼetti, jechuunis yeroo baachuu dandaʼanitti yoo isaan barsiisne guddina akka godhan isaan gargaaruu dandeenya.—Fakkeenya 25:11 dubbisi.

Hiriyoonni gaaʼelaa fakkii darberratti mulʼatan namicha sana manasaatti birooshura “Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!” jedhamu qoʼachiisaa jiru. Mukti Ayyaana Qillee isaan bira jira.

Wanta dhugaa taʼe yoom dubbachuu akka qabduu fi hammam dubbachuu akka qabdu murteessuuf fakkeenya Yesuus hordofi (Keeyyata 15 ilaali)


16. Namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu ‘dhugaa keessa akka deddeebiʼan’ isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

16 Namoonni waaʼee Yihowaa dhugaa akka baratan gargaaruu caalaa wanti gammachuu namaaf argamsiisu hin jiru jechuun ni dandaʼama. Wantoota armaan gadii yoo gootan ‘dhugaa keessa akka deddeebiʼan’ isaan gargaaruu dandeessu: Fakkeenya gaarii isaaniif taʼaa. (3 Yoh. 3, 4) Akkaataan jireenya keessanii abdii Dubbii Waaqayyoo keessa jirutti akka amantan kan argisiisu haa taʼu. Kakaʼumsa sirriidhaan wanta dhugaa taʼe dubbadhaa. Yeroo dhugaa barsiistan yeroo sirrii taʼetti jechoota gaariitti fayyadamuudhaan dubbii gurratti tolu dubbadhaa. Akkasumas namoonni yeroo isin jajan Yihowaadhaaf ulfina akka kennan godhaa. Akkas yoo gootan, Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe waaqeffachaa akka jirtan argisiistu.

CAQASOOTA ARMAAN GADIIRRAA MAAL BARATTE?

  • Hojii Ergamootaa 17:27

  • Qolosaayis 4:6

  • Fakkeenya 25:11

FAARFANNAA 160 “Misiraachoo”

a IBSA FAKKII: Suuraa isa jalqabaarratti obboleessi tokko muka Ayyaana Qillee namichi qopheeffate erga ilaalee booda mata duree Ayyaanni Qillee amantii sobaarraa akka madde ibsu itti argisiisaa jira. Suuraa isa lammaffaarratti obboleessi sun mata duree abbootiidhaaf gorsa gaarii kennu itti argisiisaa jira. Isa kamtu caalaatti buʼa qabeessadha?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi