-
Namoonni “Kiristiyaana” Ofiin Jedhan Hundi Kiristiyaanadhaa?Masaraa Eegumsaa—2012 | Adoolessa 1
-
-
Namoonni “Kiristiyaana” Ofiin Jedhan Hundi Kiristiyaanadhaa?
YEROO AMMAA Kiristiyaanonni jiran meeqa taʼu? Kitaabni Atilaas oov Giloobaal Kiristiyaanitii jedhamu akka ibsetti, bara 2010tti addunyaa maratti Kiristiyaanota gara biliyoona 2.3 taʼantu jira ture. Haataʼu malee kitaabumti kun, dhaabbanni amantii Kiristiyaanotaa 41,000 ol akka taʼeefi barumsi buʼuuraas taʼe seerri amalaa isaan ittiin geggeeffaman garaagara taʼuusaa ibseera. Dhaabbanni amantii “Kiristiyaanaa” hamma kana baayʼachuunsaa, namoonni tokko tokko akka burjaajaʼaniifi akka abdii kutatan isaan gochuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Kanaaf, ‘Namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan hundi dhugumaan Kiristiyaanadhaa?’ jedhanii gaafachuunsaanii hin oolu.
Mee dhimma kana karaa gara biraatiin haa ilaallu. Yeroo baayʼee namni biyya garabiraa adeemu tokko biyyicha seenuusaa dura lammii biyya eessaa akka taʼe qaama dhimmisaa ilaallatutti dubbachuu qaba. Kana malees, wanti inni dubbate sirrii taʼuusaa mirkaneessuuf waraqaa eenyummaa, tariimmoo paaspoortiisaa argisiisuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanni dhugaan tokko Kiristositti akka amanu dubbachuu malees wanta addaan isa baasu tokko qabaachuu qaba. Wanta eenyummaasaa beeksisu dabalataa qabaachuu isa barbaachisa. Wanti kun maalidha?
Jecha “Kiristiyaana” jedhutti yeroo jalqabaatiif fayyadamuun kan eegale Dh.K.B. bara 44ttidha. Luqaas inni barreessaa seenaa Macaafa Qulqulluu taʼe, “Bartoonni jalqaba duraa Anxokiyaatti ‘Kristiyaanota’ jedhamanii waamaman” jedhee galmeesseera. (HoE. 11:26) Namoonni Kiristiyaanota jedhaman kun bartoota Kiristos akka turan hubadhu. Namni tokko bartuu Yesus Kiristos akka taʼu kan isa godhu maalidha? Kitaabni Za Niiwu Intarnaashinaal Dikshinarii oov Niiwu Teestaamen Tiʼooloojii jedhamu, ‘Bartuu Yesus taʼuu jechuun hamma lubbuudhaan jiranitti, daangaa tokko malee guutummaa jireenya ofii aarsaa gochuu jechuudha’ jedhee ibseera. Kanaaf Kiristiyaanni dhugaan, nama barumsaafi qajeelfama Yesus isa Kiristiyaanummaa hundeessee guutummaatti, akkasumas daangaa tokko malee hordofudha.
Namoota yeroo harʼaatti Kiristiyaana ofiin jedhan keessaa namoota akkasii argachuun ni dandaʼamaa? Yesus wantoota duuka buutonnisaa warri dhugaan ittiin beekaman ilaalchise maal jedheera? Kanatti aansuudhaan deebii Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf kennu akka qortu si afeerra. Mataduree ittaanurratti, karaawwan shanan duuka buutonnisaa warri dhugaan addaan baafamanii ittiin beekaman dubbate qorra. Kiristiyaanonni jaarraa jalqaba ulaagaa kana kan guutan akkamitti akka taʼe ilaalla. Achiis namoota yeroo harʼaatti Kiristiyaanota ofiin jedhan keessaa ulaagaa kana kan guutan eenyufaa akka taʼan qoruuf yaalla.
-
-
‘Dubbii Kootti Qabamaa Jiraadhaa’Masaraa Eegumsaa—2012 | Adoolessa 1
-
-
‘Dubbii Kootti Qabamaa Jiraadhaa’
“Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota koo ti. Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa.”—YOHANNIS 8:31, 32.
Kun Hiika Maalii Qaba? “Dubbii” Yesus kan jedhame barumsasaa isa qaama hundumaa caalurra argamedha. Yesus, “Abbicha isuma na ergetu ofii isaatii waanan dubbadhu na abboome malee, ani ofuma kootiin hin dubbanne” jedheera. (Yohannis 12:49) Kadhannaa Yihowaa Abbaasaatti dhiheesserratti, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera. Yesus barumsa barsiisuuf yeroo hundumaa ragaa kan dhiheessu dubbii Waaqayyorraa ture. (Yohannis 17:17; Maatewos 4:4, 7, 10) Kanaaf Kiristiyaanonni dhugaan, ‘dubbii Kiristositti qabamanii jiraachuu’ ykn Macaafa Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe akka ‘dhugaatti’ fudhatu. Akkasumas wantoota itti amananiifi gochasaanii wajjin haala wal qabateen Macaafa Qulqulluutiif iddoo guddaa kennu.
Kiristiyaanonni Jaarraa Jalqabaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Akkamitti? Phaawulos inni kutaawwan Macaafa Qulqulluu hedduu barreesse, Dubbii Waaqayyootiif ilaalcha akka Yesus kan qabu taʼuusaa argisiiseera. Kanaaf, “Caaffanni qulqullaaʼaan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; [akkasumas] dhimma in baasa” jedhee barreesseera. (2 Ximotewos 3:16) Dhiironni namoota hidhata amantiisaanii akka barsiisaniif muudaman, ‘dubbicha isa amanamaa sanatti jabaatanii qabamuu’ qabu turan. (Tiitoos 1:7, 9) Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif akeekkachiisni akkas jedhu kennamee ture: “Namni tokko illee akka barsiisa Kristositti utuu hin taʼin, yaada mataa isaa keessaa baʼee fi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen isin hin harkisin; akka barsiisa amala namaatti akka isa hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaatamaniitti isin hin boojiʼin.”—Qolosaayis 2:8.
Yeroo Harʼaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Eenyufaʼi? Kitaabni Vaatikaan bara 1965tti qopheessiteefi Doogmaatiik Konstiituushin oon Divaayin Riivaleeshin jedhamu, kitaaba waldaan amantii Kaatolikii ittiin barsiistuufi Kaateekizim oov ze Kaatolik Charchi jedhurratti caqasame akkas jedha: “Waldaan [Kaatolikii] wanta isheetti mulʼate hunda akka ragaatti kan dhiheessitu Caaffata Qulqullaaʼoorraa qofa miti. Kanaaf duudhaawwan qulqulluuniifi Caaffanni Qulqullaaʼoon qixxee akka taʼanitti amanuu, akkasumas kabaja addaa isaaniif kennuu qabna.” Barruun Maakliinsi jedhamu yaada tajaajilaan Kaanaadaa, Toorontoo jiru, “Sagalee ‘jijjiiramaa’ waggaa kuma lama dura barreeffameen geggeeffamuun maaliif nu barbaachise? Yaadawwan dinqisiisaa qabna; yaadawwan kana yaadawwan Yesusiifi Caaffata Qulqullaaʼootiin deggeruutu nurraa eegama; kunimmoo yeroo hundumaa humna isaan qaban nu jalaa laaffisa” jechuudhaan dubbate caqaseera.
Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee kitaabni Niiwu Kaatolik Insaayikilooppeediyaa jedhamu, “Macaafa Qulqulluu buʼuura amantiisaaniifi jireenyaasaanii ittiin geggeessan godhanii ilaalu” jedheera. Dhiheenya kana Kaanaadaa keessatti Dhugaa Baatuun tokko nama tokkoof yeroo lallabuuf jettu, dubbiishee gidduutti kutee Macaafa Qulqulluusheetti quba qabuudhaan, “Eenyummaakee mallattoo keetiin beekeera” jedheen.
-
-
‘Kan Biyya Lafaa Miti’Masaraa Eegumsaa—2012 | Adoolessa 1
-
-
‘Kan Biyya Lafaa Miti’
“Kan biyya lafaa waan hin taʼiniif, biyyi lafaa isaan jibbe.”—YOHANNIS 17:14.
Kun Hiika Maalii Qaba? Yesus kan biyya lafaa waan hin turreef, walitti buʼiinsa hawaasaafi siyaasaa barasaatti ture keessa hin seenne. Kanaaf Yesus, “Mootummaan inni kan kootii . . . utuu mootummaa biyya lafa kanaa taʼee, akka ani warra Yihudootaatti hin kennamneef, namoonni koo anaaf in lolu turan; garuu mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti” jechuudhaan ibseera. (Yohannis 18:36) Akkasumas ilaalcha, dubbiifi amala Dubbiin Waaqayyoo balaaleffaturraa akka fagaatan duuka buutotasaa gorseera.—Maatewos 20:25-27.
Kiristiyaanonni Jaarraa Jalqabaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Akkamitti? Namni Jonaataan Daayimandi jedhamaniifi waaʼee amantii barreessan akka jedhanitti Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, “salphina, hidhaa ykn duʼa kan isaanitti fidu taʼullee [waraanarratti] hin hirmaatan turan.” Siyaasa keessa galuu mannaa dhiphachuu filataniiru. Seerri buʼuuraa isaan ittiin jiraatanis namoota kaanirraa adda kan isaan godhu ture. Kiristiyaanonni, “Isa isin amma isaanitti dabalamtanii lolaa jireenya ittisa hin qabneetiin fudhatamuu dhiiftan in dinqifatu, maqaa keessanis in balleessu” jedhamanii turan. (1 Phexros 4:4) Hayyuu seenaa kan taʼan Wiil Duuraanti Kiristiyaanonni “ejjennoo hafuuraafi amalasaanii isa gaariitiin biyya lafaa gammachuun macheesse ceephaʼaa turan” jedhanii barreessaniiru.
Yeroo Harʼaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Eenyufaʼi? Kiristiyaanota siyaasa keessa hin galle ilaalchisee kitaabni Niiwu Kaatolik Insaayikilooppeediyaa jedhamu, “Yaanni garaasaanii waan isaan ceephaʼuuf waraanarratti hirmaachuu dhiisuun karaa amalaa fudhatama hin qabu” jechuudhaan falmii kaaseera. Matadureen gaazexaa Reefoormiirtee Pireesee jedhamuufi gabaasa Mirga Uummata Afriikaa ilaalchisee barreeffamerratti dhaabbanni mirgoota namummaa tokko, qomoo balleessuu Ruwaandaatti bara 1994tti raawwatamerratti “Dhugaa Baatota Yihowaarraa kan hafe” dhaabbileen amantii hundi irratti akka hirmaatan ibseera.
Barsiisaan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa tokko dhumiinsa warri Naazii geessisan ilaalchisee gaddasaa yeroo ibsu, “sobaafi gara jabina, akkasumas dhumiinsa ittaansuudhaan raawwatame gareen ykn dhaabbanni ija jabinaan morme tokkollee hin turre” jedheera. Barsiisaan kun, Godambaa Yaadannoo Namoota Naaziitiin Dhumaniifi Yunaayitid Isteetis jiru erga daawwatee booda “amma deebiisaa argadheera” jedhee barreesseera. Namni kun, Dhugaa Baatonni Yihowaa gidiraa guddaan isaanirra gaʼuyyuu amantiisaaniitti jabaatanii akka dhaabatan hubachuu dandaʼeera.
Seera buʼuuraa isaan ittiin jiraatan ilaalchiseehoo maal jechuutu dandaʼama? Barruun Yu.Eess. Kaatolik jedhamu, “Dargaggoota amantii Kaatolikii hordofan keessaa garri caalaansaanii, utuu seeraan wal hin fuudhin waliin jiraachuufi saalqunnamtii raawwachuu ilaalchisee barumsa waldaan kun barsiistu hin fudhatan” jedheera. Barruun kun daaqoniin waldaa tokko, “Namoonni wal fuudhan hedduun, tariimmoo harka 50 ol kan taʼan waliin jiraachaa kan turanidha” jechuusaa caqaseera. Haala kanarraa adda taʼeenimmoo, kitaabni Za Niiwu Insaayikilooppeediyaa Biritaanikaa jedhamu, Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee “akkaataa jireenyaasaaniitiin seera buʼuuraa olaanaa taʼe hordofu” jedheera.
-
-
‘Jaalala Waliif Qabaadhaa’Masaraa Eegumsaa—2012 | Adoolessa 1
-
-
‘Jaalala Waliif Qabaadhaa’
“Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera. Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku.”—YOHANNIS 13:34, 35.
Kun Hiika Maalii Qaba? Kiristos akkuma inni isaan jaallatetti akka wal jaallatan duuka buutotasaatti himeera. Yesus akkamitti isaan jaallate? Haala yeroo sanatti turerraa faallaa taʼeen, namoota qomoo ykn saalaan utuu hin qoodin hundasaaniitti jaalala argisiiseera. (Yohannis 4:7-10) Jaalalli, namoota gargaaruuf yeroo, humnaafi fedhii dhuunfaasaa aarsaa gochuuf isa kakaaseera. (Maarqos 6:30-34) Dhumarrattis, Kiristos karaa hundarra caaluun jaalalasaa argisiiseera. Kanaan kan kaʼes, “Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna” jedheera.—Yohannis 10:11.
Kiristiyaanonni Jaarraa Jalqabaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Akkamitti? Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, “obboleessa” ykn “obboleettii” jedhanii wal waamu turan. (Filemon 1, 2) “Warra Yihudootaa fi warra Yihudoota hin taʼin gidduu garaagarummaan [akka hin jirre]” waan amananiif, namoota saba garaagaraa keessaa dhufan gumii Kiristiyaanaatti simataniiru. (Roomaa 10:11, 12) Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee booda bartoonni magaalaa Yerusaalem keessa jiraatan, “araddaa isaaniitii fi qabeenya isaanii gurguranii, horii isaas hundumaafuu, akka isa barbaachisetti in hiru turan.” Kana kan godhan maaliifi? Kiristiyaanonni haaraa cuuphaman Yerusaalem keessa turanii, ‘barsiisa ergamootaatti qabamanii jiraachuusaanii’ akka itti fufaniifidha. (Hojii Ergamootaa 2:41-45) Bartoonni kana akka godhan kan isaan kakaase maalidha? Ergamoonni Yesus erga duʼanii waggoota 200 booda, barreessaa seenaa kan taʼe Tartuuliyaan wanta warri kaan waaʼee Kiristiyaanotaa dubbatan caqasuudhaan, “Akkamitti akka wal jaallatan . . . akkasumas waliisaaniitiif duʼuufillee hangam qophaaʼoo akka taʼan hubadhaa” jedheera.
Yeroo Harʼaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Eenyufaʼi? Kitaabni Za Histirii oov za Diklaayin eend Fool oov za Roomaan Impaayar (1837) jedhamu jaarraa darban maratti namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhan hundi, “gocha gara jabinaa [namoonni kaan] isaanirraan geessisan caalaa waliisaaniirratti raawwataniiru” jedheera. Qorannaan dhiheenyatti Yunaayitid Isteetisitti godhame akka argisiisetti namoonni amantii, Kiristiyaanota ofiin jedhan sanyiidhaan wal qoodu. Namoonni biyya tokkotti amantii tokko hordofan yeroo baayʼee namoota amantiisaanii hordofaniifi biyya biraa jiranii wajjin tokkummaa waan hin qabneef, namoota hidhata amantiisaanii taʼan yeroo rakkinni mudatu gargaaruu hin barbaadan ykn hin gargaaran.
Bara 2004 jiʼa lama gidduutti obomboleettiin al afur Filooriidaa yeroo rukutu, dura taaʼaan Koree Gargaarsa Balaa Tasaa Filooriidaa, gargaarsi isaan kennan sirriitti faayidaarra ooluusaa mirkaneessuuf qorannaa godhanii turan. Namni kun dhaabbata amantii akka Dhugaa Baatota Yihowaa sirriitti qindeeffame akka hin argine erga dubbatanii booda, Dhugaa Baatotaaf gargaarsa isaan barbaachisu akkamiiyyuu kennuuf fedhii akka qaban ibsaniiru. Isaan dura bara 1997, Kiristiyaanonni garee gargaarsaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessa tajaajilan, gara Koongoo Diimokiraatiik Rippuublikii deemanii obbolootasaaniifi namoota gargaarsi isaan barbaachisuuf qoricha, nyaataafi uffata geessaniiru. Dhugaa Baatonni hidhata amantiisaanii taʼaniifi Awurooppaa keessa jiraatan, dimshaashumatti doolaara Ameerikaa gara miliyoona tokkoo gumaachaniiru.
-
-
‘Maqaankee Akka Beekamu Godheera’Masaraa Eegumsaa—2012 | Adoolessa 1
-
-
‘Maqaankee Akka Beekamu Godheera’
“Biyya lafaa keessaa warra ati anaaf laattetti maqaa kee beeksiseera . . . Maqaan kee isaan biratti akka beekamu godheera . . . Ammas akka beekamu nan godha.”—YOHANNIS 17:6, 26.
Kun Hiika Maalii Qaba? Yesus, maqaa Waaqayyoo tajaajilarratti itti fayyadamuudhaan akka beekamu godheera. Caaffata Qulqullaaʼoo yeroo dubbisus, maqaa Waaqayyoo siʼa baayʼee caqaseera. (Luqaas 4:16-21a) Duuka buutonnisaas, “Yaa abbaa . . . maqaan kee haa qulqullaaʼu!” jedhanii akka kadhatan barsiiseera.—Luqaas 11:2.
Kiristiyaanonni Jaarraa Jalqabaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Akkamitti? Phexros ergamaan Waaqayyo saba hundumaa keessaa ‘saba maqaasaatiif taʼu tokko’ akka fudhate jaarsolii Yerusaalemitti himeera. (Hojii Ergamootaa 15:14, hiika bara 1899) Ergamoonnis taʼan Kiristiyaanonni kaan “Maqaa [“Yihowaa,” NW] kan waammatu hundinuu . . . in oola” jedhanii lallabaniiru. (Hojii Ergamootaa 2:21; Roomaa 10:13) Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikiitiin barreessanirrattis maqaa Waaqayyootti fayyadamaniiru. Kitaabni Ze Tooseftaa jedhamuufi seerawwan Yihudootaa afaaniin dubbataman guutummaatti qabate, akkasumas Dh.K.D. bara 300tti barreeffamee xumurame, barreeffamoota Kiristiyaanaa mormitootaan gubaman ilaalchisee, “Kitaabota namoota Wangeela lallabaniifi kitaabota warra miniim [Yihudoota Kiristiyaanota taʼan jedhamee yaadama] ibiddarraa oolchuun hin dandaʼamne. Kanaa mannaa kitaabota kana maqaa Waaqayyoo keessasaaniitti argamuu wajjin . . . gubaniiru” jedheera.
Yeroo Harʼaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Eenyufaʼi? Macaafni Qulqulluun Waldaa Kiristos Yunaayitid Isteetis heyyama Mana Maree Biyyoolessaatiin qophaaʼeefi Rivaayizid Istaandaardi Varshin jedhamu seensasaarratti akkas jedheera: “Akka waan waaqayyoliin Waaqa tokkicharraa adda baafamuu qaban baayʼeen jiranitti, Waaqayyoon maqaa dhuunfaasaatiin waamuun amantii Yihudootaa keessatti, jechuunis Kiristiyaanummaan hundeeffamuusaa dura hafeera. Amantiin Kiristiyaanaa addunyaa maratti argamus maqaa kanaan fayyadamuunsaa sirrii miti.” Kanaaf hiikni Macaafa Qulqulluu kun maqaa Waaqayyoo maqaa ulfinaa “GOOFTAA” jedhuun bakka buuseera. Dhiheenyatti Vaatikaan phaaphaasonni Kaatolikii waaqeffannaarratti, “Faarfannaafi kadhannaasaaniirratti maqaan Waaqayyoo inni tetiraagiraamaataniitti YHWHb jedhamu akka hin waamamneefi akka itti hin fayyadamne” ajajjeetti.
Yeroo harʼaa namoonni maqaa Waaqayyootti fayyadamaniifi beeksisaa jiran eenyufaʼi? Sargeen, yommuu umrii waggoota kurnanii keessa ture fiilmii maqaan Waaqayyoo Yihowaa taʼuusaa ibsu tokko ilaalee ture. Ergasii gara waggoota kurnaniif namni tokkoyyuu maqaa kanaan yeroo fayyadamu dhagaʼee hin beeku. Yeroo booda Yuunaayitid Isteetis keessa jiraachuu kan jalqabe siʼa taʼu, gaaf tokko Dhugaa Baatonni lama dhufanii Maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluurraa isatti argisiisan. Sargeen, jaarmiyaa amantii maqaa Yihowaa jedhuun fayyadamu argachuusaatti baayʼee gammade. Kan nama dinqisiisu galmeen jechootaa Weebistarsi Sardi Niiwu Intarnaashinaal Dikshinarii jedhamu toora “Jehovah God,” jedhu jalatti “hundumaa ol kan taʼeefi Waaqa tokkicha Dhugaa Baatonni Yihowaa waaqeffatan” jedhe hiikeera.
[Miiljaleewwan]
a Yesus yaada Luqaas 4:18rra jiru kan caqase, Isaayaas 61:1 isa afaan Ibrootaa jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffameen maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhu qaburraa ture.
b Afaan Oromootiin, maqaan Waaqayyoo “Yihowaa” jedhama.
-
-
‘Wangeelli Mootummaa Kun In Lallabama’Masaraa Eegumsaa—2012 | Adoolessa 1
-
-
‘Wangeelli Mootummaa Kun In Lallabama’
“Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa.”—MAATEWOS 24:14.
Kun Hiika Maalii Qaba? Luqaas inni barreessaa Wangeelaa taʼe, Yesus “mandarootaa fi gandeen keessa adeemee, mootummaa Waaqayyoo labsaa misraachoo himaa ture” jedhee gabaaseera. (Luqaas 8:1) Yesusis, “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo . . . lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jedhee dubbateera. (Luqaas 4:43) Bartoonnisaas magaalotaafi gandeenitti akka lallabaniif erge; “hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu” jedhee isaan ajajeera.—Hojii Ergamootaa 1:8; Luqaas 10:1.
Kiristiyaanonni Jaarraa Jalqabaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Akkamitti? Bartoonni Yesus wanta inni isaan ajaje yeruma sana raawwataniiru. “Ergamoonni guyyuma guyyaatti mana qulqullummaatti, mana manattis, barsiisuudhaaf Yesus, Masiihii akka taʼe misraachoo himuuttii gargar hin kunne.” (Hojii Ergamootaa 5:42) Hojiin lallabaa namoota muraasa filatamaniif qofa kan kenname hin turre. Barreessaa seenaa kan taʼe Niʼaander, “Seelsas inni jaarraa tokkoffaatti ture namoonni wayyaa dhaʼan, kophee hojjetan, gogaa duugan, kan hin baranneefi namoonni iddoo guddaa hin qabne hinaaffaadhaan wangeelicha lallabuusaanii mormuudhaan waaʼee Kiristiyaanotaa barreesseera” jechuudhaan wanta hubate dubbateera. Jaan Bernaardii kitaabasaa isa Za Erlii Seenchariis oov za Charchi jedhamurratti akkas jedhee barreesseera: “[Kiristiyaanonni] bakka hundumaa deemuudhaan nama argatan hundaaf lallabuu qabu turan. Daandiiwwan gurguddaarratti, bakkawwan namoonni itti baayʼataniifi manaa gara manaa deemanii namoota argatan hundaatti himuu qabu turan. Simatamanis simatamuu baatanis . . . hanga andaara lafaatti lallabu qabu turan.”
Yeroo Harʼaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Eenyufaʼi? Luba Aanjalikaan kan taʼe Deevid Waatsan, “Fedhii hafuuraatiif dantaa dhabuun akka babalʼatu kan godhe, waldaan kun hojii lallabuufi barsiisuutiif xiyyeeffannaa guddaa kennuu dhiisuusheeti” jedhee barreesseera. Hoosee Luwiis Guwaadaaluppeen, kitaabasaanii Waayi Aar za Kaatoliikis Liiviing? jedhamurratti waaʼee sochii namoota Ivaanjalikaanii, Adveentistiifi namoota kaan ilaalchisee, “manaa gara manaa deemanii hin lallaban” jedhanii barreessaniiru. Waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa garuu, “Karaa qindaaʼina qabuun manaa gara manaatti lallabu” jedhaniiru.
Jonaataan Tarleen barreeffama Kaatoo Suupriim Koorti Riiviiwu, 2001-2002 jedhamurratti haqa hubatan tokko haala qalbii namaa hawwatuun akkas jedhanii dubbataniiru: “Maqaan Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo kaʼu, yeruma sana gara samuu keenyaatti kan dhufu namoota saʼaatii namatti hin tolletti dhufanii mana keenya rurrukutanii lallabanidha. Dhugaa Baatonni Yihowaa manaa gara manaa deemanii kan lallaban, amantiisaanii babalʼisuuf qofa utuu hin taʼin kutaa amantiisaanii waan taʼeefidha.”
[Saanduqa fuula 27rra jiru]
Mallattoowwan Kana Hubatteettaa?
Matadureewwan walitti aansuudhaan ilaallerratti ulaagaalee Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼeen, yeroo harʼaatti Kiristiyaanota Dhugaa kan jedhaman eenyufaʼi jettee yaadda? Namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhan kuma kudhaniin lakkaaʼaman jiraataniyyuu Yesus duuka buutotasaatiin, “Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti” jechuusaa qalbeeffadhu. (Maatewos 7:21) Namoota jaalala Abbaa raawwachaa jiran, jechuunis namoota mallattoon Kiristiyaanota dhugaa addaan baasee beeksisu qaban hubachuufi isaan deggeruun Mootummaa Waaqayyoo jalatti eebba barabaraa namaaf argamsiisa. Dhugaa Baatota Yihowaa warra baruu kana sii fidan, waaʼee Mootummaa Waaqayyoofi waaʼee eebba Mootummaan kun fiduu odeeffannoo dabalataa akka siif kennan akka isaan gaafattu si afeerra.—Luqaas 4:43.
-