Eebba Argachuu Dandeessa!
1 Jireenyakee keessatti gammachuu guddaafi milkaa’ina argachuu ni barbaaddaa? Warra kaan gargaaruun si gammachiisaa? Tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessitu guddisuu ni barbaaddaa? Gaaffiiwwan kanaaf deebiinkee eeyyee kan jedhu yoo ta’e, qajeelchaa ta’uuf yaaduu qabda jechuudha. Itti gaafatamummaa maatii dabalatee, itti gaafatamummaan Caaffata Qulqullaa’oorratti ibsame kan biraanis sirra yoo jiraate, akkasumas dhibee fayyaafi rakkina kan biraa yoo qabaatte, kun tilmaama keessa galuu akka qabu beekamaadha.
2 Macaafni Solomoon hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee barreesse, eebba Yihowaa qabeenya foonii wajjin wal qabsiisee ibsa. (Fak. 10:22) Yeroo har’aa eebbi Yihowaa gara caalaatti qabeenya hafuuraa argamsiisa. Qajeelchitoonni, eebbawwan akkasii baay’inaan argatu. Fakkeenyaaf, yeroo dhimmawwan dhuunfaatiif oolchanirraa ‘baricha bituudhaan,’ gammachuu guddaa warra kaaniif kennuudhaan argamu ni argatu. (Qol. 4:5, hiika bara 1899; HoE. 20:35) Yihowaan hojii jaalalaan kaka’anii raawwatan ni hubata, ni dinqisiifatas. ‘Badhaadhummaan waaqarraa’ kun, matumaa kasaaraa hin qabu. (Mat. 6:20; Ibr. 6:10) Kana malees, qajeelchitoonni ‘ija fayyaa’ yoo qabaataniifi Yihowaan waan isaan barbaachisu akka isaanii kennu yoo isatti abdatan, walitti dhufeenyi isaa wajjin qaban ni cima.—Mat. 6:22, 25, 32; Ibr. 13:5, 6.
3 Qabeenya foonii duukaa bu’uun namoota baay’ee “kajeellaatti, gowwummaa isaan miidhu baay’ee keessattis” isaan kuffisa. (1 Xim. 6:9, 10; Yaq. 5:1-3) Eebbi Yihowaa garuu tasumaa waan akkasii namarra hin geessisu. Qajeelchitoonni yeroo qaban keessaa baay’eesaa tajaajilarratti dabarsuunsaanii, wantoota caalaatti barbaachisaa ta’anirratti akka xiyyeeffatan isaan gargaara. (Filp. 1:10) Obboleessi mahaandisii ture tokko qajeelchaa ta’uuf jecha hojii yeroo baay’ee isa jalaa fudhatu kana dhiiseera. Akkas jedhe: “Hojiinkoo inni duraa kan nama dhiphisu ture. Qajeelchaa ta’uun garuu nama hin dhiphisu. Amma namoota nan gargaara, dhugaas isaan nan barsiisa. Namoonni dhugaa akka fudhatan gargaaruun, waan hunda caalaa kan nama gammachiisudha.”
4 Eebba Warri Kaan Argatan: Har’a namoonni hundumtuu “yeroo sodaachisaa” keessa jiru. (2 Xim. 3:1) Namoonni eessayyuu jiran abdii argachuunsaanii baay’ee ariifachiisaadha. Labsitoonni Mootummichaa, fuulli namootaa abdii kutachuusaaniitiin gurraacha’e, yeroo misiraachicha fudhatan jijjiiramee abdiidhaan yeroo guutamu arguudhaan gammadu. Qajeelchitoonni hojii lubbu baraarsaa ta’e kanarratti waggaatti sa’aatii 800 ol dabarsan gammachuu akkasii kana caalaatti argatu!—1 Xim. 4:16.
5 Qajeelchaa ta’uuf garaadhaa yaaddee beektaa? Kana gochuun, wantoota baay’ee barbaachisaa hin taanerraa ‘baricha bituu’ kan gaafatu ta’uu danda’a. (Efe. 5:15, 16) Namoonni baay’een kana gochuudhaan jireenyasaanii salphaa godhaniiru; kunimmoo hojii Mootummichaarratti yeroo dheeraa dabarsuuf jecha yeroo hojii kaanirratti dabarsan akka hir’isan isaan gargaareera. Atis akkas gochuuf dhimmawwankee sirreessuu ni dandeessaa?
6 Sagantaa hojiirra ooluu danda’u baasuuf Yihowaan ogummaa akka sii kennu kadhadhu. (Yaq. 1:5) Eebbawwan akkamii argachuu dandeessa? Eebbawwan hafuuraa hedduu argachuu dandeessa! Yihowaan karaa fooniis waan si barbaachisu sii kenna. (Mat. 6:33) Warri karaa kanaan Yihowaa qoranii ilaalan, “eebba danuu” argatu.—Mil. 3:10.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Qajeelchaa ta’uuf yaaduu kan qabdu maaliifi?
2. Eebbawwan hafuuraa qajeelchitoonni argatan tokko tokko caqasi.
3. Qabeenya hafuuraa duukaa bu’uufi qabeenya foonii duukaa bu’uun garaagarummaa akkamii qaba?
4. Qajeelchitoonni, warra kaaniif eebba argamsiisuudhaan kan eebbifaman akkamitti?
5, 6. Qajeelchaa ta’uuf maaltu si gargaaruu danda’a?