LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 4/1 ful. 9-11
  • Waaʼeen Eeden Siin Kan Ilaalltu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaʼeen Eeden Siin Kan Ilaalltu Akkamitti?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhaabni Eeden Bakka Dhugumaan Turedhaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Jannata Keessaa Ari’aman
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maali Dha?
    Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
  • Jireenyi Jannataa Maal Fakkaata Ture?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 4/1 ful. 9-11

Waaʼeen Eeden Siin Kan Ilaalltu Akkamitti?

MORMII hayyoonni tokko tokko kaasan keessaa inni guddaan, waaʼeen Eeden kutaawwan Macaafa Qulqulluu kaan keessatti hin caqasamne kan jedhudha. Fakkeenyaaf, Piroofeesara Qorannaawwan Amantii kan taʼan Pool Mooris, “Seenaan Eeden kutaawwan Macaafa Qulqulluu gara boodaatti barreeffaman keessatti kallattiidhaan hin caqasamne” jechuudhaan barreessaniiru. Yaanni isaan irra gaʼan “hayyoota” addaddaa biratti fudhatama argatus, dhugaansaa garuu kallattiidhaan yaada kanaa wajjin kan wal faallessudha.

Macaafni Qulqulluun bakka hedduutti, waaʼee dhaaba Eeden, waaʼee Addaam, waaʼee Hewwaaniifi waaʼee bofichaa ni dubbatu.a Taʼus dogoggorri hayyoonni muraasni raawwatan, dogoggora guddaa geggeessitoonni amantii raawwatanii wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu baayʼee xinnoodha. Geggeessitoonni amantiifi namoonni Macaafa Qulqulluu morman seenaa Seera Uumamaa waaʼee dhaaba Eeden dubbatu fudhachuu diduudhaan, Macaafa Qulqulluurratti waraana bananiiru. Akkamitti?

Wanta dhaaba Eeden keessatti raawwatame hubachuun keenya, kutaawwan Macaafa Qulqulluu kaan hubachuuf barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, Dubbiin Waaqayyoo gaaffiiwwan gurguddaa ilmaan namootaa gaafataniif deebii akka argatan gargaaruuf jedhamee kan qophaaʼedha. Deebiin Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf kennu, yeroo hunda wantoota dhaaba Eeden keessatti raawwatamanii wajjin walitti dhufeenya akka qaban ibsa. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

● Kan dulloomnuufi kan duunu maaliifi? Addaamiifi Hewwaan utuu Yihowaadhaaf abboomamaniiru taʼee barabaraaf jiraatu turan. Kan duʼan yoo isarratti kaʼan qofa ture. Kanaaf guyyaa Waaqayyoorratti kaʼan sanaa kaasee gara duʼaatti adeemuu jalqaban. (Uumama 2:16, 17; 3:19) Mudaa kan qaban taʼan; ijoolleensaaniis mudaa kan qabaniifi cubbuu kan dhaalan taʼan. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan haalasaa ibsa: “Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal gaʼe.”—Roomaa 5:12.

● Waaqayyo hammeenyi akka jiraatu kan heyyame maaliifi? Dhaaba Eeden keessatti Seexanni, Waaqayyo ni soba; uumamasaa jalaas wanta gaarii taʼe ni dhoksa jechuudhaan dubbateera. (Uumama 3:3-5) Kanaan kan kaʼes, akkaataa Yihowaan itti bulchu qajeelaa taʼuusaarratti gaaffii kaaseera. Addaamiifi Hewwaan Seexana duukaa buʼuu filatan; kanaaf isaanis olaantummaa Yihowaa tuffatan; kunimmoo namni wanta gaariifi gadhee taʼe ilaalchisee ofumasaatii murteessuu dandaʼa akka jedhanitti lakkaaʼama. Yihowaan murtoosaa isa qajeelaa taʼeefi ogummaasaatiin, gaaffii kanaaf deebii kennuun kan dandaʼamu karaa tokko qofa, jechuunis namoonni akkuma filannoosaaniitti akka ofiin of bulchan yeroo heyyamuudhaan akka taʼe beeka ture. Hammeenyi kan babalʼate, Seexanni dhiibbaa geessisuusaa waan itti fufeef siʼa taʼu, kunimmoo yeroo booda dhugaan hin haalamne tokko akka mirkaneeffamu godheera. Dhugaan kunis, ‘Ilmaan namootaa Waaqayyorraa adda baʼanii ofiin of bulchuu hin dandaʼan’ kan jedhudha.—Ermiyaas 10:23.

● Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu maalidha? Yihowaan dhaaba Eeden qopheessuudhaan, lafti miidhagina akkamii akka qabdu argisiiseera. Addaamiifi Hewwaan ijoollee godhatanii lafarratti akka baayʼataniifi ishees ‘harka jala akka galfatan’ qajeelfama isaanii kenneera; kunis guutummaan lafaa miidhaginaafi tokkummaa akka qabaattu godha. (Uumama 1:28) Kanaaf kaayyoon Waaqayyoo, lafti kun jannata ijoolleen Addaamiifi Hewwaan warri mudaa hin qabne tokkummaadhaan keessa jiraatan akka taatu gochuu ture. Macaafni Qulqulluun yeroo baayʼee, karaa Waaqayyo kaayyoosaa isa jalqabaa kana itti raawwaturratti kan xiyyeeffatudha.

● Yesus Kiristos gara lafaa kan dhufe maaliifi? Hammeenyi dhaaba Eeden keessatti raawwatame Addaamiifi Hewwaanirrattis taʼe ijoolleensaanii hundatti duʼa kan fide taʼus, Waaqayyo jaalalaan kakaʼee abdii kenneera. Wanta Macaafni Qulqulluun furii jedhee waamu akka dhiheessuuf Ilmasaa gara lafaatti ergeera. (Maatewos 20:28) Kana jechuun maal jechuudha? Yesus ‘Addaam isa lammaffaa’ jedhamee kan waamame siʼa taʼu, inni yeroo lafarra turetti guutummaatti Yihowaadhaaf abboomamuudhaan wanta Addaam utuu hin godhin hafe raawwateera. Kanaaf, lubbuusaa aarsaa ykn furii godhee dhiheessuudhaan, ilmaan namootaa amanamoo taʼan cubbuusaaniitiif dhiifama akka argatan, akkasumas jireenya Addaamiifi Hewwaan utuu cubbuu hin hojjetin dura qaban akka argatan karaa baneera. (1 Qorontos 15:22, 45; Yohannis 3:16) Kanaaf, Yesus kaayyoo Yihowaan lafa kana gara jannataatti jijjiiruuf qabu akka raawwatamu mirkaneesseera.b

Kaayyoon Waaqayyoo hubachuuf kan nama rakkisu ykn barumsa amantii salphaatti hubatamuu hin dandeenye miti. Kanaa mannaa barumsa hubatamuu dandaʼudha. Bineensotaafi namoota dhaaba jannataa Eeden keessa turan ilaalchisee wanti ibsame akkuma dhugaa taʼe, kaayyoon Waaqayyo gara fuulduraa ilaalchisee dubbates yeroo dhihootti ni raawwatama. Atoo abdii kana argachuu dandeessaa? Kun garri caalaansaa filannoo keerratti kan hundaaʼedha. Waaqayyo, warra qajeelfamasaa wajjin haala walsimuun hin jiraanne dabalatee, namoonni hedduun, jireenya gara fuulduraa ilaalchisee abdii akka qabaatan barbaada.—1 Ximotewos 2:3, 4.

Yesus mukarratti fannifamee utuu jiruu, namicha jireenya gadhee jiraachaa ture tokkoo wajjin dubbatee ture. Namichi kun yakkamaa akka taʼeefi ajjeefamuu akka qabu beeka ture. Taʼus, Yesusirraa jajjabinaafi abdii argachuu barbaade. Yesusoo maal jedhee deebiseef? “Anaa wajjin jannata keessatti in argamta” jedheen. (Luqaas 23:43) Yesus namichi yakkamaa ture sun duʼaa kaʼee dhaaba Eeden ishee bareedduu keessatti eebba jireenya barabaraa yeroo argatu arguu kan barbaadu erga taʼee, atis eebba akkasii akka argattu kan barbaadu sitti hin fakkaatuu? Eeyyee ni barbaada! Abbaansaas fedhii akkasii qaba! Atis eebba akkasii argachuu yoo barbaadde, waaʼee Waaqa isa dhaaba Eeden uumee barachuuf carraaqqii guddaa godhi.

[Miiljaleewwan]

a Fakkeenyaaf, Uumama 13:10; Keessa Deebii 32:8; 1 Seenaa 1:1; Isaayaas 51:3; Hisqiʼel 28:13; 31:8, 9; Luqaas 3:38; Roomaa 5:12-14; 1 Qorontos 15:22, 45; 2 Qorontos 11:3; 1 Ximotewos 2:13, 14; Yihudaa 14; akkasumas Mulʼata 12:9 dubbisi.

b Aarsaa furii Kiristos ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 5 ilaali.

[Saanduqa/​Fakkii fuula 10rra jiru]

RAAJII GUUTUMMAA MACAAFA QULQULLUU TOKKO GODHU

“Ani sii [bofichaa] fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita.”—Uumama 3:15.

Kun, raajii Macaafa Qulqulluu Waaqayyo yeroo jalqabaatiif dhaaba Eeden keessatti dubbatedha. Warri raajii kana keessatti caqasaman arfan, jechuunis dubartittiiniifi sanyiinshee, bofichiifi sanyiinsaa eenyufaʼi? Isaan gidduu ‘diinummaan’ akka jiraatu raajiin kan dubbatame akkamitti?

BOFICHA

Seexana isa Diiyaabilos jedhame.—Mulʼata 12:9.

DUBARTITTII

Jaarmiyaa Yihowaa uumamawwan samiirratti argaman qabatte. (Galaatiyaa 4:26, 27) Isaayaas, ‘dubartiin’ kun gara fuulduraatti saba hafuuraa akka godhattu raajii dubbateera.—Isaayaas 54:1; 66:8.

SANYII BOFICHAA

Qaamota fedhii Seexanaa raawwachuuf filatan.—Yohannis 8:44.

SANYII DUBARTITTII

Sanyiin dubartittii inni jalqabaa Yesus Kiristosidha; innis kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samiirraa kan dhufedha. ‘Sanyiin’ kun, warra karaa hafuuraa obboloota Kiristos taʼaniifi isaa wajjin samiirratti bulchan kan dabalatudha. Kiristiyaanonni dibamoon kun, “Israaʼel Waaqayyoo” warra saba hafuuraa taʼanidha.—Galaatiyaa 3:16, 29; 6:16; Uumama 22:18.

KOOMEE IDDAMU

Masiihichi dhiphinni guddaan kan isarra gaʼe taʼuyyuu, miidhaan barabaraa isarra hin geenye. Yesus yeroo lafarra ture, Seexanni isa ajjeesuu dandaʼeera. Taʼus, Yesus duʼaa kaafameera.

MATAA BURUQFAMU

Badiisa Seexana eeggatu kan ibsudha. Yesus barabaraaf Seexana ni balleessa. Sana dura garuu, hammeenya Seexanni Eeden keessatti akka jalqabamu godhe guutummaatti balleessa.—1 Yohannis 3:8; Mulʼata 20:10.

Yaada ijoo Macaafa Qulqulluu ilaalchisee ibsa gabaabaa argachuuf, birooshura Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe ilaali.

[Fakkii fuula 11rra jiru]

Addaamiifi Hewwaan sababii cubbuutiin miidhaa guddaan isaanirra gaʼeera

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi