-
Eenyullee Gooftolii Lama Tajaajiluu Hin DandaʼuMasaraa Eegumsaa—2014 | Ebla 15
-
-
Eenyullee Gooftolii Lama Tajaajiluu Hin Dandaʼu
“Eenyu illee gooftolii lamaaf hojjechuu hin dandaʼu. . . . isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan.”—MAT. 6:24.
1-3. (a) Yeroo harʼaa namoota baayʼee rakkina dinagdee akkamiitu isaan mudata? Namoonni tokko tokko rakkina kana furuuf maal godhu? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Ijoollee guddisuu wajjin haala wal qabateen wanti nama yaaddessu maalidha?
MAARLIIN,a “Abbaan manaakoo Jemsi, hojiidhaa yeroo hunda baayʼee dadhabee manatti gala; taʼus qarshiin inni hojjetee argatu wanta guyyaa guyyaadhaaf nu barbaachisurra hin darbu. Itti gaafatamummaasaa isarraa salphisuufi mucaa keenya Jiimiidhaaf wantoota gaggaarii ijoolleen isaa wajjin baratan qaban bituufiin barbaade” jechuudhaan dubbatteetti. Akkasumas, Maarliin firootasaanii gargaaruufi qarshii gara fuulduraatiif taʼu walitti qabachuu barbaadde. Hiriyoonnishee hedduun qarshii baayʼee argachuuf jecha biyya alaa deemaniiru. Haataʼu malee, waaʼee biyya alaa deemuu yommuu yaaddu, miira addaddaatu isheetti dhagaʼama ture. Maaliif?
2 Maarliin maatiishee isa jaallattus taʼe barsiifata hafuuraa isaan qaban dhiistee deemuun ishee yaaddessee ture. Taʼus, namoonni kaan yeroo gabaabaadhaaf biyya alaa akka deemaniifi maatiisaaniirra karaa hafuuraa miidhaan akka hin geenye isheetti dhagaʼama ture. Haataʼu malee, fagoo teessee ilmashee Jiimiin guddisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ishee yaaddessee ture. Intarneetiitti fayyadamuudhaan ilmashee “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” guddisuu ni dandeessii?—Efe. 6:4.
3 Maarliin qajeelfama argachuu barbaaddeetti. Abbaan manaashee akkasheen deemtu kan hin barbaanne taʼus ishee hambisuuf yaalii akka hin goone dubbateera. Jaarsoliin gumiifi namoonni gumii keessatti argaman kaan, biyya alaa akka hin deemne kan ishee gorsan taʼus, obboleettonni hedduun garuu akkasheen deemtu ishee jajjabeessaa turan. Obboleettonni kun, “Maatiikee ni jaallatta yoo taʼe, deemuu qabda. Achi deemtees Yihowaa tajaajiluu ni dandeessa” isheedhaan jedhan. Maarliin utuma sodaattuu Jemsiifi ilmashee Jiimiin dhiistee hojii barbaacha gara biyya alaa deemte. Yeroo deemuuf jettutti, “Dafeen deebiʼa” jechuudhaan waadaa isaaniif galtee turte.
ITTI GAAFATAMUMMAA MAATIIFI SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU
4. Namoonni hedduun kan godaanan maaliifi? Yeroo kanatti ijoolleesaanii kan kunuunsan eenyufaʼi?
4 Yihowaan sabnisaa gadadoodhaan akka jiraatan hin barbaadu; sababii hiyyumaatiin biyya kan biraatti godaanuun garuu bara duriitii jalqabee kan turedha. (Far. 37:25; Fak. 30:8) Yaaqoob abbaan amantii, maatiisaa beelli waan mudateef, ijoolleensaa biyya Gibxii dhaqanii midhaan akka bitan ergeenii ture.b (Uma. 42:1, 2) Yeroo harʼaa, namoonni baayʼeen qeʼeesaanii dhiisanii kan deeman waan beelaʼaniif miti. Maaliif deemuree? Hedduunsaanii liqii guddaan waan isaanirra jiruuf taʼuu dandaʼa. Warri kaanimmoo haala jireenya maatiisaanii fooyyessuu barbaadu taʼa. Namoonni hedduun rakkina dinagdee keessaa baʼuuf jecha, maatiisaaniirraa fagaatanii biyyumasaanii keessa ykn biyya alaa jiraatu. Yeroo baayʼee, ijoollee xixinnoo hiriyaa gaaʼelaasaaniitti, ijoollee angafaatti, akkoo ykn akaakayyuusaaniitti, firatti ykn hiriyootasaaniitti dhiisanii deemu. Namoonni godaanan, ijoollee ykn hiriyaa gaaʼelaasaanii dhiisanii deemuun isaan gaddisiisus, kan deeman filannaa waan dhabaniif akka taʼe isaanitti dhagaʼama.
5, 6. (a) Yesus gammachuufi tasgabbii ilaalchisee maal barsiise? (b) Yesus duuka buutonnisaa wantoota akkamiitiif akka kadhatan isaan barsiise? (c) Yihowaan kan nu eebbisu akkamitti?
5 Bara Yesusittis, namoonni hedduun harka qalleeyyiifi kan tuffataman waan turaniif gammachuu argachuu ykn tasgabbiidhaan jiraachuu kan dandaʼan qarshii baayʼee yoo qabaatan qofa akka taʼe isaanitti dhagaʼama ture. (Mar. 14:7) Haataʼu malee Yesus, namoonni abdiisaanii Yihowaa isa madda qabeenya hin badnee taʼerra akka kaaʼatan barbaada ture. Yesus, gammachuufi tasgabbii dhugaa argachuun kan dandaʼamu qarshiidhaan ykn carraaqqii ofiitiin utuu hin taʼin, abbaa keenya isa samii wajjin hariiroo gaarii qabaachuudhaan akka taʼe Lallabasaa Isa Gaaraarratti ibseera.
6 Yesus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiiserratti, qananiidhaan jiraachuuf utuu hin taʼin, “soora harʼaa bor nu barbaachisu” argachuuf akka kadhannu nu barsiiseera. Namoota isa dhaggeeffachaa turaniin, “Badhaadhummaa ofii keessaniif lafa irratti . . . walitti hin qabatinaa! Garuu badhaadhummaa ofii keessaniif waaqa irratti . . . walitti qabadhaa!” jedheera. (Mat. 6:9, 11, 19, 20) Yihowaan akkuma abdii nuu kennetti akka nu eebbisu amanamuu dandeenya. Faara tolaadhaan nu ilaaluu qofaan utuu hin taʼin wanta nu barbaachisu nuu guutuudhaan nu eebbisa. Dhugumayyuu, gammachuufi tasgabbii dhugaa argachuun kan dandaʼamu qarshiitti utuu hin taʼin abbaa keenya isa nuu yaadutti amanamuudhaani.— Maatewos 6:24, 25, 31-34 dubbisi.
7. (a) Yihowaan ijoollee guddisuuf itti gaafatamummaa kan kenne eenyuufidha? (b) Abbaafi haati ijoolleesaanii wajjin taʼuu kan qaban maaliifi?
7 ‘Duraan dursanii qajeelummaa Waaqayyoo Barbaaduun,’ ilaalcha Yihowaan itti gaafatamummaa maatiitiif qabu qabaachuu dabalata. Seerri Musee, seera buʼuuraa Kiristiyaanotaaf hojjetuufi warri ijoolleesaanii karaa hafuuraa leenjisuu akka qaban ibsu qabateera. (Keessa Deebii 6:6, 7 dubbisi.) Waaqayyo itti gaafatamummaa kana kan kenne Abbaafi haadhaaf malee akkoofi akaakayyuu ykn nama kan biraatiif miti. Solomoon Mootichi, “Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhagaʼi, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin” jechuudhaan barreesseera. (Fak. 1:8) Yihowaan yommuu akkas jedhu, abbaafi haati ijoolleesaanii geggeessuufi barsiisuuf qaamaan isaan biratti argamuu akka qaban ibsuusaa ture. (Fak. 31:10, 27, 28) Ijoolleen warrasaaniirraa keessumaa waaʼee hafuuraa kan baratan, yommuu isaan guyyaa guyyaadhaan waaʼee Yihowaa waliin mariʼatan dhagaʼuufi fakkeenyasaanii ilaaluudhaani.
RAKKINA ITTI HIN YAADAMNE
8, 9. (a) Abbaan ykn haati maatiisaaniirraa fagaatanii ennaa jiraatan yeroo baayʼee maaltu uumama? (b) Maatiirraa adda baʼuun karaa miiraafi amalaa miidhaa akkamii geessisa?
8 Namoonni biyya alaa deeman deemuusaanii dura, miidhaa inni qabuufi aarsaa inni isaan kaffalchiisu madaaluuf kan yaalan taʼus, maatiisaanii dhiisanii deemuun miidhaa akka qabu dursanii kan hubatan muraasa qofadha. (Fak. 22:3)c Maarliin akkuma biyya alaa deemteen, maatiisheerraa addaan baʼuusheetti miirrishee baayʼee miidhame. Abbaan manaasheefi ilmishees miidhamaniiru. Ilmishee Jiimiin, yeroo hunda, “Maaliif na dhiistee deemte?” jedhee ishee gaafata ture. Jiʼoonni Maarliin achi turuuf yaadde gara waggootaatti yommuu jijjiiramaa adeeman maatiinshee haala rakkisaa keessa akka jiru hubachuu jalqabde. Jiimiin kan namatti hin dhihaanne taʼuusaarrayyuu miiraan haadhasaarraa baayʼee fagaateera. Haatisaa, “Jaalalli inni naaf qabu guutummaatti badeera” jechuudhaan gadda isheetti dhagaʼame ibsiteetti.
9 Warriifi ijoolleen yoo waliin jiraachuu baatan karaa miiraa miidhamuufi amallisaanii mancaʼuu dandaʼa.d Hammuma ijoolleen xinnoo taʼaniifi yeroonsaa dheeratu, miidhaan gaʼus guddachaa adeema. Maarliin ilmashee Jiimiin dhiistee kan deemte faayidaasaatiif akka taʼe isaaf ibsitee turte. Jiimiin garuu haatisaa akka isa gattetti itti dhagaʼama ture. Jalqabarratti deemuusheetti mufatee ture. Booda garuu, deebitee dhufuusheetti mufate. Akkuma ijoollee warrisaanii isaan dhiisanii deeman kaanitti dhagaʼamu, Jiimiin haatisaa akka isheedhaaf ajajamuufi akka ishee jaallatu isarraa eeguu akka hin dandeenye isatti dhagaʼame.—Fakkeenya 29:15 dubbisi.
Intarneetiidhaan mucaa keessan hammachuu hin dandeessan (Keeyyata 10 ilaali)
10. (a) Ani biraa dhabamuukoo bakka buusa jedhanii ijoolleedhaaf kennaa erguun miidhaa akkamii geessisa? (b) Haati ykn abbaan ijoolleesaanii fagoo taaʼanii guddisuuf ennaa yaalan ijoolleetti maaltu hirʼata?
10 Maarliin, qarshiifi kennaa addaddaa isaaf erguudhaan isa kiisuuf yaalii gootus, utuu isheetti hin beekamin ilmashee ofirraa fageessaa, akkasumas wantoota hafuuraafi maatiisaa caalaa qabeenyaaf bakka guddaa akka kennu isa leenjisaa turte. (Fak. 22:6) Jiimiin, “Deebitee hin dhufin. Achuma taaʼiitii kennaa naa erguukee itti fufi” isheedhaan jedheera. Yeroo kanatti Maarliin fagoo teessee xalayaadhaanis taʼe, bilbilaan ykn viidiyoodhaan haasofsiisuudhaan ilmashee guddisuu akka hin dandeenye hubatte. “Intarneetiidhaan mucaa keessan hammachuu ykn dhungattanii nagaan buli isaan jechuu hin dandeessan” jetteetti.
Hiriyaa gaaʼelaa keerraa fagaattee yommuu jiraattu rakkoo akkamiitu si mudachuu dandaʼa? (Keeyyata 11 ilaali)
11. (a) Hiriyoonni gaaʼelaa hojiidhaaf jecha walirraa fagaatanii jiraachuunsaanii gaaʼelasaanii kan miidhu akkamitti? (b) Obboleettiin tokko deebitee maatiishee wajjin jiraachuu akka qabdu kan hubatte akkamitti?
11 Walitti dhufeenyi Maarliin Yihowaa wajjinis taʼe abbaa manaashee Jemsii wajjin qabdus miidhameera. Walgaʼiirratti kan argamtus taʼe tajaajila kan baatu torbanitti siʼa tokko ykn isaa gadi ture; dhiibbaa namni ishee qacare isaa wajjin saalquunnamtii akka raawwattuuf isheerraan gaʼu moʼuunis ishee barbaachisee ture. Maarliiniifi Jemsi, hiriyaa gaaʼelaa yommuu rakkinni isaan mudatu isaan gargaaruu dandaʼu waan of biraa hin qabneef, nama miirasaanii isaaniif hubatu kaanitti dhihaachuufi saalqunnamtii raawwachuuf qoramanii turan. Maarliin, isheenis taate abbaan manaashee ejja raawwachuu baatanis, ennaa walirraa fagaatanii jiraatan, qajeelfama Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuus taʼe fedhii miiraafi fedhii saalaa waliisaanii guutuu akka hin dandeenye hubatteetti. Yaada tokko battaluma isaanitti dhgaʼameen waliif ibsuu, ija jaalalaatiin wal milʼachuu ykn waliif seequu, gaarummaadhaan harkaan wal qaqqabuu, wal hammachuu, dhiheenyatti ‘jaalala’ waliif ibsuu ykn ‘walbira gaʼuu’ hin dandaʼan. (Wed. 1:2; 1 Qor. 7:3, 5) Akkasumas, ilmasaanii wajjin taʼuudhaan guutummaatti Yihowaa waaqeffachuu hin dandaʼan. Maarliin, “Walgaʼii koonyaa tokkorratti waaqeffannaan maatii dhaabbataa taʼe guyyaa Yihowaa isa guddaarraa ooluuf barbaachisaa akka taʼe ennaan baradhu, manatti deebiʼuu akkan qabun hubadhe. Karaa hafuuraa deebiʼee jabaachuufi jireenya maatiikoo deebisee ijaaruun qaban ture” jechuudhaan dubbatteetti.
GORSA GAARIIFI GORSA GADHEE
12. Namoota maatiisaaniirraa fagaatanii jiraataniif gorsa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe akkamii kennuutu dandaʼama?
12 Maarliin manatti deebiʼuuf murteessuunshee namoota addaddaatti miirri garaagaraa akka dhagaʼamu godheera. Jaarsoliin gumiishee isa biyya alaa keessa jiran, amantiifi jabina isheen argisiisteef ishee galateeffataniiru. Namoonni hiriyaa gaaʼelaasaaniifi maatiisaaniirraa fagaatanii jiraatan kaan garuu ishee hin galateeffanne. Fakkeenyashee hordofuu mannaa, ishee amansiisuuf yaalii godhan. “Yeroo xinnoo keessatti deebitee dhufta. Biyyakeetti yoo galte, qarshii si barbaachisu akkamitti argachuu dandeessa?” isheedhaan jedhan. Kiristiyaanonni hidhata walii taʼan, yaada humna nama buusu akkasii walii kennuu mannaa, ‘abbaa manaa, ijoollees akka jaallataniif, dubartoota warra gara ijoollee gorsuu qabu’; akkasumas ‘dubbiin Waaqayyoo maqaa gadhee akka hin godhannetti, warra mana ofiisaanii baʼeessa godhanii eeggatan akka taʼan gorsuu qabu.’—Tiitoos 2:3-5 dubbisi.
13, 14. Wanta maatiin keenya nurraa barbaadan caalaa Yihowaadhaaf dursa kennuun amantii gaafata kan jennu maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
13 Namoonni biyya alaa deeman hedduun kan guddatan aadaa maatiidhaaf keessumaammoo warra gargaaruuf iddoo guddaa kennu keessattidha. Kiristiyaanni tokko Yihowaa gammachiisuuf jedhee wanta naannoosaatti baramaa taʼe ykn wanta warrisaa barbaadan gochuu dhiisuunsaa amantii akka qabu kan argisiisudha.
14 Mee seenaa Kaaran haa ilaallu. Akkas jetteetti: “Ilmikoo Doon ennaa dhalatetti, aniifi abbaan manaakoo biyya alaatii hojjenna turre; animmoo Macaafa Qulqulluu qayyabachuu reefuu jalqabuukoo ture. Miseensonni maatiikoo hundi, hamma qarshii argannutti mucaa keenya kana warrikoo akka guddisaniif garasaaniitti akkan ergu narraa eegu turan.” Kaaran ilmashee Dooniin ofumasheetii guddisuuf ennaa barbaaddetti, firoonnisheefi abbaan manaashee dhibooftuu akkasheen taate yaaduudhaan isheetti kolfan. Kaaran, “Dhugaa dubbachuuf, jalqabarratti Dooniin waggoota muraasaaf gara warrakootti erguun rakkina maalii akka qabu hin hubannen ture. Haataʼu malee, Yihowaan mucaa keenya akka guddisnu itti gaafatamummaa kan kenne nutti, jechuunis warrasaatti akka taʼe beekan ture” jetteetti. Kaaran mucaa lammataa ennaa ulfooftetti, abbaan manashee ulfa sana akka baasistu ishee dirqisiise. Murtoo gaariin kanaan dura goote amantiishee waan cimseef yeroo kanattis Yihowaadhaaf amanamtuu taateetti. Yeroo harʼaa Kaaran, abbaan manaasheefi ijoolleenshee wal faana jiraachuusaaniitti baayʼee gammadu. Mucaashee isa tokko ykn lamaanuu warri kaan akka guddisan gooteetti utuu taʼee buʼaansaa kanarraa adda taʼa ture.
15, 16. (a) Muuxannoo obboleettii ijoollummaasheetti warrishee akkoosheetti ishee kennan tokkoo dubbadhu. (b) Isheenoo intalashee haadhasheetti kennuu kan didde maaliifi?
15 Dhugaa Baatuun Viikii jedhamtu tokko akkas jetteetti: “Waggoota muraasaaf kan na guddiste akkookoo siʼa taatu, yeroo kanatti obboleettiinkoo isheen quxisuun warrakoo bira turte. Yeroon warrakootti deebiʼu, ilaalchi ani isaaniif qabu jijjiiramee ture. Obboleettiinkoo miirashee isaaniif ibsuufi isaan hammachuuf kan hin sodaanne yommuu taʼu, isaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabdi. Ani garuu miiraan warrakoorraa akkan fagaadhe natti dhagaʼama; ergan nama guddaa taʼee boodallee miirakoo isa dhugaa isaaniif ibsuun na rakkisa ture. Aniifi obboleettiinkoo warri keenya yeroo dullooman akka isaan kunuunsinu waadaa galleefii turre. Haataʼu malee, ani kanan isaan kunuunsu dirqamakoo baʼuuf siʼa taʼu, obboleettiinkoo garuu jaalalaan kakaatee isaan kunuunsiti turte.”
16 Viikiin itti fufuudhaan, “Amma, haatikoo akkuma ofiisheetii haadhasheetti na kennite, anis mucaakoo akka isheen guddistuuf akkan itti kennu barbaaddi. Ani garuu malaan akkas gochuu akkan hin barbaannen itti hime. Anis taʼe abbaan manaakoo mucaa keenya karaa Yihowaan barbaaduun guddisuu barbaanna. Akkasumas, walitti dhufeenyan gara fuulduraatti intalakoo wajjin qabaadhu balleessuu hin barbaadu” jetteetti. Haalli jireenyaa milkaaʼina argamsiisu, galma qarshii argachuu wajjin wal qabate baafachuuf ykn fedhii maatiitiif dursa kennuu utuu hin taʼin Yihowaafi seera buʼuuraa inni baaseef dursa kennuudha. Yesus, “Eenyu illee gooftolii lamaaf [Waaqayyoofi horiidhaaf] hojjechuu hin dandaʼu” jechuudhaan ifatti dubbateera.—Mat. 6:24; Bau. 23:2.
YIHOWAAN CARRAAQQII KEENYA ‘WAL NUU QIXXEESSA’
17, 18. (a) Kiristiyaanonni yeroo hunda filannaa akkamii qabu? (b) Mataduree itti aanurratti gaaffiiwwan kamfaa qorra?
17 Abbaan keenya Yihowaan, jireenya keenya keessatti Mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaatiif dursa yoo kennine wanta nu barbaachisu hunda argachuu akka dandeenyuuf nu gargaara. (Mat. 6:33) Kanaaf, Kiristiyaanonni dhugaan yeroo hunda filannaa qabu. Yihowaan rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu utuu hin cabsin ‘karaa ittiin keessaa baanu’ akka nuu qopheessu abdii nuu kenneera. (1 Qorontos 10:13 dubbisi.) Yihowaa ‘obsaan yommuu eeggannu,’ akkasumas ogummaafi qajeelfamasaa argachuuf kadhachuudhaan, abboommiifi seera buʼuuraa inni nuuf kenne eeguudhaan yommuu ‘isa amanannu’ inni “nuuf in raawwata.” (Far. 37:5, 7) Akka Gooftaa dhugaa isa tokkichaatti isa tajaajiluuf yommuu yaalii goonu carraaqqii keenya nuuf eebbisa. Isaaf dursa yoo kennine jireenyi keenya ‘akka wal nuuf qixxaatu’ godha.—Uumama 39:3 wajjin walbira qabii ilaali.
18 Miidhaa walirraa fagaatanii jiraachuun geessise sirreessuuf maal gochuutu dandaʼama? Maatii keenyarraa utuu addaan hin baʼin wanta isaan barbaachisu guutuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeenya? Namoonni kaan gama kanaan murtoo sirrii akka godhan gargaaruu kan dandeenyuhoo akkamitti? Matadureen itti aanu gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.
-
-
Yihowaa Amanadhaa Inni Isin Gargaara!Masaraa Eegumsaa—2014 | Ebla 15
-
-
Yihowaa Amanadhaa Inni Isin Gargaara!
“Amanannee,‘Gooftaaan isa na garagaarudha’ . . . in jenna.”—IBR. 13:6.
1, 2. Namoonni biyya alaa deeman hedduun yeroo biyyasaaniitti deebiʼan rakkina akkamiitu isaan mudata? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)
EDWAARDOONa haala keessa ture yaadachuudhaan akkas jedheera: “Biyya alaatti hojii gaarii qarshii hedduu naaf argamsiisuun hojjedha ture. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu yommuun jalqabetti garuu, karaa hafuuraas taʼe karaa qaamaa maatiikoo kunuunsuu akkan qabun hubadhe. Kanaaf garasaaniittan deebiʼe.”—Efe. 6:4.
2 Edwaardoon biyyatti deebiʼuudhaan maatiisaa wajjin jiraachuunsaa Yihowaa akka gammachiisu beeka ture. Haataʼu malee, akkuma Maarliin ishee mataduree darberratti caqasamtee, Edwaardoonis hariiroo maatiisaa wajjin qabu deebisee ijaaruuf jabaatee hojjechuu qaba ture. Akkasumas, haala dinagdee rakkisaa taʼe keessatti maatiisaa gargaaruu qaba. Wanta jireenyaaf barbaachisu argachuu kan dandaʼu akkamittiree? Obboloonni gumii keessa jiran kaanoo gargaarsa akkamii isaaf gochuu dandaʼu?
JIREENYA HAFUURAAS TAʼE JIREENYA MAATII FOOYYESSUU
3. Abbaan ykn haati isaan biraa dhabamuunsaanii ijoolleerratti miidhaa akkamii geessisa?
3 Edwaardoon, “Yeroon caalaatti qajeelfama isaaniif kennuu qabuufi jaalala isaanitti argisiisuu qabutti ijoolleekoo akkan dagadhen hubadhe. Isaan bira waanan hin turreef, seenaa Macaafa Qulqulluu isaaniif dubbisuu, isaanii wajjin kadhachuu, isaan hammachuufi isaanii wajjin taphachuu hin dandeenyen ture” jedheera. (Kes. 6:7) Intallisaa isheen angafaa Aannaan haalasaa yaadachuudhaan, “Abbaankoo nuu wajjin waan hin turreef akka nuti eegumsa hin qabne natti dhagaʼama ture. Yeroo inni deebiʼee dhufetti, bifaafi sagaleesaatiin qofa isa barre. Yeroo inni na hammatu jaalalli abbaafi ilmoo gidduu keenya akka jiru natti hin dhagaʼamu ture” jetteetti.
4. Abbaan manaa maatiisaa bira jiraachuu dhiisuunsaa, dandeettii inni akka mataa maatii tokkootti gaʼeesaa raawwachuuf qabu kan tuqu akkamitti?
4 Abbaan manaa maatiisaa bira jiraachuu dhiisuunsaa, dandeettii inni akka mataa maatii tokkootti gaʼeesaa raawwachuuf qabu tuquu dandaʼa. Haati manaa Edwaardoo, Rubiin haalasaa akkas jechuudhaan ibsiteetti: “Abbaas haadhas taʼuun qaban ture. Akkasumas, maatii wajjin haala wal qabateen murtoo hedduu anatu godha ture. Yeroo Edwaardoon deebiʼee dhufetti, mataa maatiitiif bitamuu jechuun maal jechuu akka taʼe baruun qaban ture. Ammallee taanaan, yeroo tokko tokko abbaan manaakoo akka jiru yaadachuun qaba.” (Efe. 5:22, 23) Edwaardoon itti dabaluudhaan, “Ijoolleenkoo wanta tokko gochuu yoo barbaadan haadhasaanii heyyama gaafatu. Aniifi haatisaanii, qajeelfama isaaniif kenninurratti tokkummaa akka qabnu isaanitti argisiisuu qabna turre; anis akka Kiristiyaana tokkorraa barbaadamutti isaan geggeessuu barachuun qaban ture” jedheera.
5. Abbaan tokko rakkoo maatiisaa biraa dhabamuunsaa geessise sirreessuu kan jalqabe akkamitti? Buʼaansaahoo maal ture?
5 Edwaardoon maatiisaa gargaaruufi karaa hafuuraa isaan jabeessuuf wanta isaaf dandaʼame hunda gochuuf murteessee ture. “Kaayyoonkoo, dubbiikootiinis taʼe gocha kootiin fakkeenya isaaniif taʼuudhaan ijoolleekoo barsiisuu, jechuunis Yihowaa akkan jaalladhu isaanitti himuu qofa utuu hin taʼin hojiidhaan isaanitti argisiisuu ture” jedheera. (1 Yoh. 3:18) Amantii Edwaardoon argisiiseef Yihowaan isa kiiseeraa? Aannaan akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Abbaa gaarii taʼuufi nutti dhihaachuuf carraaqqii cimaa gochuunsaa jijjiiramni guddaan akka uumamu godheera. Gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuuf carraaqqii gochuusaa yommuu arginu baayʼee boonna. Biyyi lafaa Yihowaarraa nu fageessuuf yaalii gochaa tureera. Haataʼu malee, warri keenya dhugaarratti akka xiyyeeffatan yommuu arginu nutis akkas gochuuf yaaluu jalqabne. Abbaan keenya lammata nu dhiisee akka hin deemne waadaa nuu galee ture; akkuma jedhesimmoo nu dhiisee hin deemne. Utuu nu dhiisee deemeera taʼee, yoona ani jaarmiyaa Yihowaa keessatti hin argamun ture.”
ITTI GAAFATAMUMMAA FUDHACHUU
6. Yeroo biyyoota Baalkaan keessa waraanni turetti, warri ijoollee qaban tokko tokko barumsa akkamii argatan?
6 Yeroo biyyoota Baalkaan keessa waraanni turetti, ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa achi turan, gammachuu waraanni sun eegaluusaa dura qaban caalaa gammadanii turan. Maaliif? Warrisaanii hojii dhaquu waan hin dandeenyeef, mana taaʼanii isaanii wajjin qayyabachuu, taphachuufi haasaʼuu dandaʼanii turan. Kanarraa maal baranna? Qarshii, kennaa, ykn naannoo naga qabeessa taʼe caalaa wanti ijoolleen barbaadan warrisaanii isaanii wajjin akka taʼanidha. Dhugaadha, akkuma Dubbiin Waaqayyoo jedhu, ijoolleen warrisaanii xiyyeeffannaa yoo isaaniif kennaniifi yoo isaan leenjisan faayidaa guddaa argatu.—Fak. 22:6.
7, 8. (a) Abbaa ykn haati biyya alaatii deebiʼan dogoggora akkamii raawwachuu dandaʼu? (b) Warri ijoolleensaanii miira sirrii hin taane akka moʼan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
7 Kan nama gaddisiisu garuu, warri biyya alaatii deebiʼan tokko tokko, ijoolleensaanii haaloo akka qabatan ykn dantaa akka isaaniif hin qabne yommuu argan, “Aarsaan isiniif jedhee kaffale hundaaf maaliif galata dhabdan?” jedhanii isaanitti dubbatu. Haataʼu malee, ijoolleen ilaalcha akkasii qabaachuu kan dandaʼan, warrisaanii isaanirraa fagaatanii jiraachaa waan turaniif taʼuu dandaʼa. Abbaan ykn haati rakkina kanaaf furmaata argachuu kan dandaʼan akkamitti?
8 Miseensota maatiikee sirriitti hubachuu akka dandeessuuf Yihowaan akka si gargaaru isa kadhadhu. Achiis, maatiikee wajjin ennaa mariʼattu, rakkina uumamerratti atis gaʼee akka qabdu amanii fudhadhu. Garaadhaa dhiifama gaafachuunis faayidaa qabaachuu dandaʼa. Haati manaakeefi ijoolleenkee sirreeffama gochuuf akka yaalaa jirtu yommuu argan rakkinakee siif hubachuu dandaʼu. Gara kuteessa yoo taateefi obsa yoo qabaatte, maatiinkee oolee bulee deebiʼanii si jaallachuu, akkasumas ulfina siif kennuu dandaʼu.
‘FIRA OFIITIIF YAADUU’
9. ‘Fira keenyaaf jennee’ utuu walirraa hin kutin qabeenya walitti qabachuuf dhamaʼuun kan nu hin barbaachisne maaliifi?
9 Phaawulos ergamaan, Kiristiyaanonni dullooman wanta jireenyaaf isaan barbaachisu ennaa dhabanitti ijoolleefi ijoolleen ijoolleesaanii ‘dugda warrasaanii akka deebisan’ abboomeera. Haataʼu malee Phaawulos, Kiristiyaanonni hundi wanta jireenyaaf isaan barbaachisu, jechuunis nyaata, uffataafi mana jireenyaa yoo argatan isatti gammadanii akka jiraatan jajjabeesseera. Jireenya olaanaa jiraachuuf ykn qarshii gara fuulduraatiif wabii nuu taʼu argachuuf jennee yeroo hundumaa dhamaʼuu hin qabnu. (1 Ximotewos 5:4, 8; 6:6-10 dubbisi.) Kiristiyaanni tokko ‘fira isaatiif’ jedhee biyya lafaa isa yeroo dhihootti badu kanarratti qabeenya walitti qabachuuf dhamaʼuu hin qabu. (1 Yohannis 2:15-17) “Gowwoomsaan soorumaa” ykn ‘yaaddoon jireenyaa’ carraaqqii maatiin keenya addunyaa haaraa keessatti “jireenya dhugaa harka isaanii keessa galfachuudhaaf” godhan balaarra akka buusu heyyamuu hin qabnu.—Mar. 4:19; Luq. 21:34-36; 1 Xim. 6:19.
10. Liqii guddaa keessa seenuu wajjin haala wal qabateen ogummaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
10 Yihowaan qarshiin akka nu barbaachisu beeka. Haataʼu malee, qarshiin hamma ogummaa Waaqayyoo eegumsa nuuf gochuufi nu gargaaruu hin dandaʼu. (Lal. 7:12; Luq. 12:15) Yeroo baayʼee, namoonni tokko tokko miidhaa hojiidhaaf jecha biyya alaa deemuun qabu salphisanii ilaalu; biyya alaa deemnees qarshii akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu hin dandeenyu. Dhugaa dubbachuuf, biyya alaa deemuun miidhaa guddaa geessisa. Namoonni deeman hedduun liqii dabalataatiif saaxilamanii deebiʼu. Bilisummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluu mannaa, namoota qarshii irraa liqeeffatan sana tajaajilu. (Fakkeenya 22:7 dubbisi.) Jalqabumayyuu liqii keessa seenuu dhiisuun ogummaa guddaadha.
11. Maatiin tokko baasii baasu murteessuunsaa rakkina qarshii moʼuuf kan isa gargaaru akkamitti?
11 Edwaardoon murtoo maatiisaa faana jiraachuuf godherratti milkaaʼina argachuuf qarshiitti qusannaadhaan fayyadamuu akka qabu beeka ture. Inniifi haati manaasaa wantoota dirqama isaan barbaachisanirratti hundaaʼuudhaan baasii hammamii akka baasan murteessaniiru. Baasiin isaan baasan isa kanaan duraatii gadi akka taʼe beekamaadha. Haataʼu malee, hundisaanii walii galuudhaan wantoota baayʼee isaan hin barbaachisneef qarshii baasuu dhiisuuf murteessaniiru.b Edwaardoon, “Fakkeenyaaf, ijoolleekoo mana barumsaa dhuunfaatii baaseen mana barumsaa mootummaa gaarii taʼetti galche” jedheera. Inniifi maatiinsaa hojii sochii hafuuraasaanii wajjin walitti hin buune akka argatuuf kadhannaa dhiheessanii turan. Yihowaan kadhannaasaaniitiif deebii kan kenne akkamitti?
12, 13. Abbaan tokko maatiisaa gargaaruuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhate? Yihowaanoo murtoo inni jireenya salphaa jiraachuuf godhe kan eebbiseef akkamitti?
12 Edwaardoon haala keessa turan yaadachuudhaan, “Waggoota lamaan jalqabaarratti wanta tokkoyyuu hin qabnu turre. Qarshiin walitti qabadhe hirʼachaa deeme, galii xinnoon ani argadhu yeroo hunda wanta nu barbaachisuuf hin gaʼu ture, qaamnikoos baayʼee dadhabee ture. Taʼus, walgaʼii hundarratti argamuufi wal faana tajaajila baʼuu dandeenyee turre” jedheera. Edwaardoon, hojii jiʼoota ykn waggoota muraasaaf maatiisaarraa isa fageessu hojjechuu dhiisuuf murteessee ture. Akkas jedheera: “Kanaa mannaa, inni tokko yommuu dhabamu, kan biraa hojjechuu akkan dandaʼutti hojii garaagaraa hojjechuun baradhe.”
Maatiikee gargaaruu akka dandeessuuf hojii garaagaraa hojjechuu barachuu ni dandeessaa? (Keeyyata 12 ilaali)
13 Edwaardoon liqii isarra jiru kaffaluu kan dandaʼu suuta suuta waan taʼeef, qarshiin inni liqeeffate dhala hedduu qabaata ture. Taʼuyyuu liqii isarra jiru suutuma suutaan kaffaluunsaa, akkuma Yihowaan warrarraa barbaadu karaa hundumaan maatiisaa gargaaruuf akka isa dandeessisu hubate. Akkas jedheera: “Qarshiin amma argadhu isan biyya alaatti argachaa turerra dhibba keessaa harka 10 gadidha. Taʼus, ‘Harki Waaqayyoo gabaabaa waan hin taaneef,’ wanta nyaannu dhabnee hin beeknu. Qajeelchaa taanee tajaajiluufiyyuu murteessinee turre. Kan nama ajaaʼibsiisu, sana booda rakkinni nuti gama qarshiitiin qabnu ni hirʼate, akkasumas wanta nu barbaachisu argachuun nuuf salphate.”—Isa. 59:1.
DHIIBBAA FIRRI GEESSISU DANDAʼANII JIRAACHUU
14, 15. Maatiiwwan, sochii hafuuraasaanii caalaa qabeenyaaf dursa akka kennaniif dhiibbaa isaanirra gaʼu moʼuu kan dandaʼan akkamitti? Gama kanaan fakkeenya gaarii taʼuunsaanii buʼaa akkamii argamsiisuu dandaʼa?
14 Biyyoota hedduutti, namoonni firaafi hiriyootasaaniitiif qarshiifi kennaa addaddaa kennuun dirqama akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Edwaardoon, “Kun aadaa keenyadha, akkasumas kennuun baayʼee nu gammachiisa. Taʼus wanti nu daangessu jira. Kanaaf sochii hafuuraa maatiikootii utuun hin miidhin hamman dandaʼu akkan isaaniif kennu firootakootti malaanan hima” jedheera.
15 Firoonni tokko tokko namoonni biyya alaa jiraatan akka isaan gargaaran barbaadu. Kanaaf, yeroo isaan biyyasaaniitti deebiʼan, ykn maatiisaanii wajjin jiraachuuf jecha biyya alaa deemuu dhiisan, isaanitti aaru, isaan tuffatu, akkasumas isaan komatu. Tokko tokkommoo akka isaan jaalala hin qabne dubbatu. (Fak. 19:6, 7) Intalli Edwaardoo, Aannaan akkas jetteetti: “Taʼus qabeenyaaf jennee sochii hafuuraa aarsaa gochuu yommuu didnu, dhumarratti firoonni keenya tokko tokko jireenyi Kiristiyaanummaa keenya hammam barbaachisaa akka taʼe ni hubatu. Haataʼu malee, wanta isaan nurraa barbaadan yoo goone, akkamitti kana hubachuu dandaʼu?”—1 Phexros 3:1, 2 wajjin walbira qabii ilaali.
WAAQAYYOTTI AMANAMUU
16. (a) Namni tokko sababii hin taane dhiheessuudhaan ‘of gowwoomsuu’ kan dandaʼu akkamitti? (Yaq. 1:22) (b) Yihowaan murtoo akkamii eebbisa?
16 Obboleettiin tokko, abbaa manaasheefi ijoolleeshee dhiistee biyya soorettii taate tokko erga deemtee booda, jaarsolii gumii achi jiraniin, “Akkan as dhufuuf anis taʼe maatiinkoo aarsaa guddaa kaffalleerra. Abbaan manaakoollee jaarsa gumii taʼee tajaajiluusaa dhiiseera. Kanaaf, Yihowaan as dhufuukootiin nu eebbisa jedheen abdadha” jettee turte. Yihowaan murtoo isatti amanamuudhaan godhamu yeroo hunda ni eebbisa. Haataʼu malee, murtoo fedhasaa wajjin wal hin simne, keessumaammoo murtoo utuu barbaachisaa hin taʼin mirga gumii keessatti qabnu dhiisuu gaafatu akkamitti eebbisa?—Ibroota 11:6; 1 Yohannis 5:13-15 dubbisi.
17. Murtoo tokko gochuu keenya dura qajeelfama Yihowaa argachuu kan qabnu maaliifi? Akkas gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
17 Murtoo tokko erga gootanii booda utuu hin taʼin, gochuu keessan dura qajeelfama Yihowaa argachuuf carraaqqii godhaa. Hafuura qulqulluu, ogummaafi qajeelfamasaa argachuuf kadhadhaa. (2 Xim. 1:7) ‘Yihowaadhaaf ajajamuuf fedhii kanan qabaadhu haala akkamii keessatti? Ariʼatamni yoo narra gaʼellee isaaf ajajamuuf fedhii qabaa?’ Taanaan, isaaf ajajamuun sadarkaa jireenyaakoo gadi buusuu kan gaafatu yeroo taʼutti ajajamuu hin qabuuree? jedhaa of gaafadhaa. (Luq.14:33) Jaarsolii gumii gorsa gaafadhaa, amantii akka qabdan argisiisaa, akkasumas gorsa Yihowaa hojiirra oolchuudhaan waadaa isin gargaaruuf gale akka raawwatu akka amanamtan argisiisaa. Jaarsoliin gumii murtoo kan isiniif hin murteessine taʼus, filannaa yeroo booda gammachuu isiniif argamsiisu akka gootan isin gargaaru.—2 Qor. 1:24.
18. Maatii gargaaruun itti gaafatamummaa eenyuuti? Haataʼu malee namoonni kaanis isaan gargaaruuf carraa akkamii qabu?
18 Yihowaan, mataa maatii kan taʼan wanta maatiisaaniitiif barbaachisu utuu walirra hin kutin dhiheessuudhaan ‘baʼaasaanii’ akka baatan barbaada. Kanaaf, obboloota dhiibbaan utuma isaanirra gaʼuu, hiriyaa gaaʼelaasaanii ykn ijoolleesaanii dhiisanii utuu hin deemin itti gaafatamummaasaanii kana baʼaa jiran galateeffachuufi isaaniif kadhachuu qabna. Wantoonni akka tasaa gaʼan, kanneen akka balaa ykn dhukkubaa, carraa jaalala dhugaa akka waliif qabnuufi akka waliif yaadnu itti argisiisnu nuuf banuu dandaʼu. (Gal. 6:2, 5, hiika bara 1899; 1 Phe. 3:8) Kiristiyaana hidhatakee taʼe tokkorra yommuu balaan gaʼu isa gargaaruu ykn naannoo jiraatutti hojii argachuu akka dandaʼu isa gargaaruu ni dandeessaa? Yoo akkas goote, hojii barbaacha maatiisaa dhiisuudhaan bakka biraa deemuuf kakaʼuu dhiisuu dandaʼa.—Fak. 3:27, 28; 1 Yoh. 3:17.
YIHOWAAN AKKA ISIN GARGAARU HIN IRRAANFATINAA!
19, 20. Kiristiyaanonni Yihowaan akka isaan gargaaru beekuusaaniitti gammaduu qabu kan jennu maaliifi?
19 Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan nu gorsa: “Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin taʼin, wanta argattaniin ‘Nu gaʼa’ jedhaa! Waaqayyo, ‘Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!’ jedheera. Kanaafis amanannee, ‘Gooftaan isa na gargaaruu dha, ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu dandaʼa ree?’ in jenna.” (Ibr. 13:5, 6) Gorsa kana hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?
20 Obboleessi biyya guddachaa jirtu tokko keessatti waggoota hedduudhaaf jaarsa gumii taʼee tajaajile tokko, namoonni yeroo baayʼee Dhugaa Baatonni Yihowaa gammadoo akka taʼan, akkasumas warri harka qalleeyyii taʼanillee uffannaa gaarii akka uffataniifi wanta isaan barbaachisu hunda akka qaban ibsuusaanii dubbateera. Kun abdii Yesus namoota Mootummaa Waaqayyootiif dursa kennaniif kennee wajjin kan wal simudha. (Mat. 6:28-30, 33) Eeyyee, Yihowaan inni Abbaa keessan isa samii taʼe, isin jaallata, akkasumas isiniifis taʼe ijoollee keessaniif wanta gaarii hawwa. “Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara.” (2 Sen. 16:9) Abboommii jireenya maatiifi wantoota jireenyaaf nu barbaachisanii wajjin wal qabatan dabalatee, abboommiisaa hunda kan nuuf kenne faayidaa keenyaaf jedheeti. Abboommii kana hojiirra oolchuudhaan Yihowaa akka jaallannuufi isatti akka amanamnu argisiisuu dandeenya. “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti.”—1 Yoh. 5:3.
21, 22. Yihowaatti amanamuuf kan murteessite maaliifi?
21 Edwaardoon akkas jedheera: “Yeroon haadha manaakoofi ijoolleekoorraa adda baʼee balleesse sana deebisee argachuu akkan hin dandeenye beeka. Taʼus gaabbiidhaan of miidhuu hin barbaadu. Namoonni ani biyya alaatti wajjin hojjechaa ture amma sooreyyii taʼanis gammachuu hin qaban. Maatiisaanii keessa rakkoo cimaatu jira. Maatiinkoo garuu gammachuu guddaa qaba! Akkasumas obboloonni biyya kana keessa jiran harka qalleeyyii yoo taʼaniyyuu, jireenyasaanii keessatti wantoota hafuuraatiif dursa kennuusaanii arguunkoo baayʼee na gammachiisa. Hundi keenya, abdiin Yesus kenne dhugaa taʼuusaa jireenya keenya keessatti argineerra.”—Maatewos 6:33 dubbisi.
22 Yihowaa amanadhaa! Isaaf abboomamaa, akkasumas isatti amanamaa. Jaalalli isin Waaqayyoof, hiriyaa gaaʼelaa keessaniifi ijoollee keessaniif qabdan, itti gaafatamummaa karaa hafuuraa maatii keessan gargaaruuf qabdan akka baatan kan isin godhu haataʼu. Yoo akkas gootan, Yihowaan ‘yommuu isin gargaaru’ jireenya keessan keessatti arguu ni dandeessu.
-