LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w14 4/15 ful. 17-21
  • Eenyullee Gooftolii Lama Tajaajiluu Hin Dandaʼu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Eenyullee Gooftolii Lama Tajaajiluu Hin Dandaʼu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ITTI GAAFATAMUMMAA MAATIIFI SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU
  • RAKKINA ITTI HIN YAADAMNE
  • GORSA GAARIIFI GORSA GADHEE
  • YIHOWAAN CARRAAQQII KEENYA ‘WAL NUU QIXXEESSA’
  • Akka Isaan Jaallattu Isaanitti Himi
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Jireenya Maatii Waaqayyoon Gammachiisu
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Maatiin Keessan Nagaa Akka Qabaatu Godhaa
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Guddina Gootutti Gammadi!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
w14 4/15 ful. 17-21
Maarliin abbaa manaashee Jamsiifi mucaashee Jiimii dhiistee yommuu deemtutti gaddaan yeroo isaan ilaaltu

Eenyullee Gooftolii Lama Tajaajiluu Hin Dandaʼu

“Eenyu illee gooftolii lamaaf hojjechuu hin dandaʼu. . . . isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan.”​—MAT. 6:24.

MAAL SITTI FAKKAATA?

  • Seerri buʼuuraa Macaafa Qulqulluu itti gaafatamummaa maatii keessatti qabnuuf ilaalcha sirrii qabaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

  • Murtoon nuti goonu Yihowaa qofa akka tajaajillu kan argisiisu akkamitti?

  • Yihowaan yeroo isaaf dursa kenninu murtoo keenya kan nuu eebbisu karaawwan kamiini?

1-3. (a) Yeroo harʼaa namoota baayʼee rakkina dinagdee akkamiitu isaan mudata? Namoonni tokko tokko rakkina kana furuuf maal godhu? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Ijoollee guddisuu wajjin haala wal qabateen wanti nama yaaddessu maalidha?

MAARLIIN,a “Abbaan manaakoo Jemsi, hojiidhaa yeroo hunda baayʼee dadhabee manatti gala; taʼus qarshiin inni hojjetee argatu wanta guyyaa guyyaadhaaf nu barbaachisurra hin darbu. Itti gaafatamummaasaa isarraa salphisuufi mucaa keenya Jiimiidhaaf wantoota gaggaarii ijoolleen isaa wajjin baratan qaban bituufiin barbaade” jechuudhaan dubbatteetti. Akkasumas, Maarliin firootasaanii gargaaruufi qarshii gara fuulduraatiif taʼu walitti qabachuu barbaadde. Hiriyoonnishee hedduun qarshii baayʼee argachuuf jecha biyya alaa deemaniiru. Haataʼu malee, waaʼee biyya alaa deemuu yommuu yaaddu, miira addaddaatu isheetti dhagaʼama ture. Maaliif?

2 Maarliin maatiishee isa jaallattus taʼe barsiifata hafuuraa isaan qaban dhiistee deemuun ishee yaaddessee ture. Taʼus, namoonni kaan yeroo gabaabaadhaaf biyya alaa akka deemaniifi maatiisaaniirra karaa hafuuraa miidhaan akka hin geenye isheetti dhagaʼama ture. Haataʼu malee, fagoo teessee ilmashee Jiimiin guddisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ishee yaaddessee ture. Intarneetiitti fayyadamuudhaan ilmashee “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” guddisuu ni dandeessii?​—Efe. 6:4.

3 Maarliin qajeelfama argachuu barbaaddeetti. Abbaan manaashee akkasheen deemtu kan hin barbaanne taʼus ishee hambisuuf yaalii akka hin goone dubbateera. Jaarsoliin gumiifi namoonni gumii keessatti argaman kaan, biyya alaa akka hin deemne kan ishee gorsan taʼus, obboleettonni hedduun garuu akkasheen deemtu ishee jajjabeessaa turan. Obboleettonni kun, “Maatiikee ni jaallatta yoo taʼe, deemuu qabda. Achi deemtees Yihowaa tajaajiluu ni dandeessa” isheedhaan jedhan. Maarliin utuma sodaattuu Jemsiifi ilmashee Jiimiin dhiistee hojii barbaacha gara biyya alaa deemte. Yeroo deemuuf jettutti, “Dafeen deebiʼa” jechuudhaan waadaa isaaniif galtee turte.

ITTI GAAFATAMUMMAA MAATIIFI SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU

4. Namoonni hedduun kan godaanan maaliifi? Yeroo kanatti ijoolleesaanii kan kunuunsan eenyufaʼi?

4 Yihowaan sabnisaa gadadoodhaan akka jiraatan hin barbaadu; sababii hiyyumaatiin biyya kan biraatti godaanuun garuu bara duriitii jalqabee kan turedha. (Far. 37:25; Fak. 30:8) Yaaqoob abbaan amantii, maatiisaa beelli waan mudateef, ijoolleensaa biyya Gibxii dhaqanii midhaan akka bitan ergeenii ture.b (Uma. 42:1, 2) Yeroo harʼaa, namoonni baayʼeen qeʼeesaanii dhiisanii kan deeman waan beelaʼaniif miti. Maaliif deemuree? Hedduunsaanii liqii guddaan waan isaanirra jiruuf taʼuu dandaʼa. Warri kaanimmoo haala jireenya maatiisaanii fooyyessuu barbaadu taʼa. Namoonni hedduun rakkina dinagdee keessaa baʼuuf jecha, maatiisaaniirraa fagaatanii biyyumasaanii keessa ykn biyya alaa jiraatu. Yeroo baayʼee, ijoollee xixinnoo hiriyaa gaaʼelaasaaniitti, ijoollee angafaatti, akkoo ykn akaakayyuusaaniitti, firatti ykn hiriyootasaaniitti dhiisanii deemu. Namoonni godaanan, ijoollee ykn hiriyaa gaaʼelaasaanii dhiisanii deemuun isaan gaddisiisus, kan deeman filannaa waan dhabaniif akka taʼe isaanitti dhagaʼama.

5, 6. (a) Yesus gammachuufi tasgabbii ilaalchisee maal barsiise? (b) Yesus duuka buutonnisaa wantoota akkamiitiif akka kadhatan isaan barsiise? (c) Yihowaan kan nu eebbisu akkamitti?

5 Bara Yesusittis, namoonni hedduun harka qalleeyyiifi kan tuffataman waan turaniif gammachuu argachuu ykn tasgabbiidhaan jiraachuu kan dandaʼan qarshii baayʼee yoo qabaatan qofa akka taʼe isaanitti dhagaʼama ture. (Mar. 14:7) Haataʼu malee Yesus, namoonni abdiisaanii Yihowaa isa madda qabeenya hin badnee taʼerra akka kaaʼatan barbaada ture. Yesus, gammachuufi tasgabbii dhugaa argachuun kan dandaʼamu qarshiidhaan ykn carraaqqii ofiitiin utuu hin taʼin, abbaa keenya isa samii wajjin hariiroo gaarii qabaachuudhaan akka taʼe Lallabasaa Isa Gaaraarratti ibseera.

6 Yesus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiiserratti, qananiidhaan jiraachuuf utuu hin taʼin, “soora harʼaa bor nu barbaachisu” argachuuf akka kadhannu nu barsiiseera. Namoota isa dhaggeeffachaa turaniin, “Badhaadhummaa ofii keessaniif lafa irratti . . . walitti hin qabatinaa! Garuu badhaadhummaa ofii keessaniif waaqa irratti . . . walitti qabadhaa!” jedheera. (Mat. 6:9, 11, 19, 20) Yihowaan akkuma abdii nuu kennetti akka nu eebbisu amanamuu dandeenya. Faara tolaadhaan nu ilaaluu qofaan utuu hin taʼin wanta nu barbaachisu nuu guutuudhaan nu eebbisa. Dhugumayyuu, gammachuufi tasgabbii dhugaa argachuun kan dandaʼamu qarshiitti utuu hin taʼin abbaa keenya isa nuu yaadutti amanamuudhaani.​— Maatewos 6:24, 25, 31-34 dubbisi.

7. (a) Yihowaan ijoollee guddisuuf itti gaafatamummaa kan kenne eenyuufidha? (b) Abbaafi haati ijoolleesaanii wajjin taʼuu kan qaban maaliifi?

7 ‘Duraan dursanii qajeelummaa Waaqayyoo Barbaaduun,’ ilaalcha Yihowaan itti gaafatamummaa maatiitiif qabu qabaachuu dabalata. Seerri Musee, seera buʼuuraa Kiristiyaanotaaf hojjetuufi warri ijoolleesaanii karaa hafuuraa leenjisuu akka qaban ibsu qabateera. (Keessa Deebii 6:6, 7 dubbisi.) Waaqayyo itti gaafatamummaa kana kan kenne Abbaafi haadhaaf malee akkoofi akaakayyuu ykn nama kan biraatiif miti. Solomoon Mootichi, “Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhagaʼi, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin” jechuudhaan barreesseera. (Fak. 1:8) Yihowaan yommuu akkas jedhu, abbaafi haati ijoolleesaanii geggeessuufi barsiisuuf qaamaan isaan biratti argamuu akka qaban ibsuusaa ture. (Fak. 31:10, 27, 28) Ijoolleen warrasaaniirraa keessumaa waaʼee hafuuraa kan baratan, yommuu isaan guyyaa guyyaadhaan waaʼee Yihowaa waliin mariʼatan dhagaʼuufi fakkeenyasaanii ilaaluudhaani.

RAKKINA ITTI HIN YAADAMNE

8, 9. (a) Abbaan ykn haati maatiisaaniirraa fagaatanii ennaa jiraatan yeroo baayʼee maaltu uumama? (b) Maatiirraa adda baʼuun karaa miiraafi amalaa miidhaa akkamii geessisa?

8 Namoonni biyya alaa deeman deemuusaanii dura, miidhaa inni qabuufi aarsaa inni isaan kaffalchiisu madaaluuf kan yaalan taʼus, maatiisaanii dhiisanii deemuun miidhaa akka qabu dursanii kan hubatan muraasa qofadha. (Fak. 22:3)c Maarliin akkuma biyya alaa deemteen, maatiisheerraa addaan baʼuusheetti miirrishee baayʼee miidhame. Abbaan manaasheefi ilmishees miidhamaniiru. Ilmishee Jiimiin, yeroo hunda, “Maaliif na dhiistee deemte?” jedhee ishee gaafata ture. Jiʼoonni Maarliin achi turuuf yaadde gara waggootaatti yommuu jijjiiramaa adeeman maatiinshee haala rakkisaa keessa akka jiru hubachuu jalqabde. Jiimiin kan namatti hin dhihaanne taʼuusaarrayyuu miiraan haadhasaarraa baayʼee fagaateera. Haatisaa, “Jaalalli inni naaf qabu guutummaatti badeera” jechuudhaan gadda isheetti dhagaʼame ibsiteetti.

9 Warriifi ijoolleen yoo waliin jiraachuu baatan karaa miiraa miidhamuufi amallisaanii mancaʼuu dandaʼa.d Hammuma ijoolleen xinnoo taʼaniifi yeroonsaa dheeratu, miidhaan gaʼus guddachaa adeema. Maarliin ilmashee Jiimiin dhiistee kan deemte faayidaasaatiif akka taʼe isaaf ibsitee turte. Jiimiin garuu haatisaa akka isa gattetti itti dhagaʼama ture. Jalqabarratti deemuusheetti mufatee ture. Booda garuu, deebitee dhufuusheetti mufate. Akkuma ijoollee warrisaanii isaan dhiisanii deeman kaanitti dhagaʼamu, Jiimiin haatisaa akka isheedhaaf ajajamuufi akka ishee jaallatu isarraa eeguu akka hin dandeenye isatti dhagaʼame.​—Fakkeenya 29:15 dubbisi.

Maarliin Jamsiifi Jiimii wajjin viidiyoodhaan yommuu haasoftu

Intarneetiidhaan mucaa keessan hammachuu hin dandeessan (Keeyyata 10 ilaali)

10. (a) Ani biraa dhabamuukoo bakka buusa jedhanii ijoolleedhaaf kennaa erguun miidhaa akkamii geessisa? (b) Haati ykn abbaan ijoolleesaanii fagoo taaʼanii guddisuuf ennaa yaalan ijoolleetti maaltu hirʼata?

10 Maarliin, qarshiifi kennaa addaddaa isaaf erguudhaan isa kiisuuf yaalii gootus, utuu isheetti hin beekamin ilmashee ofirraa fageessaa, akkasumas wantoota hafuuraafi maatiisaa caalaa qabeenyaaf bakka guddaa akka kennu isa leenjisaa turte. (Fak. 22:6) Jiimiin, “Deebitee hin dhufin. Achuma taaʼiitii kennaa naa erguukee itti fufi” isheedhaan jedheera. Yeroo kanatti Maarliin fagoo teessee xalayaadhaanis taʼe, bilbilaan ykn viidiyoodhaan haasofsiisuudhaan ilmashee guddisuu akka hin dandeenye hubatte. “Intarneetiidhaan mucaa keessan hammachuu ykn dhungattanii nagaan buli isaan jechuu hin dandeessan” jetteetti.

Bakka hojiitti hogganaan Maarliin isaa wajjin saalqunnamtii akka raawwattu ennaa ishee gaafatu

Hiriyaa gaaʼelaa keerraa fagaattee yommuu jiraattu rakkoo akkamiitu si mudachuu dandaʼa? (Keeyyata 11 ilaali)

11. (a) Hiriyoonni gaaʼelaa hojiidhaaf jecha walirraa fagaatanii jiraachuunsaanii gaaʼelasaanii kan miidhu akkamitti? (b) Obboleettiin tokko deebitee maatiishee wajjin jiraachuu akka qabdu kan hubatte akkamitti?

11 Walitti dhufeenyi Maarliin Yihowaa wajjinis taʼe abbaa manaashee Jemsii wajjin qabdus miidhameera. Walgaʼiirratti kan argamtus taʼe tajaajila kan baatu torbanitti siʼa tokko ykn isaa gadi ture; dhiibbaa namni ishee qacare isaa wajjin saalquunnamtii akka raawwattuuf isheerraan gaʼu moʼuunis ishee barbaachisee ture. Maarliiniifi Jemsi, hiriyaa gaaʼelaa yommuu rakkinni isaan mudatu isaan gargaaruu dandaʼu waan of biraa hin qabneef, nama miirasaanii isaaniif hubatu kaanitti dhihaachuufi saalqunnamtii raawwachuuf qoramanii turan. Maarliin, isheenis taate abbaan manaashee ejja raawwachuu baatanis, ennaa walirraa fagaatanii jiraatan, qajeelfama Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuus taʼe fedhii miiraafi fedhii saalaa waliisaanii guutuu akka hin dandeenye hubatteetti. Yaada tokko battaluma isaanitti dhgaʼameen waliif ibsuu, ija jaalalaatiin wal milʼachuu ykn waliif seequu, gaarummaadhaan harkaan wal qaqqabuu, wal hammachuu, dhiheenyatti ‘jaalala’ waliif ibsuu ykn ‘walbira gaʼuu’ hin dandaʼan. (Wed. 1:2; 1 Qor. 7:3, 5) Akkasumas, ilmasaanii wajjin taʼuudhaan guutummaatti Yihowaa waaqeffachuu hin dandaʼan. Maarliin, “Walgaʼii koonyaa tokkorratti waaqeffannaan maatii dhaabbataa taʼe guyyaa Yihowaa isa guddaarraa ooluuf barbaachisaa akka taʼe ennaan baradhu, manatti deebiʼuu akkan qabun hubadhe. Karaa hafuuraa deebiʼee jabaachuufi jireenya maatiikoo deebisee ijaaruun qaban ture” jechuudhaan dubbatteetti.

GORSA GAARIIFI GORSA GADHEE

12. Namoota maatiisaaniirraa fagaatanii jiraataniif gorsa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe akkamii kennuutu dandaʼama?

12 Maarliin manatti deebiʼuuf murteessuunshee namoota addaddaatti miirri garaagaraa akka dhagaʼamu godheera. Jaarsoliin gumiishee isa biyya alaa keessa jiran, amantiifi jabina isheen argisiisteef ishee galateeffataniiru. Namoonni hiriyaa gaaʼelaasaaniifi maatiisaaniirraa fagaatanii jiraatan kaan garuu ishee hin galateeffanne. Fakkeenyashee hordofuu mannaa, ishee amansiisuuf yaalii godhan. “Yeroo xinnoo keessatti deebitee dhufta. Biyyakeetti yoo galte, qarshii si barbaachisu akkamitti argachuu dandeessa?” isheedhaan jedhan. Kiristiyaanonni hidhata walii taʼan, yaada humna nama buusu akkasii walii kennuu mannaa, ‘abbaa manaa, ijoollees akka jaallataniif, dubartoota warra gara ijoollee gorsuu qabu’; akkasumas ‘dubbiin Waaqayyoo maqaa gadhee akka hin godhannetti, warra mana ofiisaanii baʼeessa godhanii eeggatan akka taʼan gorsuu qabu.’​—Tiitoos 2:3-5 dubbisi.

13, 14. Wanta maatiin keenya nurraa barbaadan caalaa Yihowaadhaaf dursa kennuun amantii gaafata kan jennu maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.

13 Namoonni biyya alaa deeman hedduun kan guddatan aadaa maatiidhaaf keessumaammoo warra gargaaruuf iddoo guddaa kennu keessattidha. Kiristiyaanni tokko Yihowaa gammachiisuuf jedhee wanta naannoosaatti baramaa taʼe ykn wanta warrisaa barbaadan gochuu dhiisuunsaa amantii akka qabu kan argisiisudha.

14 Mee seenaa Kaaran haa ilaallu. Akkas jetteetti: “Ilmikoo Doon ennaa dhalatetti, aniifi abbaan manaakoo biyya alaatii hojjenna turre; animmoo Macaafa Qulqulluu qayyabachuu reefuu jalqabuukoo ture. Miseensonni maatiikoo hundi, hamma qarshii argannutti mucaa keenya kana warrikoo akka guddisaniif garasaaniitti akkan ergu narraa eegu turan.” Kaaran ilmashee Dooniin ofumasheetii guddisuuf ennaa barbaaddetti, firoonnisheefi abbaan manaashee dhibooftuu akkasheen taate yaaduudhaan isheetti kolfan. Kaaran, “Dhugaa dubbachuuf, jalqabarratti Dooniin waggoota muraasaaf gara warrakootti erguun rakkina maalii akka qabu hin hubannen ture. Haataʼu malee, Yihowaan mucaa keenya akka guddisnu itti gaafatamummaa kan kenne nutti, jechuunis warrasaatti akka taʼe beekan ture” jetteetti. Kaaran mucaa lammataa ennaa ulfooftetti, abbaan manashee ulfa sana akka baasistu ishee dirqisiise. Murtoo gaariin kanaan dura goote amantiishee waan cimseef yeroo kanattis Yihowaadhaaf amanamtuu taateetti. Yeroo harʼaa Kaaran, abbaan manaasheefi ijoolleenshee wal faana jiraachuusaaniitti baayʼee gammadu. Mucaashee isa tokko ykn lamaanuu warri kaan akka guddisan gooteetti utuu taʼee buʼaansaa kanarraa adda taʼa ture.

15, 16. (a) Muuxannoo obboleettii ijoollummaasheetti warrishee akkoosheetti ishee kennan tokkoo dubbadhu. (b) Isheenoo intalashee haadhasheetti kennuu kan didde maaliifi?

15 Dhugaa Baatuun Viikii jedhamtu tokko akkas jetteetti: “Waggoota muraasaaf kan na guddiste akkookoo siʼa taatu, yeroo kanatti obboleettiinkoo isheen quxisuun warrakoo bira turte. Yeroon warrakootti deebiʼu, ilaalchi ani isaaniif qabu jijjiiramee ture. Obboleettiinkoo miirashee isaaniif ibsuufi isaan hammachuuf kan hin sodaanne yommuu taʼu, isaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabdi. Ani garuu miiraan warrakoorraa akkan fagaadhe natti dhagaʼama; ergan nama guddaa taʼee boodallee miirakoo isa dhugaa isaaniif ibsuun na rakkisa ture. Aniifi obboleettiinkoo warri keenya yeroo dullooman akka isaan kunuunsinu waadaa galleefii turre. Haataʼu malee, ani kanan isaan kunuunsu dirqamakoo baʼuuf siʼa taʼu, obboleettiinkoo garuu jaalalaan kakaatee isaan kunuunsiti turte.”

16 Viikiin itti fufuudhaan, “Amma, haatikoo akkuma ofiisheetii haadhasheetti na kennite, anis mucaakoo akka isheen guddistuuf akkan itti kennu barbaaddi. Ani garuu malaan akkas gochuu akkan hin barbaannen itti hime. Anis taʼe abbaan manaakoo mucaa keenya karaa Yihowaan barbaaduun guddisuu barbaanna. Akkasumas, walitti dhufeenyan gara fuulduraatti intalakoo wajjin qabaadhu balleessuu hin barbaadu” jetteetti. Haalli jireenyaa milkaaʼina argamsiisu, galma qarshii argachuu wajjin wal qabate baafachuuf ykn fedhii maatiitiif dursa kennuu utuu hin taʼin Yihowaafi seera buʼuuraa inni baaseef dursa kennuudha. Yesus, “Eenyu illee gooftolii lamaaf [Waaqayyoofi horiidhaaf] hojjechuu hin dandaʼu” jechuudhaan ifatti dubbateera.​—Mat. 6:24; Bau. 23:2.

YIHOWAAN CARRAAQQII KEENYA ‘WAL NUU QIXXEESSA’

17, 18. (a) Kiristiyaanonni yeroo hunda filannaa akkamii qabu? (b) Mataduree itti aanurratti gaaffiiwwan kamfaa qorra?

17 Abbaan keenya Yihowaan, jireenya keenya keessatti Mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaatiif dursa yoo kennine wanta nu barbaachisu hunda argachuu akka dandeenyuuf nu gargaara. (Mat. 6:33) Kanaaf, Kiristiyaanonni dhugaan yeroo hunda filannaa qabu. Yihowaan rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu utuu hin cabsin ‘karaa ittiin keessaa baanu’ akka nuu qopheessu abdii nuu kenneera. (1 Qorontos 10:13 dubbisi.) Yihowaa ‘obsaan yommuu eeggannu,’ akkasumas ogummaafi qajeelfamasaa argachuuf kadhachuudhaan, abboommiifi seera buʼuuraa inni nuuf kenne eeguudhaan yommuu ‘isa amanannu’ inni “nuuf in raawwata.” (Far. 37:5, 7) Akka Gooftaa dhugaa isa tokkichaatti isa tajaajiluuf yommuu yaalii goonu carraaqqii keenya nuuf eebbisa. Isaaf dursa yoo kennine jireenyi keenya ‘akka wal nuuf qixxaatu’ godha.​—Uumama 39:3 wajjin walbira qabii ilaali.

18 Miidhaa walirraa fagaatanii jiraachuun geessise sirreessuuf maal gochuutu dandaʼama? Maatii keenyarraa utuu addaan hin baʼin wanta isaan barbaachisu guutuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeenya? Namoonni kaan gama kanaan murtoo sirrii akka godhan gargaaruu kan dandeenyuhoo akkamitti? Matadureen itti aanu gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.

a Maqaawwan jijjiiramaniiru.

b Ijoolleen Yaaqoob yeroo biyya Gibxiitti deddeebiʼaa turanitti maatiisaaniirraa torban sadii caalaa fagaatanii hin turre. Yaaqoobiifi ijoolleensaa yeroo booda Gibxiitti yommuu galanis haadhotii manaasaaniifi ijoolleesaanii fuudhanii deemaniiru.​—Uma. 46:6, 7.

c Dammaqaa! Guraandhala 2013, (Amaariffa) isa matadureensaa, “Godaansa Ilaalchisee Wanta Yaadamuufi Dhugaa Jiru” jedhu ilaali.

d Gabaasni biyyoota addaddaarraa argame akka ibsutti, hojiidhaaf jecha hiriyaa gaaʼelaa ykn ijoolleerraa fagaatanii biyya alaa deemuun maatii tokko tokkorra miidhaa cimaa geessiseera. Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa akka wal hin amanne gochuu, saala wal fakkaatu ykn firaa wajjin saalqunnamtii raawwachuu, akkasumas ijoolleen amala akka badaniifi barumsi akka isaaniif hin galle, dheekkamtoota akka taʼan, akka dhiphatan ykn of ajjeesuu akka barbaadan gochuu dandaʼa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi