Saanduqa Gaaffii
◼ Asxaawwan koorporeeshiinonni Dhugaa Baatota Yihowaa seera qabeessa ta’an itti fayyadamanitti, gumiiwwan ykn namoonni dhuunfaa itti gargaaramuun sirriidhaa?
Asxaan, maqaa, fakkii ykn mallattoo daldalaa dhaabbanni tokko salphaatti ittiin adda baafamee beekamudha. Asxaan Masaraa Eegumsaa, Wooch Taawor Baayibil eendi Tiraakti Soosaayitii oov Pensilvaaniyaa, akkasumas koorporeeshiinonni biroo jaarmiyaan kun itti fayyadamu bakka bu’a. Koorporeeshiiniin Za Kiristiyaan Kongiriigeeshin oov Jehovaas Wiitinasis jedhamu xalayaa barreessan mataasaarratti Macaafa Qulqulluu baname akka asxaatti fayyadama. Koorporeeshiinonni Dhugaa Baatonni Yihowaa itti fayyadaman kaanimmoo asxaawwan addaddaa qabu.
Gumiiwwan ykn namoonni dhuunfaa, mallattoo Galma Mootummaa argisiisu, xalayoota ykn meeshaa dhuunfaafi wantoota kana fakkaatanirratti, asxaa koorporeeshiinoota keenyaatti ykn maqaa ykn mallattoowwan kanaa wajjin wal fakkaatanitti fayyadamuun hin danda’amu. Asxaawwan jaarmiyichaatti seeraan ala fayyadamuun, gumichi karaa seera qabeessa ta’een jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuusaa abbootiin taayitaa, babal’istoonniifi warri kaan akka shakkan godha. Xalayaa waajjira muummeerraa ykn dameerraa dhufuufi ergamurrattis shakkii uuma.
Galmichi kan Wooch Taawor ta’uyyuu, gara fuulduraatti Galma Mootummaa ijaaramerratti asxaa Masaraa Eegumsaa ykn isaa wajjin wal fakkaatutti fayyadamuun hin danda’amu. Gumiiwwan kanaan dura Galma Mootummaarratti asxaatti fayyadamaa turan, jijjiirama kana gochuudhaaf yeroo, carraaqqiifi baasii guddaa gaafachuu waan danda’uuf, mallattoo ykn bifa asxichaa ammuma jijjiiruun isaan hin barbaachisu. Haata’u malee, wanti jijjiiruuf barbaachisu waan xinnoofi hojii guddaa kan hin gaafanne yoo ta’e, jijjiirama gochuuf xiyyeeffannaan kennamuufii qaba. Jijjiiramni godhamu guddaa taanaan garuu, yeroo Galma Mootummaa ykn mallattoo haaressuuf karoorfametti jijjiiruun ni danda’ama.