“Obbolummaa Amantootaa Jaalladhaa”
Jechoonni mataduree kanarratti ibsaman kun geggeessaa hafuuraatiin erga barreeffamanii waggaa kuma lama taʼuuf jedha. (1Phe. 2:17) Haataʼu malee, gorsa kana yeroo kamiyyuu caalaa yeroo ammaatti hojiirra oolchuu nu barbaachisa! Obboloota addunyaa maratti argaman jaallachuu kan dandeenyu akkamitti? Biyya lafaa jaalala hin qabne kana keessatti, jaalalli keenya akka hin qabbanoofne mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? (Mat. 24:12) Viidiyoo Guutummaa Waldaa Obbolummaa Addunyaa Maraa jedhamu erga ilaaltee booda gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali.
(1) Kutaa obbolummaa Kiristiyaanaa taanee kan beekamne yoomii kaaseeti? (2) Sochiiwwan obboloota keenya addunyaa mararra jiranii wajjin tokko nu godhan sadan maalfaʼi? (3) Obboloonni keenya (a) lafa onaa Alaaskaa, (b) buufata doonii Awurooppaa gurguddaatti, akkasumas (c) naannoo bosonawwan gobbuu Peeruutti hinaaffaadhaan lallabaa kan jiran akkamitti? (4) Hojiin misraachoo lallabuu hojii addaa akka taʼetti ilaaluu kan qabnu maaliifi? (5) Fakkeenyota Dhugaa Baatonni Yihowaa (a) yeroo sochoʼi lafaa gaʼutti, (b) yeroo obomboleettiin kaʼutti, (c) yeroo waraanni walii walii taʼutti kan wal jajjabeessaniifi kan wal gargaaran akkamitti akka taʼe ibsan dubbadhu. (6) Hundumti keenya mallattoo guddaa waldaa obbolummaa Kiristiyaanaa addaan baasee beeksisu karaawwan ittiin mulʼisuu dandeenyu warra kamfaʼi? (Yoh. 13:35) (7) Galmawwan Mootummaa keenya waliin ijaaruun faayidaawwan akkamii argamsiisa? (8) Obboloonni keenya Baha Awurooppaafi Ruusiyaa jiran yeroo hojiinsaanii mootummaadhaan dhorkamee turetti, haala hafuuraasaanii eeganii kan jiraatan akkamitti? (9) Yeroo ammaatti Dhugaa Baatonni hedduun walgaʼiiwwan gurguddaarratti argamuuf carraaqqiiwwan nama dinqisiisan akkamii gochaa jiru? Maaliifi? (10) Viidiyoon kun (a) obbolootakee wajjin tokkummaadhaan Waaqayyoon waaqeffachuuf, (b) yeroowwan rakkisaa taʼanitti warra kaan gargaaruufi (c) carraa argatte hundatti fayyadamtee amanamummaadhaan lallabuuf murtoo goote kan siif cimse akkamitti? (11) Tajaajila keenyarratti viidiyoo kanatti fayyadamuu kan dandeenyu yoomiifi akkamitti?
Sababii guddaan kutaa obbolummaa addunyaa maraa itti taanee, Yihowaa waan jaallannuufidha. Kanaaf waaʼee Yihowaa barachuunis taʼe, waaʼeesaa warra kaan barsiisuun nutti tola. Akkasumas namoota Yihowaan jaallatu ni jaallanna. Yeroowwan rakkisaa taʼanitti obboloota keenya gargaaruu keenyaan Waaqayyo nu galateeffata jennee hin eegnu. Kanaa mannaa, waldaa obbolummaa Kiristiyaanaa keenya kennaa guddaa isa biraa arganne goonee waan yaannuuf Waaqayyoon ni galateeffanna. Yeroo guyyaan biyyi lafaa jaalala hin qabne kun itti badu dhihaachaa deemu kanatti, waldaa obboloota addunyaa maraa keenyaaf jaalala argisiisuu keenya itti haa fufnu!