Tajaajila Irratti Guddina Gochuu Keessan Itti Fufaa
1. Fakkeenyonni jaarraa jalqabaa tajaajila keenya irratti guddina gochuu akka qabnu argisiisan kam faʼi?
1 Kiristiyaanonni tajaajila irratti guddina argisiisuu qabu. Yesus leenjii hojii lallabaa irratti guddina gochuuf gargaaru duuka buutota isaatiif kan kenne kanaafi. (Luq. 9:1-5; 10:1-11) Aqiilaa fi Phrisqiilaanis, Apholosiin ofitti fudhatanii ‘caalchisanii karaa Waaqayyoo kan isa hubachiisan’ kanaafi. (HoE. 18:24-26) Phaawulosis, guddinni isaa ‘namoota hunda biratti akka argamutti’ barsiisa isaa irratti akka xiyyeeffatu Ximotewos isa hojii lallabaa irratti muuxannoo qabu jajjabeesseera. (1 Xim. 4:13-15) Babalʼistoota misiraachichaa taanee Gooftaa kan tajaajille yeroo dheeraa hammamiif iyyuu yoo taʼe, dandeettii lallabaa keenya fooyyeffachuun nu barbaachisa.
2. Warra kaan irraa barachuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Warra Kaan Irraa Baradhu: Karaan dandeettii keenya guddifachuu itti dandeenyu inni tokko warra kaan irraa barachuu dha. (Fak. 27:17) Kanaaf, babalʼistoonni sii wajjin tajaajilan namoota yeroo haasofsiisan xiyyeeffannaadhaan hordofi. Obboloota namoota haasofsiisuu irratti dandeettii qaban yaada gaafadhu; wanta isaan jedhan immoo sirriitti dhaggeeffadhu. (Fak. 1:5) Deddeebii gaaffii gochuu, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu ykn gosa tajaajilaa taʼe tokko irratti hirmaachuu kan dandeessuu akkamitti akka taʼe sirriitti hin beektuu? Dursa fudhadhuutii ilaaltuun olaanaa garee tajaajilaa kee ykn babalʼisaan muuxannoo qabu akka si leenjisan gaafadhu. Kana malees, hafuurri Yihowaa dandeettii keenya akka nuu fooyyessu yaadadhu; kanaaf, yeroo hunda kadhannaadhaan hafuura qulqulluu akka sii kennu Yihowaa gaafadhu.—Luq. 11:13.
3. Yaadni yeroo nuu kennamutti yoo nuuf hin hojjetu taʼe illee akkamitti fudhachu qabna?
3 Dhimma tokko akka fooyyeffattuuf yaadni yoo sii kenname, yaadichi siif hin hojjetu yoo taʼe illee yaadni sii kennamuu isaatti hin aariin. (Lal. 7:9) Akka Apholos gad of deebisuudhaan, akkasumas galateeffannaadhaan gargaarsa sii godhame fudhadhu. Akkas gochuun kee ogeessa akka taate argisiisa.—Fak. 12:15.
4. Yesus sababni lallaba irratti guddina argisiisuu itti qabnu inni guddaan maal akka taʼe dubbate?
4 Guddina Gochuun Keenya Waaqayyoof Ulfina Fida: Yesus fakkeenyatti fayyadamee, tajaajila irratti guddina akka argisiisan duuka buutota isaa jajjabeesseera. Ofii isaa muka wayniitti, duuka buutota isaa warra dibamoo immoo damee muka wayniitti fakkeesseera. Yesus, Abbaan isaa “caalchisee akka inni ija godhatuuf” damee ija godhatu hunda akka qeexxaʼu ykn akka qoru dubbateera. (Yoh. 15:2) Akkuma abbaan qabeenyaa iddoo dhaabaa waynii, dameewwan muka waynii isaa caalaatti ija akka godhatan barbaadu, Yihowaanis “ija hidhii” godhachuu irratti dandeettii keenya guddifachuu akka itti fufnu barbaada. (Ibr. 13:15, hiika bara 1899) Dandeettii lallaba irratti qabnu yeroo guddifannu buʼaa gammachiisaa akkamiitu argama? Yesus akkas jechuudhaan deebii gaaffii kanaa nuu kenna: “Ija baayʼee godhachuu keessaniin, . . . ulfinni abbaa koo in argama.”—Yoh. 15:8.