LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 18 ful. 143-ful. 144 key. 4
  • Macaafa Qulqulluurraa Deebii Kennuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Macaafa Qulqulluurraa Deebii Kennuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Caqasoota Sirriitti Ibsuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Macaafa Qulqulluutti Fayyadamuudhaan Ofis Taʼe Warra Kaan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • “Dubbiin Waaqayyoo . . . Humna Qabeessa Dha”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Ragaa Amansiisaa Dhiheessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 18 ful. 143-ful. 144 key. 4

Qayyabannaa 18

Macaafa Qulqulluurraa Deebii Kennuu

Maal gochuu qabda?

Gaaffii gaafatamtuuf Macaafa Qulqulluurraa deebii kenni.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Hojiin nuu kenname ‘Dubbicha lallabuudha.’ Yesus, “dubbii ani isinitti dubbadhu hundumaa ofuma kootiin hin dubbadhu” jechuudhaan fakkeenya gaarii nuu kaaʼeera.—2 Xim. 4:2; Yoh. 14:10.

WAAʼEE amantii keenyaa, seera ittiin geggeeffamnu, haala yeroo ammaafi abdii qabnu ilaalchisee gaaffii gaafatamnuuf Macaafa Qulqulluurraa deebii kennu qabna. Maaliif? Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo waan taʼeefidha. Amantiin keenya Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼedha. Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluutiin geggeeffamna. Wantoota biyya lafaarratti raawwataman ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhutti amanna. Abdiin keenya Macaafa Qulqulluu isa hafuura Waaqayyootiin barreeffamerratti kan hundaaʼedha.—2 Xim. 3:16, 17.

Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuun keenya itti gaafatamummaa akkamii akka nutti fidu ni hubanna. (Isa. 43:12) Kanaaf falaasama namootaarratti utuu hin taʼin, Dubbii Yihowaa isa hafuurasaatiin barreeffamerratti hundoofnee gaaffii gaafatamnuuf deebii kennina. Hundi keenya ilaalcha mataa keenyaa akka qabnu beekamaadha; taʼus Dubbiin Waaqayyoo dhugaa taʼuusaa garaa guutuudhaan waan amannuuf ittiin geggeeffamna. Dhugaadha, Macaafni Qulqulluun dhimmoota hedduu ilaalchisee filannaa mataa keenyaa akka goonu nuu heyyama. Kanaaf, warri kaan ilaalcha keenya akka qabaatan gochuu mannaa, seerawwan buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti argaman akka hubatan isaan gargaaruu barbaanna; akkas gochuun keenya mirga filannaa gochuuf qabanitti akka fayyadaman isaan gargaara. Nuyis akkuma Phaawulos, namoota ‘gara amantiifi gara abboomamuutti geessuuf’ carraaqqii goona.—Rom. 16:26.

Mulʼata 3:14⁠rratti Yesus, “dhuga-baatuu isa amanamaa, isa dhugaadhaaf dhugaa baʼu” akka taʼe ibsameera. Gaaffii gaafatameef deebii kan kenneefi haala isa mudateef furmaata kan kenne akkamitti ture? Al tokko tokko fakkeenya sammuu namaa hojjechiisutti fayyadama ture. Namni gaaffii isa gaafate Caaffata Qulqullaaʼoo ilaalchisee wanta beeku akka dubbatu yeroo itti gaafates qaba. Siʼa baayʼee caqasa caqasuudhaan, yaada caqasichaa ibsuudhaan ykn karaa garabiraa caqasicha ibsuudhaan deebii kenna ture. (Mat. 4:3-10; 12:1-8; Luq. 10:25-28; 17:32) Jaarraa jalqabaatti macaafonni maraman manneen sagadaa keessa kaaʼamu turan. Yesus macaafota kana dhuunfaatti akka qabu wanti ibsame jiraachuu baatus, Caaffata Qulqullaaʼoo akka gaariitti waan beekuuf, yommuu barsiisu irra deddeebiʼee isaanirraa caqasa ture. (Luq. 24:27, 44-47) Wanta Abbaasaarraa dhagaʼe dubbate malee, wanti inni barsiise kan ofiisaa akka hin taane dubbachuunsaa sirrii ture.—Yoh. 8:26.

Nuyis fakkeenya Yesus hordofuu barbaanna. Yommuu Waaqayyo dubbatu akkasaa dhagaʼuu baannus, Macaafa Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe qabna. Macaafa kanarraa deebii kan kenninu yoo taʼe, xiyyeeffannaa namootaa ofitti hin harkisnu. Yaada namoota cubbamoo taʼanii barsiisuu mannaa, wanta Waaqayyo nutti himu dhagaʼuuf murtoo akka goone argisiisna.—Yoh. 7:18; Rom. 3:4.

Kaayyoon keenya Macaafa Qulqulluu caqasuu qofa utuu hin taʼin, namni nu dhaggeeffatu wanta dubbisnurraa faayidaa akka argatu gargaaruudha. Namni kun garaadhaa akka nu dhaggeeffatu barbaanna. Haala namichaarratti hundooftee yaada Macaafa Qulqulluu beeksisuu dandeessa. Fakkeenyaaf, “Wanta Waaqayyo jedheef bakka guddaa kennuu kan qabnu sitti hin fakkaatuu?” Yookiin, “Macaafni Qulqulluun waaʼee dhimma kanaa akka dubbatu beektaa?” jettee gaafachuu dandeessa. Nama Macaafa Qulqulluutti hin amanne haasofsiisaa jirta taanaanimmoo mala garabiraatti fayyadamuu dandeessa. “Mee waaʼee raajii bara duriitti dubbatame tokkon sitti hima” ykn “Kitaabni baayʼinaan raabsamuudhaan hundarra caalu akkas jedha . . .” jechuu dandeessa.

Al tokko tokko yaada caqasichaa jecha mataa keetiin gabaabsitee ibsuu barbaadda taʼa. Hamma dandaʼametti Macaafa Qulqulluurraa dubbisuun gaariidha. Dandaʼamnaan caqasicha Macaafa Qulqulluusaarraa itti argisiisi. Yeroo baayʼee Macaafa Qulqulluurraa dubbisuun garaa namootaa tuquuf gargaara.—Ibr. 4:12.

Keessumaa jaarsoliin gumii gaaffii gaafatamaniif kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurraa deebii kennuu qabu. Ulaagaan jaarsa taʼuuf barbaachisu keessaa inni tokko, ‘akka barsiisicha ofii fudhatanitti dubbicha isa amanamaa sanatti jabaatanii qabamuudha.’ (Tit. 1:9) Babalʼisaan tokko, gorsa jaarsi gumii isaaf kennerratti hundaaʼee murtoo akka laayyootti hin ilaalmne gochuu dandaʼa. Kanaaf, gorsi jaarsi tokko kennu Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe taʼuunsaa barbaachisaa mitii? Jaarsi tokko gama kanaan fakkeenya gaarii taʼuunsaa, warri kaanis yommuu namoota barsiisan fakkeenyasaa akka hordofan kakaasuu dandaʼa.

BUʼA QABEESSSA TAʼUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

  • Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisi. Sagantaa qayyabannaa qabaadhu.

  • Gumiirratti yeroo deebistu caqasootarratti yaada kenni.

  • Gaaffii gaafatamtuuf deebii kennuukee ykn haala si mudaterratti murtoo gochuukee dura, ‘Macaafni Qulqulluun maal jedha?’ jedhii of gaafadhu.

  • Dhimma tokko ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu hin beektu taanaan, yaada tilmaamaa kennuu ykn ilaalcha mataakee ibsuurraa of qusadhu. Qorannoo gootee akka dhuftu itti himi.

GILGAALA: (1) Tajaajilarratti, (2) oduu dhiheenyatti sabqunnamtiidhaan dhihaate, akkasumas (3) sochii namoonni hedduun irratti hirmaatan ilaalchisee gaaffii sii dhihaate tokko ykn lama galmeeffadhu. Achiis caqasoota gaaffiiwwan sii dhihaataniif deebii taʼan filadhu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi