LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 50 ful. 258-ful. 262 key. 5
  • Garaa Namootaa Tuquuf Carraaqii Gochuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Garaa Namootaa Tuquuf Carraaqii Gochuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Garaa Tuquuf Carraaquu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Garaa Namoota Barsiisnuu Tuquu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Dandeettii Ittiin Barsiistu Guddifadhu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Ergaa Lallabuu Qabnu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 50 ful. 258-ful. 262 key. 5

Qayyabannaa 50

Garaa Namootaa Tuquuf Carraaqii Gochuu

Maal gochuu qabda?

Namoonni waaʼee wantoota irratti mariʼattanii maaltu akka itti dhagaʼamu yaadi. Waaqayyotti akka dhihaatan, akkasumas yaada garaafi miira isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka uuman godhu akka qabaatan isaan gargaari.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Namoonni Yihowaa gammachiisuu akka dandaʼaniif, Dubbiin Waaqayyoo akka gaariitti garaasaanii keessatti facaafamuu qaba.

NAMOOTAAF dhugaa baʼuu qofa utuu hin taʼin garaasaanii tuquufis carraaqqii gochuun si barbaachisa. Macaafni Qulqulluun yeroo baayʼee haala namootaa isa bakkeedhaan mulʼatu garaa wajjin walbira qabee ibsa. Yaanni garaa namaa inni fakkeenyaan ibsame, keessa eenyummaa nama tokkoo kan argisiisu yommuu taʼu, miirasaa, yaadasaa, wanti akkasitti akka yaadu isa godhe maal akka taʼeefi yaannisaa kun gochasaarratti dhiibaa akkamii akka geessisus ni ibsa. Sanyiin dhugaa garaa namaa isa fakkeenyaan ibsame kana keessatti facaafama. (Mat. 13:19) Waaqayyoof abboomamuuf fedhii qabaachuun garaadhaa kan maddu taʼuu qaba.—Fak. 3:1; Rom. 6:17.

Wanti barsiistu garaa namootaa akka tuqu gochuuf, wantoota armaan gadiirratti yaadi: (1) Wanta garaa nama si dhaggeeffaturratti dhiibbaa geessise hubachuu yaali. (2) Amalawwan gaggaarii, kan akka jaalalaafi Waaqayyoon sodaachuu akka qabaatu gargaari. (3) Yaada garaasaa qoruudhaan guutummaatti Waaqayyoon gammachiisuu akka dandaʼu jajjabeessi.

Hubannaa Qabaadhu. Sababiiwwan namoonni dhugaa akka hin fudhanne godhan garaagara taʼuu dandaʼu. Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabsiistu, jibbaafi ilaalcha dogoggoraa baratichi qabu akka jijjiiru gochuun ykn ragaa dhiheessuu qofatu si barbaachisa taʼa. Kanaaf, akkas jedhii of gaafadhu: ‘Namni kun, namni tokko uumamaan wanti hafuuraa akka isa barbaachisu ni hubataa? Dhimma kana ilaalchisee amantii hangamii qaba? Wanti inni itti hin amanne maalidha? Ilaalcha akkasii qabaachuu kan dandaʼe maaliifi? Fedhiifi hawwii, itti gaafatamummaa dhugaa beekuunsaa itti fidu akka hin fudhanne isa godhu moʼuuf gargaarsa akkamiitu isa barbaachisa?’

Yeroo baayʼee, namoonni wantoota tokko tokkotti maaliif akka amanan hubachuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Fakkeenyi 20:5, “Akeeki garaa namaa akka bishaan gadi fagooti, nama hubataa duwwaatu isa keessaa waraabbata” jedha. Hubannaa jechuun wantoota fuulleetti hin mulʼanne hubachuu dandaʼuu jechuudha. Kunimmoo, xiyyeeffannaadhaan ilaaluufi namootaaf yaaduu gaafata.

Miirri nama tokkoo dubbiisaarraa qofa mulʼata jechuu miti. Dhimmawwan tokko tokkorratti yommuu mariʼattan fuulli ykn sagaleen barataa tokkoo yommuu jijjiiramu hubachuu dandeessa. Abbaa ykn haadha yoo taatemmoo, amal li mucaakee jijjiiramaa akka jiru yoo argite, dhiibbaan irra gaʼaa akka jiru hubachuunkee hin oolu. Mallattoon akkasii, wanta yaada garaa nama tokkoo keessa jiru kan argisiisu waan taʼeef callistee bira hin darbin.

Gaaffiiwwan itti yaadamanitti fayyadamuunkee wanta yaada garaa namaa keessa jiru hubachuuf si gargaara. Gaaffiiwwan armaan gadii gaafachuu dandeessa: “Waaʼee . . .  maaltu sitti dhagaʼama?” “. . .  jettee akka amantu kan si godhe maalidha?” “. . .  utuu si mudatee maal goota?” Yeroo kanatti garuu, namoota gaaffiidhaan akka hin sardine of eeggachuu qabda. “Gaaffii tokko utuun si gaafadhee maaltu sitti dhagaʼama?” jettee malaan gaafachuu dandeessa. Yaada garaa namootaa keessa jiru hubachuun obsaafi of eeggannoo gaafata. Yeroo baayʼee namni tokko wanta garaasaa keessa jiru baasee nama kaanitti himuuf yeroo dheeraa itti fudhachuu dandaʼa. Yeroo akkasiittillee, dhimma si hin ilaallanne akka isa gaafatte akka itti dhagaʼamu godhurraa of qusachuu qabda.—1 Phe. 4:15.

Miirri yommuu namni tokko dubbatu argisiistus hubannaa kan gaafatudha. Kaayyoonkee yaanni Macaafa Qulqulluu inni kam akka isa gargaaru hubachuu akka taʼe hin dagatin. Ilaalcha dogoggoraa inni qabu sirreessuuf hin jarjarin. Kanaa mannaa, wanta inni dubbatu utuu hin taʼin, akkas akka dubbatu wanta isa kakaase hubachuuf carraaqqii godhi. Akkas yoo goote deebii akkamii akka kennitu beekuu dandeessa; baratichis miirasaa akka isaaf hubatte waan itti dhagaʼamuuf, wanta dubbattu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf kakaʼuunsaa hin oolu.—Fak. 16:23.

Namoota hedduudhaaf yommuu haasaa dhiheessitus, dhaggeeffattoonni tokko tokko hamma tokko miirasaanii akka ibsan gargaaruu dandeessa. Dhaaggeeffattoota akka gaariitti kan ilaaltu, miira fuulasaaniirraa mulʼatu kan hordoftuufi gaaffiiwwan garaasaaniitti akka deebisan godhanitti kan fayyadamtu yoo taʼe, wanta dubbachaa jirtuuf maaltu akka itti dhagaʼamu hamma tokko hubachuu dandeessa. Dhaggeeffattoota akka gaariitti beekta taanaan, haalasaanii tilmaama keessa galchi. Dubbii Waaqayyoorraa caqastee yommuu dubbattu, haala gumichaa tilmaama keessa galchi.—Gal. 6:18.

Fedhii Dhaggeeffattootaa Kakaasi. Namni haasofsiistu maalitti akka amanuufi akka hin amanne, akkasumas ilaalcha akkasii qabaachuu kan dandaʼe maaliif akka taʼe yoo hubatte, sanarratti hundooftee maree sana itti fufuu dandeessa. Yesus erga duʼaa kaʼee booda, haalawwan yeroo sanatti raawwataman tilmaama keessa galchuufi wanta ‘macaafa keessatti caafame isaaniif ibsuudhaan’ garaa namoota isaa wajjin turanii tuqeera. (Luq. 24:32) Atis, haala nama haasofsiistu mudateefi hawwiisaa wanta Dubbii Waaqayyoorraa hubatee wajjin wal qabsiistee dhiheessuuf carraaqqii gochuun si barbaachisa. Barataan tokko, wanti barate “Kun DHUGAADHA!” jedhee guutummaatti yoo itti amane garaansaa tuqameera jechuudha.

Gaarummaan, jaalalliifi karaan Yihowaa qajeelaa taʼuusaa jabeessitee ibsuudhaan namoonni barsiistu Waaqayyoon akka jaallatan gargaaruu dandeessa. Yihowaan amalawwan gaarii isaan qaban akka ilaalu yoo ibsiteef, dhaggeeffattoonni dhuunfaatti isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu akka dandaʼan isaan amansiisuu dandeessa. Caqasoota akka Faarfannaa 139:1-3, Luqaas 21:1-4⁠fi Yohannis 6:44⁠rratti akka xiinxalan gochuufi walitti dhufeenya cimaa Yihowaan tajaajiltootasaa warra amanamoo taʼanii wajjin qabu akka hubatan gargaaruudhaan kana gochuu dandeessa. (Rom. 8:38, 39) Yihowaan dogoggora keenya qofa utuu hin taʼin, akkaataa jireenya keenyaa, hinaaffaa waaqeffannaa dhugaatiif qabnuufi jaalala maqaasaatiif qabnus akka ilaalu ibsiif. (2 Sen. 19:2, 3; Ibr. 6:10, hiika bara 1899) Akkaataa uumamaa keenya ilaalchisee wantoota xixiqqoo taʼanillee waan yaadatuuf, ‘warra duʼanii awwaalamaniif’ deebisee jireenya kennuun isatti hin ulfaatu. (Yoh. 5:28, 29; Luq. 12:6, 7) Ilmaan namootaa bifaafi fakkaattii Waaqayyootiin waan uumamaniif, mareen amala Yihowaa ilaalchisee goonu, namoonni garaasaaniitii kakaʼanii tarkaanfii akka fudhatan akka godhu beekamaadha.—Uma. 1:27.

Kana malees, namni tokko ilaalcha Yihowaan namootaaf qabu yommuu baratu garaansaa tuqamuu dandaʼa. Waaqayyo waaʼee keenya dhuunfaatti akkas kan yaadu erga taʼee, akkaataan guddinaa, gosti ykn sanyiinsaanii maaliyyuu yoo taʼe, namoota kaaniifis akka yaadu beekamaadha. (HoE. 10:34, 35) Namni kun wanta kana akka gaariitti hubachuu dandeenyaan, Macaafa Qulqulluurraa sababii jibbaafi loogii garaasaa keessaa fonqolchee baasuuf isa gargaaru argachuu dandaʼa. Kunimmoo, fedha Waaqayyoo hojiirra oolchu barachaa yommuu adeemu, warra kaanii wajjin nagaadhaan jiraachuuf isa gargaara.

Namoonni Waaqayyoon sodaachuu akka baratan gargaaruunis barbaachisaadha. (Far. 111:10; Mul. 14:6, 7) Namni tokko Waaqayyoon sodaachuunsaa, wantoota jabina mataasaatiin hojjechuu hin dandeenye akka hojjetu isa kakaasuu dandaʼa. Namoonni Waaqayyoof sodaa sirrii taʼe akkasii akka qabaatan gargaaruuf, waaʼee hojiiwwan Yihowaa warra dinqisiisoofi waaʼee gaarummaasaa isa hubannaa namootaa gararraa taʼe ibsuufii dandeessa.—Far. 66:5; Er. 32:40.

Amallisaanii Yihowaa gammachiisuu ykn gaddisiisuu akka dandaʼu dhaggeeffattoota hubachiisi. Qajeelfamasaatiif ajajamuun isa gammachiisuu, kana utuu hin godhin hafuunimmoo isa gaddisiisuu dandaʼa. (Far. 78:40-42) Akkaataan jireenyaasaanii, mormii Seexanni Yihowaarratti kaaseef deebii kennuurratti gaʼee akka qabu isaan hubachiisi.—Fak. 27:11.

Abboommii Waaqayyoo eeguunsaaniis faayidaa kan isaaniif argamsiisu taʼuusaa akka hubatan gargaari. (Isa. 48:17) Karaa itti kana gochuu dandeessu keessaa inni tokko, battaluma tokkoofillee abboommii Waaqayyoo cabsuun miiraafi qaamarratti miidhaa akkamii akka geessisu hubachiisuudha. Cubbuu raawwachuun akkamitti Waaqayyorraa akka nu fageessu, warri kaan nurraa dhugaa akka hin dhageenye kan godhu akkamitti akka taʼeefi gochi kun mirga namootaa dhiibuu akka taʼe akka hubatan gargaari. (1 Tas. 4:6, NW) Eebbawwan abboommii Waaqayyoo eeguudhaan argataniif akka galateeffatanis jajjabeessi. Daandii Yihowaan qajeelummaadhaaf baaserra deddeebiʼuun keenya, rakkina hedduurraa akka nu eegu hubachiisuudhaan dinqisiifannaa daandii kanaaf qaban akka guddifatan gargaari. Namni tokko daandiin Yihowaa sirrii taʼuusaa garaasaatii yoo itti amane, sana booda wanta isarraa faallaa taʼe kamiyyuu ni jibba. (Far. 119:104) Abboommii Waaqayyoo eeguun carraa nama Waaqayyoo taʼuusaa itti argisiisu akka taʼetti malee akka baʼaatti hin ilaalu.

Akka Of Qoran Gargaari. Namoonni karaa hafuuraa guddachaa adeemuuf, wanta garaasaanii keessa jiru akka gaariitti qoruu qabu. Gama kanaan Macaafni Qulqulluun akkamitti isaan gargaaruu akka dandaʼu ibsiif.

Macaafni Qulqulluun, seera, gorsa, seenaafi raajii qofa kan qabate utuu hin taʼin, ilaalcha Waaqayyoos ni ibsa. Yaaqoob 1:22-25⁠rratti, Dubbiin Waaqayyoo of-ilaalee wajjin akka wal fakkaatu ibsameera. Wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hojiirra oolchuufi dhiisuun keenya wanta garaa keenya keessa jiru ifa godha. Kunimmoo, Waaqni inni ‘garaa namaa qoru’ akkamitti akka nu ilaalu argisiisa. (Fak. 17:3) Dhaggeeffattoonni yeroo hunda kana akka yaadatan jajjabeessi. Barumsawwan Waaqayyo karaa Dubbiisaa nuu ibserratti akka xiinxalaniifi karaa isa gammachiisuun jiraachuuf jijjiirama akkamii gochuun akka isaan barbaachisu isaan hubachiisi. Macaafa Qulqulluu dubbisuun, “yaadaa fi akeeka garaa namaa” qoruurratti ilaalcha Yihowaan qabu akka beekan kan isaan gargaaru taʼuusaa ibsiif. Kunis jijjiirama inni isaanirraa eegu hunda gochuuf isaan gargaara.—Ibr. 4:12; Rom. 15:4.

Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatan tokko tokko, wanta baratan hojiirra oolchuu kan barbaadan taʼaniyyuu, namoonni kaan maal naan jedhu jedhanii yaaddaʼu. Tarii dhiibbaa foonsaanii inni cubbamaan isaanirraan gaʼu moʼuuf waldhaansoo gochaa jiru taʼa. Yookiinimmoo, barsiifata biyya lafaa tokko tokko guutummaatti utuu hin dhiisin karaa itti Waaqayyoon tajaajilan barbaadu taʼa. Yaada walaallammii qabaachuun balaa akkamii akka fidu ibsiif. (1 Mot. 18:21) Waaqayyo yaadaafi garaasaanii qoree akka ilaalu akka isa kadhatan itti himi.—Far. 26:2; 139:23, 24.

Yihowaan qabsoo isaan godhan akka isaaniif hubatuufi Macaafni Qulqulluunis waaʼee kanaa akka dubbatu ibsiif. (Rom. 7:22, 23) Fedhii yaada garaasaaniitiin moʼamanii cubbuu raawwachuurraa akka of qusatan akeekkachiisi.—Fak. 3:5, 6; 28:26; Er. 17:9, 10.

Namni tokko wanta tokko raawwachuuf kan isa kakaase maal akka taʼe akka of qoru jajjabeessi. ‘Kana gochuu kanan barbaade maaliifi? Wantoota Yihowaan hanga harʼaatti naa godheef dinqisiifannaa guddaa akkan qabu kan argisiisudhaa?’ jedhee akka of gaafatu isa barsiisi. Walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabu, wanta kamirrayyuu kan caalu taʼuusaa akka hubatu gargaaruudhaan amantiisaa cimsuuf carraaqqii godhi.

Dhaggeeffattoonni ‘garaa guutuudhaan’ Yihowaa tajaajiluun baayʼee barbaachisaa taʼuusaa akka hubatan gargaari. (Luq. 10:27) Kana jechuun, miira, fedhiifi keessa namummaasaanii hunda daandii Waaqayyoo wajjin walsimsiisuu qabu jechuudha. Kanaaf wantoota raawwatan qofa utuu hin taʼin, abboommii Waaqayyo kenneef maaltu akka itti dhagaʼamu, akkasumas isa tajaajiluuf wanti isaan kakaase maal akka taʼe qoruu akka qaban isaan barsiisi. (Far. 37:4) Wanti fooyyessuu qaban akka jiru yoo hubattemmoo, “Maqaa kee safeeffachuufis nama garaa tokkichaa na godhi!” jedhanii Yihowaa akka kadhatan jajjabeessi.—Far. 86:11.

Baratichi Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu yoo dandaʼe, waan ati itti himteef utuu hin taʼin garaasaatii kakaʼee Waaqayyoof abboomama. Yoo akkas taʼe baratichi ofiisaatiin kakaʼee, ‘Wanta gooftaatti tolu qoree bira gaʼa.’ (Efe. 5:10; Filp. 2:12) Akkasitti garaadhaa kakaʼee abboomamuunsaa Yihowaa gammachiisa.—Fak. 23:15.

Yaada namootaa miijanuudhaan isaa wajjin walitti dhufeenya akka qabaatan ofitti kan isaan harkisu Yihowaa akka taʼe hin dagatin. (Fak. 21:2; Yoh. 6:44) Wanti nurraa barbaadamu tokkummaadhaan isaa wajjin hojjechuu qofadha. (1 Qor. 3:9) Akkas yoo goone, “Waaqayyos karaa keenya . . . in dhageessifata” jechuudha. (2 Qor. 5:20; HoE. 16:14) Macaafa Qulqulluutti fayyadamnee yommuu barsiisnu, Yihowaan wanti dhaggeeffattoonni dhagaʼan deebii gaaffii ykn deebii kadhannaasaanii akka taʼe akka hubatan garaasaanii bana malee, dhugaa akka fudhatan isaan hin dirqisiisu. Yeroo barsiistu hundumaatti haqa kana yaadachuudhaan, Yihowaan akka si geggeessuufi akka si gargaaru kadhadhu.—1 Sen. 29:18, 19; Efe. 1:16-18.

FOOYYEESSUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

  • Jaalala dhugaa qabaadhu.

  • Wanta ilaalcha nama si dhaggeeffatuurratti dhiibbaa geessise hubadhu.

  • Amalawwan Yihowaa warra gaarii jabeessii ibsi.

  • Dhaggeeffattoonni akkamitti of qoruufi of sirreessuu akka dandaʼan isaan hubachiisi.

GILGAALA: (1) Maatewos 6:21 erga dubbistee booda, akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessu yaadi. Mat 6 Lakkoofsa 19⁠fi 20 erga dubbistee boodammoo, garaankee sirreeffama akkamii gochuuf akka si kakaase yaadi. (2) Jalqabarratti Yihowaa tajaajiluuf wanti si kakaase maal akka ture yaadi. Yeroo ammaattoo Yihowaa akka tajaajiltu kan si kakaasu maalidha? Kakaʼumsi, inni Yihowaa gammachiisu, akkasumas ati caalaatti guddifachuu barbaaddu isa kami?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi