LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/15 ful. 2
  • Garaa Namoota Barsiisnuu Tuquu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Garaa Namoota Barsiisnuu Tuquu Kan Dandeenyu Akkamitti?
  • Tajaajila Mootummaa—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Garaa Namootaa Tuquuf Carraaqii Gochuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Dandeettii Ittiin Barsiistu Guddifadhu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Namootaaf Akka Yaannu Argisiisuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • ‘Garaa Guutuudhaan’ Akka Abboomamaniif Warra Kaan Gargaaraa
    Tajaajila Mootummaa—2005
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2015
km 10/15 ful. 2

Garaa Namoota Barsiisnuu Tuquu Kan Dandeenyu Akkamitti?

1. Barumsi Yesus namoota isa dhaggeeffatan irratti dhiibbaa akkamii geessiseera?

1 Yesus Kiristos garaa namoota isa dhaggeeffatanii ni tuqa ture. Yeroo tokko, Kitaaba Qulqulluu erga isaaniif ibsee booda garaan barattoota isaa “in raafame.” (Luq. 24:32) Waaqayyoof ajajamuun garaa keessaa dhufuu kan qabu waan taʼeef, namoonni barsiisnu jireenya isaanii keessatti jijjiirama akka godhan miira isaanii kakaasuu kan dandeenyu akkamitti?—Rom. 6:17.

2. Mallii fi hubannaan garaa nama tokkoo tuquu irratti gaʼee akkamii qabu?

2 Malaa Fi Hubannaa Qabaadhu: Namoonni hedduun wanta sirrii ykn wanta dogoggora taʼe isaanitti himuun qofa jijjiirama akka godhan hin kakaasu. Amantii isaanii caqasawwan hedduudhaan diiguuf yaalii gochuun nu irraa isaan fageessuu dandaʼa. Namni tokko jijjiirama akka godhu kakaasuuf, jalqaba sababii wanta tokko itti amanuu fi itti godhu hubachuu qabna. Gaaffiiwwan malaan qophaaʼanii fi yaada isaa hubachuuf filatamanii dhihaatan wanta garaa isaa keessa jiru akka ibsu isa jajjabeessuu dandaʼu. (Fak. 20:5) Dubbii Waaqayyoo keessaa odeeffannoo garaa isaa tuqu filachuu kan dandeenyu kana yoo goone qofa dha. Kanaaf, akka isaaniif yaadnu argisiisuu, akkasumas obsa qabeeyyii taʼuu qabna. (Fak. 25:15) Saffisni namoonni guddina hafuuraa itti godhan garaa gara taʼuu isaa yaadadhu. Hafuurri Yihowaa yaada isaanii fi gocha isaanii irratti jijjiirama akka godhu yeroo kenniif.—Mar. 4:26-29.

3. Namoonni barsiisnu amalawwan gaggaarii akka horatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

3 Amalawwan Gaggaarii Akka Horatan Isaan Gargaaraa: Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu, waaʼee gaarummaa fi jaalala Yihowaa ibsan, namoonni barsiisnu amalawwan gaggaarii akka horatan gargaaruu dandaʼu. Waaqayyo tokkoon tokkoon keenyaaf hangam akka yaadu ibsuuf, caqasawwan akka Faarfannaa 139:1-4 ykn Luqaas 12:6, 7 jiranitti fayyadamuu dandeenya. Namoonni dinqisiifannaa gaarummaa Yihowaa isa guddaatiif qaban yommuu guddifatan, jaalalli isaanii fi fedhiin Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuuf qaban ni guddata. (Rom. 5:6-8; 1 Yoh. 4:19) Akkasumas, amalli isaanii Yihowaa akka tuqu yommuu hubatan, karaa isa gammachiisuu fi isaaf ulfina fiduun jiraachuuf tarkaanfii akka fudhatan isaan kakaasuu dandaʼa.—Far. 78:40, 41; Fak. 23:15.

4. Tajaajila keenya irratti yommuu namoota barsiisnu mirga namni tokko filannoo gochuuf qabu akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Yihowaan ajajawwan isaatiif akka ajajamu eenyuun iyyuu hin dirqisiisu. Kanaa mannaa, gorsa isaa hordofuun ogummaa akka taʼe itti argisiisuudhaan namoonni akka isaaf ajajaman barbaada. (Isa. 48:17, 18) Karaa murtoo mataa isaanii irra akka gaʼan gargaaruun namoota yommuu barsiisnu fakkeenya Yihowaa hordofaa jirra jechuu dha. Namoonni ofuma isaaniitiin kakaʼanii jireenya isaanii keessatti jijjiirama gochuun akka isaan barbaachisu yommuu amanan, faayidaa yeroo hedduu isaan gargaaru argatu. (Rom. 12:2) Akkasumas Yihowaa isa ‘garaa namaa qorutti’ caalaatti akka dhihaatan godha.—Fak. 17:3.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi