BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAKKEENYA 27-31
Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Haadha Manaa Mana Ishii Qabuu Dandeessuu Ibsa
Fakkeenyi boqonnaa 31 gorsa gaarii haati Lemuʼel Mootichaa isaaf kennite kan qabate dha. Gorsi gaarii ishiin isaaf kennite wanta haadha manaa mana ishii qabuu dandeessu tokko irraa eegamu isa hubachiiseera.
Haati manaa mana ishii qabuu dandeessu ni amanamti
Abbaa manaa ishiitiif kan bitamtu taʼus, murtoo maatichaa keessatti yaada gaarii kenniti
Abbaan manaa ishii murtoo gaarii gochuu akka dandeessu waan amanuuf, wanta hunda irratti heyyama akka isa gaafattu hin eegu
Haati manaa mana ishii qabuu dandeessu ciminaan hojjetti
Maatiin ishii uffata qulqulluu fi gaarii akka uffatan, akkasumas nyaata gaʼaa akka argataniif qarshii ni qusatti, wanta qabduttis ni gammaddi
Ciminaan hojjetti, halkanii fi guyyaas maatii ishii ni kunuunsiti
Haati manaa mana ishii qabuu dandeessu nama hafuuraati
Waaqayyoon ni sodaatti, isaa wajjinis hariiroo gaarii ni qabaatti