Nagaa Waggaa Kumaafi Sana Booda Jiru!
“Waaqayyo hundumaaf waan hundumaa in taʼa.”—1 QOR. 15:28, NW.
1. ‘Tuutni sonaan baayʼee’ wanta dinqisiisaa akkamii eeggatu?
MOOTUMMAAN humna guddaa qabuufi mootii gaarii namaa yaadu tokkoon geggeeffamu, warra isa jalatti bulaniif, waggaa kuma keessatti wanta inni gochuu dandaʼu mee tilmaamaa! “Tuuta sonaan baayʼee” warra “rakkina guddaa” isa sirna hamaa kana guutummaatti balleessu jalaa oolan wanta dinqisiisaatu isaan eeggata.—Mul. 7:9, 14.
2. Waggoota 6,000n darban keessatti ilmaan namootaarra maalfaatu gaʼe?
2 Waggoota 6,000n darbanitti carraaqqiin namoonni ofiin of bulchuuf godhan, ilmaan namootaarratti dhiphinaafi roorroo hangana hin jedhamne geessiseera. Macaafni Qulqulluun bara dheeraa dura, ‘Inni tokko warra kaanirratti kan moʼu isaan miidhuuf’ akka taʼe dubbateera. (Lal. 8:9) Haalli yeroo harʼaa jiruhoo maal fakkaata? Waraanaafi jeequmsa jiran dabalatee, rakkinni, dhukkubni mancaʼiinsi naannoo, jijjiiramni haala qilleensaafi kanneen biroon hubaatii guddaa geessisaa jiru. Jijjiirama guddaafi lafti akka hin mancaane gochuu baannaan miidhaa cimaan gaʼuu akka dandaʼu abbootiin taayitaa ni akeekkachiisu.
3. Bulchiinsa Waggaa Kumaa keessatti maalfaatu raawwatama?
3 Bulchiinsa Yesus Mooticha isa Masiihii taʼeefi namoota 144,000 isaa wajjin bulchan jalatti, Mootummaan Waaqayyoo hubaatii namootaafi lafa ishee iddoo jireenyasaanii taaterra gaʼe hunda sadarkaa sadarkaadhaan balleessa. Abdii dinqisiisaa Yihowaan, “Ani bantiiwwan waaqaa haaraa fi lafa haaraa nan uuma; wanti dur taʼe hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu” jechuudhaan kenne Bulchiinsa Waggaa Kumaa keessatti raawwatama. (Isa. 65:17) Dhugumayyuu gara fuulduraatti wanta dinqisiisaa hanga ammaatti hin taʼin jirutu raawwatama! Mee raajii Dubbii Waaqayyoo keessa jirutti fayyadamuudhaan wantoota gara fuulduraatti raawwatamaniifi ‘ijaan hin argamne’ muraasa haa qorru.—2 Qor. 4:18.
‘MANA IN IJAARRATU WAYINIIS IN DHAABBATU’
4. Yeroo harʼaa mana jireenyaa argachuu ilaalchisee namoota hedduu rakkina akkamiitu isaan mudata?
4 Namni mana dhuunfaa qabaatee maatiisaa wajjin nagaafi tasgabbiin keessa jiraachuu hin barbaanne hin jiru. Taʼus yeroo harʼaa mana jireenyaa mijataa taʼe argachuun baayʼee rakkisaadha. Namoonni magaalaawwan uummanni garmalee itti heddummatan keessa jiraatu. Hedduunsaanii magaalaa manneetii dhiphoo walitti siqanii ijaaramaniifi qulqullina hin qabne keessa jiraachuuf dirqamaniiru. Mana dhuunfaa qabaachuun abjuu isaanitti taʼeera.
5, 6. (a) Isaayaas 65:21fi Miikiyaas 4:4 raawwiisaanii kan argatan akkamitti? (b) Eebba kana argachuu kan dandeenyu akkamitti?
5 Raajiin karaa Isaayaas dubbatame, “Isaan mana ijaarratanii keessa in jiraatu, muka wayniis dhaabbatani ija isaa in nyaatu” waan jedhuuf, Mootummaa Waaqayyoo jalatti fedhiin namoonni hundi mana dhuunfaa argachuuf qaban ni guutamaaf. (Isa. 65:21) Taʼus mana dhuunfaasaanii qabaachuun qofti gaʼaa miti. Yeroo harʼaa namoonni tokko tokko mana dhuunfaasaanii keessa jiraatu; muraasnimmoo mana baayʼee balʼaa taʼe qabu. Haataʼu malee, liqii ittiin ijaaran kaffaluu dadhabuun ykn hattuudhaan saamamuun waan jiruuf, yeroo baayʼee wantoonni kun isaan dhiphisuu dandaʼu. Mootummaa Waaqayyoo jalatti garuu wanti hundi kanarraa adda taʼa. Miikiyaas raajichi, “Isaan adduma addaan muka waynii isaanii jala, harbuu isaanii jalas in taaʼu; namni tokko illee isaan hin sodaachisu” jechuudhaan barreesseera.—Mik. 4:4.
6 Eebba akkasii argachuuf maal gochuu qabna? Hundi keenyayyuu mana jireenyaa mijataa taʼe argachuu akka barbaannu beekamaadha. Taʼus, tarii liqii hin barbaachifne keessa galuudhaan mana akkasii ammuma ijaarrachuuf hawwuu mannaa, abdii Yihowaan kennerratti xiyyeeffachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Wanta Yesus ofiisaa ilaalchisee, “Waangonni boolla qabu, simbirroonnis mannʼee qabu; ilmi namaa garuu iddoo mataa isaa itti hirkifatu hin qabu” jechuudhaan dubbate yaadadhaa. (Luq. 9:58) Yesus, dandeettiifi humna mana mijataa eenyuyyuu ijaarrachuu hin dandeenye ijaarrachuuf isa gargaaru qaba ture. Maarree maaliif ijaarrachuu dhiise? Wanta fedhii Mootummichaatiif dursa kennuurraa yaadasaa hihhiru kamirraayyuu fagaachuu barbaadee waan tureefidha. Ija fayyaa qabaachuudhaan qabeenyaaf iddoo guddaa kennuun dhiphina keessa akka nu hin galchineef fakkeenya Yesus hordofuu ni dandeenyaa?—Mat. 6:33, 34.
“YEEYYII FI ILMOON HOOLAA WALII WAJJIN IN SOORATU”
7. Yihowaan jalqabarratti ilmaan namootaafi bineensota gidduu hariiroon akkamii akka jiraatu godhee ture?
7 Yihowaan wanta hunda lafarratti erga uumee booda dhumarratti nama isa uumamasaa hundumaa caalu uume. Yihowaan Ilmasaa isa angafaafi hojjetaasaa Guddicha taʼeen akkas jedheen: “Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in umnaa! Isaan qurxummii galaanaa irratti, simbiraa fi allaattii qilleensa keessa balaliʼan irratti, horii qeʼee irratti, bineensa lafaa hundumaa irratti, munyuuqaa lafa irra munyuuqu hundumaa irrattis mootummaa haa qabaatan!” (Uma. 1:26) Haala kanaan Addaamiifi Hewwaan, yeroo boodammoo ilmaan namootaa hundi bineensota akka bulchan aboon kennameefii ture.
8. Yeroo harʼaa bineensonni amala akkamii qabu?
8 Dhugumaan ilmaan namootaa bineensota hunda toʼachuufi nagaadhaan walii wajjin jiraachuu ni dandaʼuu? Namoonni hedduun sareefi adurree guddisanii wajjin haalaan walitti dhihaatu. Haataʼu malee bineensota bosonaa wajjinoo walitti siquu ni dandaʼuu? Gabaasni tokko, “Saayintiistonni bineensotaa wajjin akka gaariitti walitti dhihaachuudhaan waaʼeesaanii qoratan, hoosiftoonni hundi miira akka qaban” ibseera. Bineensonni siʼa doorsifamanitti yeroo isaan sodaatan, akkasumas yeroo isaan aaran akka arginu beekamaadha. Haataʼu malee bineensonni jaalala akka qaban argisiisuu ni dandaʼuu? Gabaasni kun itti fufuudhaan, “Jaalalli cimaan hoosiftoonni ilmooleesaaniitiif qaban jaalala argisiisuuf dandeettii guddaa akka qaban kan argisiisudha” jedheera.
9. Gara fuulduraatti bineensonni jijjiirama akkamii argisiisu?
9 Kanaaf, ilmaan namootaafi bineensota gidduu nagaan jiraachuu akka dandaʼu ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu yommuu dubbisnu nu dinqisiisuu hin qabu. (Isaayaas 11:6-9; 65:25 dubbisi.) Maaliif? Wanta Yihowaan Bishaan Badiisaa booda Nohiifi maatiinsaa markaba keessaa erga baʼanii booda, ‘Surraan keessan bineensa lafaa hundumaa haa sodaachisu, haa naasisus!’ jechuudhaan Nohitti hime yaadadhaa. Bineensonni nama kan sodaatan kanaafidha. (Uma. 9:2, 3) Maarree Yihowaan kaayyoosaa jalqabaa galmaan gaʼuuf sodaa akkasii balleessuu hin dandaʼuu? (Hos. 2:18) Dhugumayyuu namoota yeroo sana lafarra jiraataniif kun wanta gammachiisaadha.
“INNI IMIMMAAN HUNDUMAA . . . IN HAQA”
10. Ilmaan namootaa imimmaan kan dhangalaasan maaliifi?
10 Solomoon, “Cunqurfamuu aduu jalatti taʼaa jiru hundumaa deebiʼee ilaaluutti nan kaʼe; imimmaan warra cunqurfamaniis nan arge, namni isaan jajjabeessu immoo tokko illee hin jiru. Humni gara warra isaan cunqursanii waan jiruuf, namni isaan jajjabeessu tokko illee hin jiru” jechuudhaan dubbateera. (Lal. 4:1) Haalli yeroo ammaa jirummoo kanarrayyuu kan caaludha. Yeroo harʼaa namni gadda isarra gaʼeen imimmaansaa hin dhangalaasne hin jiru. Yeroo tokko tokko namoonni gammaduu isaaniirraan kan kaʼe akka booʼan beekamaadha. Haataʼu malee dimshaashumatti namoonni imimmaan kan dhangalaasan gadduu isaaniirraan kan kaʼedha.
11. Seenaan Macaafa Qulqulluu baayʼee si tuqu kamidha?
11 Seenaa hedduu Macaafa Qulqulluu keessaa dubbisnuufi xiyyeeffannaa keenya hawwatan mee yaadaa. Saaraan umrii waggaa 127tti yommuu duute, ‘Abrahaam isheedhaaf gadduufi booʼuuf ol in gale.’ (Uma. 23:1, 2) Naaʼomiin haadhotiin manaa ilmaanshee lamaan akka deemaniif yommuu isaan geggeessuuf jettu, “isaan sagalee isaanii guddisanii in booʼan,” akkasumas “sagalee isaanii guddisanii walitti booʼan.” (Rut. 1:9, 14) Hisqiyaas Mootichi yommuu dhukkubsatee duʼuuf jedhetti, ‘booʼicha guddaa booʼee’ Waaqayyotti kadhannaa kan dhiheesse yommuu taʼu, kunimmoo garaa Yihowaa tuqee taʼuu dandaʼa. (2 Mot. 20:1-5) Phexros ergamaan Yesusiin erga ganee booda wanta inni godhe ennaa yaadannu garaan hunda keenyaa ni tuqama. Iyya indaanqoo yommuu dhagaʼu “gad baʼe mararamee booʼe.”—Mat. 26:75.
12. Mootummaan Waaqayyoo ilmaan namootaatiif nagaa dhugaa kan argamsiisu akkamitti?
12 Haalli gaddisiisaan nu mudatu xinnoos taʼe guddaa, hundi keenya jajjabinni nu barbaachisa. Macaafni Qulqulluun, “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebiʼee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis siʼachi hin jiru!” waan jedhuuf, Bulchiinsi Waggaa Kumaa namoota isa jalatti bulaniif gadda akkasii hambisa. (Mul. 21:4) Booʼichi, waraansiifi gaddi kan badan taʼuunsaanii kan nama gammachiisu siʼa taʼu, abdiin Waaqayyo kenne duʼa isa diina ilmaan namootaa taʼe balleessuullee kan dabalatudha. Kun kan taʼu akkamitti?
“WARRI DUʼANII AWWAALAMAN . . . AWWAALA KEESSAA IN BAʼU”
13. Addaam erga cubbuu hojjetee kaasee duuti ilmaan namootaarratti miidhaa akkamii geessiseera?
13 Addaam erga cubbuu hojjetee kaasee duuti ilmaan namootaarratti moʼaa tureera. Duuti diina moʼuun hin dandaʼamne, ilmaan namootaa cubbamoo taʼan jalaa baʼuu hin dandeenyeefi gadda cimaa geessisudha. (Rom. 5:12, 14) Dhugumayyuu namoonni miliyoona hedduutti lakkaaʼaman “duʼa sodaachuudhaan bara isaanii guutuu garbummaa jala jiraat[u].”—Ibr. 2:15.
14. Gara fuulduraatti ennaa duuti golgoleeffamu wanta akkamiitu taʼa?
14 Macaafni Qulqulluun ‘hundumaa booddee diinni keenya duuti kan golgoleeffamu’ taʼuusaa dubbata. (1 Qor. 15:26) Gareewwan qophii kanarraa faayidaa argatan lama caqasuun ni dandaʼama. ‘Tuutni sonaan baayʼeen’ yeroo harʼaa jiran jireenya dhuma hin qabne argachuudhaan badiisarraa oolanii addunyaa haaraatti galuu dandaʼu. Namoonni biliyoona hedduutti lakkaaʼamaniifi duʼanis duʼaa ni kaafamu. Tuutni sonaan baayʼeen warra duʼaa kaafaman yommuu simatan gammachuun hangamii akka taʼu mee tilmaamaa! Waaʼee namoota duʼaa kaafamaniifi Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffaman tokko tokkoo qoruun keenya duʼaa kaʼuun maal akka argamsiisu tilmaamuuf nu gargaara.—Maarqos 5:38-42; Luqaas 7:11-17 dubbisi.
15. Michuuwwankee duʼan yommuu kaʼan maaltu sitti dhagaʼama?
15 Mee jechoota “isaan guddaa gammadanii of wallaalan” akkasumas “Waaqayyoof hooqubaa dhiʼeessan” jedhan hubadhaa! Namoonni kun yeroo duʼaa kaʼan utuu achi jiraattanii isinis akkasuma akka gootan hin shakkisiisu. Michuuwwan keenya duʼan yeroo isaan kaʼan arguun keenya gammachuu guddaan akka nutti dhagaʼamu kan godhu taʼuunsaa beekamaadha. Yesus, “Warri duʼanii awwaalaman sagalee isaa yeroon itti dhagaʼan in dhufa. Isaan awwaala keessaa in baʼu” jedheera. (Yoh. 5:28, 29) Yeroo ammaatti ‘wantoota ijaan hin argamneefi’ gara fuulduraatti raawwataman eenyu keenyallee kan hin argine taʼus, haalli akkasii kun dinqisiisaa akka taʼu beekamaadha.
“WAAQAYYO HUNDUMAAF WAAN HUNDUMAA IN TAʼA”
16. (a) Waaʼee eebba gara fuulduraatti argannuu miira hoʼaadhaan dubbachuu kan qabnu maaliifi? (b) Phaawulos, Kiristiyaanota Qorontos keessa jiraatan maal jedhee jajjabeesse?
16 Guyyoota gara dhumaa yeroo sodaachisaa kanatti, namoota Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachuusaanii itti fufan abdii dinqisiisaatu isaan eeggata. Hanga yoonaatti wantoonni dinqisiisoon kun raawwatamuu baatanis, wantoota kana yaadatti qabachuun keenya wanti baayʼee barbaachisaa taʼe isa kam akka taʼe yaaduufi wantoota sirna biyya lafaa kanaa yaada keenya hiranirraa fagaachuuf nu gargaaru. (Luq. 21:34; 1 Xim. 6:17-19) Yeroo waaqeffannaa maatii goonu, namoota hidhata amantii keenyaa wajjin haasofnu, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiifnuufi warra fedhii argisiisanii wajjin mariʼannu, abdii dinqisiisaa qabnu ilaalchisee miira hoʼaadhaan haa dubbannu. Akkas gochuun keenya abdiin keenya akka nuu dhugoomu gochuuf nu gargaara. Phaawulos ergamaan kana gochuudhaan Kiristiyaanota hidhatasaa taʼan jajjabeesseera. Bulchiinsa Kiristos Waggaa Kumaa booda wantoota raawwatamanirratti akka xiinxalan isaan gargaareera. Mee jechoota Phaawulos dubbateefi 1 Qorontos 15:24, 25, 28 irra jiran akka gaariitti hubachuuf yaalaa. (Dubbisi.)
17, 18. (a) Jalqaba seenaa ilmaan namootaarratti Yihowaan ‘hundumaaf waan hundumaa’ kan ture akkamitti? (b) Yesus tokkummaa addaan citee ture deebisuuf maal godha?
17 Jireenya gaarii waggaa kuma booda jiru ibsuuf jechi “Waaqayyo hundumaaf waan hundumaa in taʼa” jedhu caalu hin jiru. Akkas jechuun maal jechuudha? Addaamiifi Hewwaan warri mudaa hin qabne Eeden keessatti miseensa maatii Yihowaa uumama cufaa taʼuudhaan nagaadhaan akkamitti jiraachaa akka turan mee yaadaa. Yihowaa inni Uumama Cufarratti Olaanaa taʼe uumamawwansaa hunda jechuunis ergamootaafi ilmaan namootaa kallattiidhaan bulchaa ture. Kallattiidhaan Yihowaa wajjin haasaʼu; isa waaqeffatu; eebbasaas argatu turan. Kanaaf, Yihowaan “hundumaaf waan hundumaa” taʼee ture.
18 Hariiroo gaariin qaban kun yommuu Seexanni Addaamiifi Hewwaan olaantummaa Yihowaarratti akka kaʼan godhetti addaan citeera. Haataʼu malee, bara 1914 kaasee Mootummaan Masiihichaa tokkummaa addaan citee ture kana iddoosaatti deebisuuf sadarkaa sadarkaadhaan tarkaanfii fudhachaa jira. (Efe. 1:9, 10) Bulchiinsa Waggaa Kumaatti wantoonni yeroo harʼaa ‘ijaan hin argamneefi’dinqisiisoo taʼan ni raawwatamu. Achiis “dhumni” jechuunis Barkumeen Bulchiinsa Kiristos ni raawwatama. Sana boodahoo maaltu taʼa? ‘Gooftummaan hundinuu waaqaafi lafarratti” isaaf kennamus, Yesus iddoo Yihowaa fudhachuu hin barbaadu. Aangoo Yihowaan qabu fudhachuufis hin yaadu. Kanaa mannaa gad of deebisuudhaan “mootummicha deebisee Waaqayyo abbaatti [kenna].” Iddoofi aboo addaa qabu ‘ulfina Waaqayyootiif’ itti fayyadama.—Mat. 28:18; Filp. 2:9-11.
19, 20. (a) Namoonni Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan hundi olaantummaa Yihowaa fudhachuufi dhiisuusaanii mirkaneessuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Abdii dinqisiisaa akkamii eegganna?
19 Yeroo sana namoonni Mootummicha jalatti bulaniifi lafarra jiraatan cubbuurraa walaba taʼu. Fakkeenya Yesus hordofu; gad of deebisuufi fedhaan olaantummaa Yihowaa deggeru. Karaa milkaaʼina qabuun qorumsa xumuraa moʼuudhaan, kana gochuuf fedhii akka qaban argisiisuuf carraa argatu. (Mul. 20:7-10) Sanaan booda, ilmaan namootaafi ergamoonni fincila kaasan hundi barabaraaf balleeffamu. Yeroon sun yeroo baayʼee nama gammachiisudha! Maatiin uumama cufaa, Yihowaa isa “hundumaaf waan hundumaa” taʼu gammachuudhaan faarfata.—Faarfannaa 99:1-3 dubbisi.
20 Wantoonni dinqisiisoon Mootummichi dhiheenyatti raawwatu fedha Waaqayyoo raawwachuurratti akka xiyyeeffattan isin hin kakaasuu? Abdii sobaafi jireenya qananii biyyi lafaa Seexanni bulchu dhiheessuun yaanni keessan akka hin hihhiramne irraa fagaachuu dandeessuu? Ejjennoo olaantummaa Yihowaa deggeruuf qabdan jabeeffachaa jirtuu? Barabaraaf akkas gochuu kan barbaaddan taʼuu keessan hojiidhaan argisiisaa. Yoo akkas gootan, bulchiinsa waggaa kumaafi sana boodas barabaraaf nagaafi badhaadhina argattu.