AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Yeroo Hunda Yihowaa Akka Tajaajilan Isaan Leenjisaa
Babalʼistoonni haaraan yeroo hunda hinaaffaadhaan tajaajila irratti akka hirmaataniif jalqabumaa kaasee leenjii kan argatan yoo taʼe, yeroo baayʼee buʼa qabeeyyii akka taʼan muuxannoowwan ni argisiisu. (Fak 22:6; Flp 3:16) Namni Kitaaba Qulqulluu qoʼatu tokko, gama tajaajilaatiin buʼuura gaarii akka qabaatu karaawwan itti gargaaruu dandeessu tokko tokko armaan gaditti ibsamaniiru:
Namni ati qoʼachiistu babalʼisaa akka taʼuuf yommuu isaaf heyyamamee jalqabii leenjisi. (km 8/15 1) Sagantaa torbaniif baafatu keessatti tajaajilaaf yeroo ramaduun isaa barbaachisaa taʼuu isaa irra deddeebiʼii itti himi. (Flp 1:10) Waaʼee naannoo tajaajilaa yommuu dubbattu wanta nama jajjabeessu dubbadhu. (Flp 4:8) Muuxannoo warra kaanii irraa faayidaa argachuu akka dandaʼutti ilaaltuu ol aanaa garee tajaajilaa fi babalʼistoota kaanii wajjin akka tajaajilu isa jajjabeessi.—Fak 1:5; km 10/12 6 key. 3
Erga cuuphamee boodas isa jajjabeessuu fi tajaajila irratti isa leenjisuu kee hin dhaabin; keessumaa immoo kitaaba “Jaalala Waaqayyoo” jedhamu qoʼatee hin xumurre taanaan, akkas gochuun kee baayʼee barbaachisaa dha.—km 12/13 7
Babalʼisaa haaraa wajjin yommuu tajaajiltu ittiin lixa salphaa taʼetti fayyadami. Ittiin lixa inni itti fayyadame erga dhaggeeffattee booda isa jajjabeessi. Yaadawwan caalaatti buʼa qabeessa taʼuuf isa gargaaran isaaf kenni.—km 5/10 7