-
Sagantaa Torban Muddee 30 JalqabuTajaajila Mootummaa—2013 | Muddee
-
-
Sagantaa Torban Muddee 30 Jalqabu
TORBAN MUDDEE 30 JALQABU
Faarfannaa 43fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 17 key. 1-8fi ful. 168 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Mul. 15-22 (Daq. 10)
□ Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii (Daq. 20)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: “‘Amantii Keessa Jabaatanii Akka Dhaabatan’ Isaan Gargaaraa.” Haasaadhaan kan dhihaatu. Achiis barruuleetti fayyadamuudhaan hojiin argisiisni gabaabaan jiʼa Amajjii Sanbadduraa isa jalqabaatti akkamitti qayyabannaa jalqabsiisuun akka dandaʼamu argisiisu akka dhihaatu godhi. Hundumtuu hirmaannaa gaarii akka godhan jajjabeessi.
Daq. 10: Ijoolleen Keessan Babalʼistoota Akka Taʼan Gargaaraa. Haasaa kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuu (Amaariffa) jedhamu fuula 82, keeyyata 1fi 2rratti hundaaʼee dhihaatu. Warra mucaa babalʼisaa hin cuuphamin taʼe qabaniifi fakkeenya taʼaniif gaafannoo godhi. Mucaansaanii babalʼisaa hin cuuphamne taʼuuf gaʼumsa akka qabaatu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
Daq. 10: Matumaa Qofaa Keenya Miti. (2 Mot. 6:16) Kitaaba Waggaa 2013 (Ingiliffa) fuula 48, keeyyata 1-3rratti hundaaʼee mariidhaan kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni barumsa argatan akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 20fi Kadhannaa
-
-
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila TiʼookraasiiTajaajila Mootummaa—2013 | Muddee
-
-
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Muddee 30, 2013 jalqabutti kan irratti mariʼatamudha. Mana barumsaa kanaaf torban torbaniin qophaaʼuuf akka gargaarutti, guyyaan barumsichi itti fudhatamu caqasameera.
1. Bulchitoota mootummaa wajjin hariiroo qabnuun gaarummaa argisiisuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? (Tit. 3:2) [Sad. 4, w03-AM 4/1 ful. 25 key. 18-19]
2. Wanta Phaawulos Filemonitti dubbateefi Filemon 4, 5fi 7rratti argamurraa maal baranna? [Sad. 4, w08 10/15 ful. 31 key. 2, 3; w92-E 4/15 ful. 25 key. 2]
3. Gara boqonnaa Waaqayyootti galuu kan dandeenyu akkamitti? (Ibr. 4:9-11) [Sad. 11, w11 7/15 ful. 28 key. 16, 17]
4. Saamuʼel, abboota firdiifi raajota amanamoon kaan “waan qajeelaa hojii irra oolchan” irraa barumsa akkamii arganna? (Ibr. 11:32, 33) [Sad. 18, w11-AM 1/1 ful. 25 key. 5, 6]
5. Yaaqoob “Ogummaan waaqa irraa . . . hundumaa dura qullaaʼaa dha, akkasumas naga-qabeessa” jedhee yeroo barreessu maal jechuusaati? (Yaq. 3:17) [Sad. 25, w11 8/15 ful. 30-31 key. 15]
6. ‘Warri duʼaniifi wangeelli lallabameef’ eenyufaʼi? (1Phe. 4:6) [Mud. 2, w08 11/15 ful. 21 key. 6]
7. Akkuma Yohannis Isa Duraa 2:7, 8rratti ibsame abboommiin isa “moofaa” fi isa “haaraa” jedhame isa kamidha? [Mud. 9, w08 12/15 ful. 27 key. 6]
8. Maqaan ulfinaa ‘Alfaafi Omeegaa,’ akkasumas ‘Isa duraafi Isa booddee’ jedhu eenyuun argisiisa? (Mul. 1:8, 17) [Mud. 16, w09 1/15 ful. 30 key. 6]
9. Kiristiyaanonni dibamoon ‘mallattoon kan isaanitti godhame’ karaawwan kam lamaaniinidha? (Mul. 7:3) [Mud. 23, w07-AM 1/1 ful. 31 key. 2]
10. Eebbawwan bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti akka raawwataman raajiidhaan dubbataman raawwiisaanii akka argatan mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Kana beekuun keenyahoo nurratti jijjiirama akkamii fiduu qaba? (Mul. 21:5, 6) [Mud. 30, re-AM ful. 303-304 key. 9]
-
-
‘Amantii Keessa Jabaatanii Akka Dhaabatan’ Isaan GargaaraaTajaajila Mootummaa—2013 | Muddee
-
-
‘Amantii Keessa Jabaatanii Akka Dhaabatan’ Isaan Gargaaraa
Waggaa waggaadhaan namoonni 250,000 ol taʼan waan cuuphamaniif, Yihowaan hojii namoota walitti qabuu hedduu eebbisaa akka jiru arguun nama gammachiisa. (Kes. 28:2) Babalʼisaan tokko barataan Macaafa Qulqulluusaa akka cuuphamu erga gargaaree booda, namoota garabiraa gargaaruuf jecha qayyabsiisuusaa dhaabuudhaaf murteessuun baramaa taʼaa waan dhufe fakkaata. Barataan Macaafa Qulqulluu kunis, tajaajilarratti yeroo dabalataa dabarsuuf jecha qayyabannaasaa dhaabuu barbaada taʼa. Haataʼu malee, barattoonni Macaafa Qulqulluu karaa hafuuraa buʼuura cimaa qabaachuunsaanii barbaachisaadha. Kiristosirratti ‘hundeesaanii gad fageeffachuufi’ ‘amantiitti dhaabamuu’ isaan barbaachisa. (Qol. 2:6, 7; 2Xim. 3:12) Kanaaf, barataan Macaafa Qulqulluu tokko erga cuuphamee boodas, kitaabota Barumsa Macaafa Qulqulluufi “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhaman lamaan qayyabatee hanga xumurutti qayyabannaasaa itti fufuu qaba.—Tajaajilla Mootummaa Ebla 2011, fuula 2 ilaali.
-