AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Haalli Keessan Jijjiiramus Karaa Hafuuraa Dammaqoo fi Qophaaʼoo Taʼaa Jiraadhaa
Keessumaa guyyoota gara dhumaa kanatti, jijjiiramni akka hin uumamne gochuun hin dandaʼamu. (1Qo 7:31) Jijjiiramni uumamu kan eegamu ykn kan hin eegamne, gaarii ykn hamaa taʼus, waaqeffannaa keenyatti gufuu taʼuu fi hariiroo Yihowaa wajjin qabnu irratti rakkina uumuu dandaʼa. Yeroo haalawwan jijjiiramanitti karaa hafuuraa dammaqoo fi qophaaʼoo taanee jiraachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Viidiyoo Naannoo Keenya Jijjiirrus Haala Hafuuraa Keenya Eeguu jedhu ilaalaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaalaa:
Obboleessi tokko abbaa tokkoof gorsa akkamii kenne?
Dhugaan buʼuuraa Maatewos 7:25 irratti argamu, haala maatii keessatti hojii irra ooluu kan dandaʼu akkamitti?
Maatichi jijjiirama yeroo gara fuulduraatti taʼuuf dursee karoora akkamii baafate? Kun hoo kan isaan gargaare akkamitti?
Maatichi jijjiirama gumichaa fi naannoo tajaajilaa isaa wajjin haala wal qabateen uumame wajjin akka wal baru kan isa gargaare maali dha?
Jijjiiramawwan guguddaa dhiheenyatti ani godhe:
Wanta na mudatee wajjin haala wal qabateen, dhugaa buʼuuraa viidiyoo kana irraa argadhe hojii irra oolchuu kanan dandaʼu akkamitti?