Dargaggootaa, Guddina Argisiisaa Jirtuu?
1. Dargaggeessi obboleessa ta’e tokko qajeelfama 1 Ximotewos 3:1rra jiru hojiirra oolchuu jalqabuu kan qabu yoomidha?
1 “Namni [guddina argisiisuu] fedhu, hojii ba’eessa hawwa.” (1 Xim. 3:1, NW) Jechoonni geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun, obboloonni guddina argisiisuudhaan gumii keessatti mirga tajaajilaa addaddaarra ga’uuf ga’umsa akka qabaataniif isaan jajjabeessa. Mirga akkasii argachuuf nama guddaa ta’uu qabdaa? Ijoollummaa keetii kaastee guddina argisiisuu jalqabuunkee baay’ee gaariidha. Karaa kanaan leenjii fudhachuudhaan dandeettii yommuu guddattu tajaajilaa gumii ta’uuf si gargaaru argachuu dandeessa. (1 Xim. 3:10) Dargaggeessa cuuphamte yoo taate, guddina argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
2. Amala fedhii ofii aarsaa gochuu guddifachuufi argisiisuun kan danda’amu akkamitti?
2 Fedhii Ofii Aarsaa Gochuu: Guddina argisiisaa kan jirtu ulfina argachuuf utuu hin ta’in, hojii gaariidhaaf akka ta’e yaadadhu. Kanaaf, fedhii obbolootakee gargaaruuf qabdu guddifadhu. Karaa kana gochuu itti dandeessu keessa tokko, fakkeenya Yesusirratti xiinxaluudha. (Mat. 20:28; Yoh. 4:6, 7; 13:4, 5) Warra kaan jaallachuu akka dandeessuuf gargaarsa Yihowaa gaafadhu. (1 Qor. 10:24) Maanguddoota ykn namoota dhukkubsataniifi gumiikee keessa jiran gargaaruu ni dandeessaa? Marga haamuu, mana miicuu ykn karaa kan biraadhaan Galma Mootummaa kunuunsuuf fedhaan of dhiheessitaa? Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti namni kutaa dhiheessu yoo dhibame fedhaan ni dhiheessitaa? Fedhaan of dhiheessuudhaan namoota kaan tajaajiluunkee gammachuu guddaa siif argamsiisa.—HoE. 20:35.
3. Nama hafuuraa ta’uun hammam barbaachisaadha? Ta’uun kan danda’amuhoo akkamitti?
3 Nama Hafuuraa Ta’uu: Kennaa addaa ykn dandeettii uumamaa caalaa wanti tajaajilaa gumii tokkoof barbaachisu nama hafuuraa ta’uudha. Namni hafuuraa dhimma tokkoof ilaalcha Yihowaafi Yesus qaban qabaachuuf carraaqa. (1 Qor. 2:15, 16) Namni akkasii ‘ija hojii hafuuraa’ argisiisa. (Gal. 5:22, 23) Lallabaa wangeelaa hinaaffaadhaan tajaajilu ta’uudhaan fedhii Mootummichaatiif dursa kenna. (Mat. 6:33) Qayyabannaa dhuunfaa walirraa hin cinne qabaachuudhaan amala hafuuraa horachuu ni dandeessa. Kunimmoo guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu, barruu Masaraa Eegumsaafi Dammaqa! maxxansa hunda dubbisuu, walga’iiwwan gumiitiif qophaa’uufi irratti argamuu dabalata. (Far. 1:1, 2; Ibr. 10:24, 25) Phaawulos, Ximotewos karaa hafuuraa guddina akka argisiisu yommuu isa jajjabeessu ‘barsiisakee eeggadhu’ jedhee barreesseefii ture. (1 Xim. 4:15, 16) Kanaaf, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti yommuu kutaan sii kennamu sirriitti qophaa’i. Tajaajilaaf qophaa’i; yeroo hundumaas irratti hirmaadhu. Qajeelchaa ta’uuf, Bet’eliin galtee tajaajiluufi Mana Barumsaa Obboloota Qeenteef qophaa’erratti hirmaachuuf galma baafadhu; galma baafatterra ga’uufis jabinaan hojjedhu. Dandeettii hafuuraa qabaachuun ‘kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaaturraa baqachuuf’ si gargaara.—2 Xim. 2:22.
4. Amanamummaan faayidaa akkamii qaba?
4 Amanamummaa Qabaachuu: Jaarraa jalqabaatti obboloonni Kiristiyaanotaaf nyaata akka hiraniif muudaman ‘maqaa gaarii kan qaban’ jechuunis amanamoo waan turaniif, bartoonni hojichi raawwatamuufi dhiisuusaarratti yaaddoo hin qaban turan. Kunimmoo wantoota barbaachisoo ta’an kan biraarratti xiyyeeffachuuf isaan gargaareera. (HoE. 6:1-4) Kanaaf, Gumii keessatti itti gaafatamummaan tokko yommuu sii kennamu, humnakee guutuudhaan hojjedhu. Fakkeenya Nohi isa qajeelfama markaba ijaaruuf isaaf kenname guutummaatti hojiirra oolchee hordofi. (Uma. 6:22) Amanamummaan Yihowaa duratti bakka guddaa kan qabu ta’uusaarrayyuu, karaa hafuuraa guddina gochuukee kan argisiisudha.—1 Qor. 4:2; saanduqa “Faayidaa Leenjii Argachuun Qabu” jedhu ilaali.
5. Dargaggoonni guddina argisiisuun kan isaan barbaachisu maaliifi?
5 Akkuma raajiidhaan dubbatame, Yihowaan hojiin sassaabuu dafee akka raawwatamu gochaa jira. (Isa. 60:22) Giddu galeessaan namoonni 250,000 ta’an waggaa waggaadhaan ni cuuphamu. Obboloota haaraa gara dhugaatti dhufan kunuunsuuf, obboloonni dandeettii hafuuraa qabaniifi gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuu danda’an ni barbaachisu. Yeroo har’aa Yihowaa tajaajiluu wajjin haala walqabateen isa kanaan duraa caalaa hojiin hojjetamu baay’een jira. (1 Qor. 15:58) Dargaggootaa, guddina argisiisaa jirtuu? Taanaan, hojii gaarii ta’e hojjechuuf fedhii guddaa qabdu jechuun ni danda’ama!
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 2rra jiru]
Obboloota haaraa gara dhugaatti dhufan kunuunsuuf, obboloonni dandeettii hafuuraa qabaniifi gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuu danda’an ni barbaachisu
[Saanduqa fuula 3rra jiru]
Faayidaa Leenjii Argachuun Qabu
Dargaggoonni gumii gargaaruu kan danda’an, jaarsoliin gumii itti gaafatamummaa isaaniif kennuudhaan yoo isaan leenjisanidha. Daawwataan olaanaa aanaa tokko, gumiin erga xumuramee booda waltajjiirra taa’ee babal’isaa tokko jajjabeessaa jira. Mucaa dhiiraa dhihoo dhaabatee isaan eegaa jiru tokko argee ‘Na eegaa jirtamoo?’ jedhee gaafateen. Mucichis yeroo hundumaa erga gumiin xumuramee booda waltajjii sana akka qulqulleessuuf mirgi akka kennameef itti hime. Warrisaa deemuuf jedhu turan; inni garuu hojii isaaf kenname utuu hin xumurin deemuu hin barbaanne. Daawwataan olaanaa sun baay’ee itti gammadee iddoo sana isaaf gad dhiise. Daawwataa olaanaan sun akkas jedhe: “Jaarsoliin gumii sanaa dargaggoota gumii keessa jiraniif itti gaafatamummaa tokko kennuudhaan isaan leenjisuuf yeroo hundumaa dammaqoo turan. Kanaaf, yommuun gumii sana daawwachuuf deemu hundatti, dargaggeessi tokko tajaajilaa gumii akka ta’uuf yaada dhiheessuunsaanii kan hin hafne ture.”