LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • th qayyabannaa 7 ful. 10
  • Sirrii fi Amansiisaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sirrii fi Amansiisaa
  • Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Odeeffannoo Sirrii
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Caqasoota Sirriitti Beeksisuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Gaaffiitti Fayyadamuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
th qayyabannaa 7 ful. 10

QOʼANNAA 7

Sirrii fi Amansiisaa

Caqasa kenname

Luqaas 1:3

YAADA IJOO: Dhaggeeffattoonni kee xumura sirrii taʼe irra akka gaʼan gargaaruuf ragaawwan amansiisaa taʼanitti fayyadami.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Maddeen amansiisaa taʼanitti fayyadami. Yeroo dandaʼamu hundatti kallattiidhaan dubbisuudhaan yaadni kennitu Dubbii Waaqayyoo irratti akka hundaaʼu godhi. Saayinsii dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼe, oduu gabaafame, muuxannoo tokko ykn ragaa gargaaru kan biraa yoo caqaste, maddi odeeffannoo kee amansiisaa fi yeroon kan itti hin darbine taʼuu isaa dursii mirkaneessi.

  • Maddeen odeeffannootti sirriitti fayyadami. Ibsi caqasa irratti kennitu, yaada naannoo isaa jiru, guutummaa ergaa Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota “garbichi amanamaanii fi ogeessi” baasee wajjin kan wal simu akka taʼu godhi. (Mat. 24:45) Maddeen odeeffannoo Kitaaba Qulqulluudhaa ala taʼan yommuu caqastu wanta namni barreesse sun jechuu barbaade utuu hin jijjiirin itti fayyadami.

    Gorsa gaarii

    Wanta raawwatame tokkoo fi wanta lakkoofsaan ibsame tokko arbeessitee hin dubbatin. “Namoota baayʼee” jechuun “namoota gara caalaa isaanii” jechuu akka hin taane, “yeroo baayʼee,” jechuun “yeroo hundumaa,” jechuu akka hin taane akkasumas “hin raawwatamne taʼa” jechuun “hin raawwatamne” jechuu akka hin taane hubadhu.

  • Ragicha akka hubatan gargaari. Caqasa tokko erga dubbistee ykn madda tokko erga caqastee booda, dhaggeeffattoonni kee xumura tokko irra akka gaʼan gargaaruuf gaaffiiwwan malaan qophaaʼan gaafadhu ykn qabxicha fakkeenyaan ibsi.

TAJAAJILA IRRATTI

Lallabaaf yommuu qophooftu, gaaffiiwwan gaafatamuu dandeessu yaadi, akkasumas deebii kennuu dandeessu irratti qorannaa godhi. Namni si dhaggeeffatu gaaffii yoo si gaafatee fi deebii isaa hin beektu yoo taʼe, dhimma sana irratti qorannaa gootee yeroo kan biraa akka deebitu yaada dhiheessi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi