LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr21 Sadaasa ful. 1-11
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Sadaasa 2021

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Sadaasa 2021
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • SADAASA 1-7
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • SADAASA 8-14
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • SADAASA 15-21
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • SADAASA 22-28
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • SADAASA 29–MUDDEE 5
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • MUDDEE 6-12
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • MUDDEE 13-19
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • MUDDEE 20-26
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • MUDDEE 27–AMAJJII 2
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2021
mwbr21 Sadaasa ful. 1-11

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Sadaasa 2021

SADAASA 1-7

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYAASUU 18-19

“Mala Gaarii Yihowaan Laficha Itti Hihhire”

it-1-E 359 key. 1

Daangaa

Gosootaaf lafichi kan hihhiramu wantoota lama, jechuunis buʼaa carraa buusuudhaan argamuu fi baayʼina namootaa gosichi qabu irratti hundaaʼuudhaan ture. Carraan kan gargaaru kallattii tokkoon tokkoon gosaa dhaalan adda baafachuuf qofa ture; akka kanaan dhaalli isaanii lafa kallattii kaabaa ykn kibbaa, bahaa ykn dhihaa, akkasumas dirree qarqara galaanaatti argamu ykn naannoo gaarotaa taʼuu isaa adda baafachuun ni dandaʼama. Murtoon carraadhaan kennamu kan dhufu Yihowaa biraa waan taʼeef, gosoota gidduutti hinaaffaan ykn lolli akka hin jiraanne godha. (Fak 16:33) Akka kanaan Waaqayyo haalli tokkoon tokkoon gosaa mudatu raajii abbaa amantii kan taʼe Yaaqoob hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee dubbatee fi Uumama 49:1-33 irratti galmaaʼee wajjin akka wal simu godheera.

it-1-E 1200 key. 1

Dhaala

Lafa maatii irraa dhaalamu. Ilmaan Israaʼeliif dhaala isaanii kan kenne Yihowaa ture; Inni daangaan biyyichaa hanga eessaatti akka taʼe Museetti himeera. (Lak 34:1-12; Iya 1:4) Museen Ilmaan Gaadiif, ilmaan Ruubenii fi walakkaa gosa Minaaseetiif naannoo gahaa isaanii taʼe isaaniif kennee ture. (Lak 32:33; Iya 14:3) Gosonni hafan immoo qajeelfama Iyyaasuu fi Eleʼazaariin dhaala isaanii carraadhaan fudhataniiru. (Iya 14:1, 2) Raajii Yaaqoob dubbatee fi Uumama 49:5, 7 irra jiru wajjin haala wal simuun, Simiʼoonii fi Leewwiidhaaf kophaatti naannoon isaan dhaalan isaaniif hin kennamne. Lafti Simiʼoniif kenname (magaalota gidduutti argaman dabalatee) lafa Yihudaadhaaf kenname gidduutti argama (Iya 19:1-9); Leewwiidhaaf immoo magaalota guutummaa Israaʼel keessa iddoo adda addaa jiran 48tu isaaf kenname. Leewwonni mana qulqullummaatti tajaajila addaatiif waan muudamaniif, dhaalli isaanii Yihowaadha jedhameera. Tajaajila kennaniif akka gahaa ykn dhaala isaanitti kurnoo fudhatu. (Lak 18:20, 21; 35:6, 7) Maatiiwwan lafti kan isaaniif kennamu naannoo gosa isaanii gidduutti dha. Yommuu lakkoofsi maatiiwwanii dabalaa deemuu fi ilmaan dhaala fudhatanitti, lafichi bakka xinnoo hedduutti qoqqoodamaa deema.

it-1-E 359 key. 2

Daangaa

Carraa buusuudhaan kallattii gosti tokko itti ramadamu erga adda baafatanii booda, naannoon isaa hanga eessaatti balʼachuu akka qabu murteessuuf baayʼina namootaa gosichi qabu ilaaluun barbaachisaa dha. “Maatiiwwan keessaniif lafattii dhaala godhaatii carraadhaan hiraa. Gareewwan guguddaa taʼaniif dhaala hedduu, gareewwan xixinnoo taʼaniif immoo dhaala xinnoo kennaa. Namni hundi bakka carraan isaa irra buʼe ni dhaala.” (Lak 33:54) Iddoon dhaalan carraadhaan kan murteeffamu taʼus, balʼinni dhaala isaanii garuu akkuma haala isaatti sirreeffamuu dandaʼa ture. Akka kanaan, lafti gosa Yihudaatiif kenname baayʼee balʼaa akka taʼe yeroo beekametti, lafa isaa irraa hammi tokko hirʼifamee gosa Simiʼooniif kennameera.—Iya 19:9.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 359 key. 5

Daangaa

Seenaan lafa naannoo dhiha Yordaanos jiru hihhiruu akka agarsiisutti, jalqabaa Yihudaaf (Iya 15:1-63), Yoseefiif (Efreemiif) (Iya 16:1-10), akkasumas walakkaa gosa Minaasee warra dhihaa Yordaanos dhaalaniif (Iya 17:1-13) carraadhaan naannoon dhaalan ni murteeffame daangaa fi magaalonni isaaniis hammi isaanii ni beekame. Kana booda, buufanni Israaʼelotaa Gilgaal irraa gara Shiilootti akka jijjiirame waan ibsameef yeroodhaaf laficha hihhiruun kan addaan cite fakkaata. (Iya 14:6; 18:1) Kun yeroo hammamiitiif akka taʼe hin ibsamne; taʼus booda irratti gosoonni hafan torban laficha hihhirachuu irratti waan harkifataniif Iyyaasuun isaanitti dheekkamee ture. (Iya 18:2, 3) Gosoonni torban laficha hihhirachuu irratti wanta duubatti akka jedhan godhe ilaalchisee yaada garaagaraatu jira; xiinxaltonni tokko tokko akka jedhanitti injifannoo duraan argatan irratti boojuu hedduu argachuun isaanii fi Kanaʼaanonni yeruma sana nu haleelu sodaa jedhu irraa bilisa taʼuun isaanii gosoonni kun lafa isaanii isa hafe fudhachuuf ariifachuun akka isaan hin barbaachisne akka isaanitti dhagaʼamu godheera. Diinota ciccimoo hafan muraasa weeraru irratti rakkina isaan mudatu yaaduunis duubatti akka jedhan gumaacha godhe taʼuu dandaʼa. (Iya 13:1-7) Kana malees, lafa jalqaba hihhiramee irraa haala adda taʼeen, kutaa biyyattii abdachiifamte isa hafe ilaalchisee beekumsi isaan qaban baayʼee muraasa ture.

SADAASA 8-14

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYAASUU 20-22

“Barumsa Dogoggoraan Wal Hubachuu Irraa Argamu”

w06-AM 4/15 5 key. 3

Hiriyaa Gaaʼelaa Kee Wajjin Ifatti Waliin Haasaʼuuf Wantoota Si Gargaaran

Ifatti waliin haasaʼuun dogoggoraan wal hubachuu hambisuu dandaʼa. Seenaan Israaʼelota durii akka argisiisuutti, gosoonni Ruuben, Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee warri bahaa Yordaanos jiraatan Laga Yordaanos biratti “iddoo aarsaa guddaa tokko” ijaaranii turan. Haa taʼu malee, gosoonni kaan gocha isaanii kana karaa dogoggora taʼeen hubatan. Gosoonni kallattii dhihaatiin argaman warri Yordaanos gama jiraatan gocha gantummaa akka raawwatan yaaduudhaan “finciltoota” kana irratti waraana banuuf qophaaʼan. Waraana banuu isaanii dura garuu gosoota kallattii bahaatiin argaman haasofsiisuuf bakka buʼoota isaanitti ergan. Kun tarkaanfii ogummaa irratti hundaaʼe dha! Bakka buʼoonni sunis iddoon aarsaa sun bakka aarsaan seeraan ala taʼe itti dhihaatu akka hin taane hubatan. Kanaa mannaa, gosoonni bahaa kana kan godhan gara fuulduraatti saboonni kaan “Isin Yihowaa biraa qooda hin qabdan” akka isaaniin hin jenne sodaachuudhaan akka taʼe dubbatan. Iddoon aarsaa kun isaanis Yihowaa akka waaqeffatan argisiisa. (Iyyaasuu 22:10-29) Iddoo aarsaa kana ragaa jedhanii kan moggaasan yeroo taʼu, kana kan godhanis Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaa ragaa akka baʼuuf taʼuu hin oolu.—Iyyaasuu 22:34, miiljalee.

w08 11/15 18 key. 5

‘Wanta Nagaaf Ta’u Duukaa Bu’aa!’

Israa’eloonni tokko tokkommoo, dogoggorri raawwatamuusaatiif ragaa ga’aan jira; utuu isaan hin yaadin lola irratti kaasuun gosasaanii keessaa namoonni hedduun akka hin duune gargaara jedhanii yaadanii ta’a. Ta’us, gosonni dhiha Yordaanosiin jiran ariitiin tarkaanfii fudhachuu mannaa, rakkoo uumamerratti obbolootasaanii wajjin mari’achuuf bakka buutota ergan. Isaanis, “Isin attamitti har’a Waaqayyo isa kan Israa’el amanachuu dhiiftanii isa irraa garagaltanii isa irrattis kaatani” jedhanii gaafatan. Dhugaaf taanaan garuu, gosonni iddoo aarsaa hojjetan Waaqayyoon amanachuu dhiisuudhaan isarratti ka’uusaanii hin turre. Ta’us, himata isaanirratti dhihaateef deebii akkamii kennu laata? Namoota kanaaf deebii gadhee kennummoo isaanii wajjin dubbachuu didu laata? Gosonni himataman kun, fedhii Yihowaa tajaajiluuf qabaniin kaka’anii iddoo aarsaa kana akka hojjetan arraba laafaadhaan deebisan. Deebiinsaanii kunis, hariiroon Waaqayyoo wajjin qaban akka hin banne gochuusaarrayyuu, lubbuun akka hin banne gargaareera. Tasgabbiin mari’achuunsaanii, rakkoon uumame furmaata akka argatuufi nagaan akka bu’u godheera.—Iya. 22:13-34.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 402 key. 3

Kanaʼaan

Kanaʼaanonni hedduun waraana isaan irratti baname irraa kan hafanii fi bitamu kan didan taʼus ‘Yihowaan biyya abbootii isaaniitiif akka kennu kakatee ture hundumaa Israaʼelotaaf kenneera,’ ‘kallattii hundumaatiin boqonnaa isaaniif kenneera’ akkasumas “Waadaawwan gaggaarii Yihowaan mana Israaʼeliif gale hundumaa keessaa waadaan tokko illee utuu hin raawwatamin hin hafne; hundi isaanii iyyuu raawwatamaniiru” jechuu ni dandeenya. (Iya 21:43-45) Saboonni diinaa naannoo Israaʼel jiran hundi sodaatanii waan turaniif nageenya Israaʼelootaaf kan yaaddessan hin turre. Sana dura Waaqayyo biyyattiin ona taatee bineensonni bosonaa akka itti hin baayʼanneef Kanaʼaanota “suutuma suuta” akka ariʼu dubbatee ture. (Bau 23:29, 30; Kes 7:22) Kanaʼaanonni gaariiwwan fardaa waraanaa haamtuu sibiilaa qaban dabalatee meeshaalee waraanaa guguddaa kan qaban taʼus Israaʼelonni dhuma irratti iddoowwan tokko tokko utuu hin qabatin hafuun isaanii Yihowaan waadaa gale akka hin raawwanne kan argisiisu miti. (Iya 17:16-18; Abo 4:13) Kanaa mannaa, seenaan akka argisiisutti Israaʼelonni yeroo tokko tokko kan moʼaman amanamoo utuu hin taʼin waan hafaniif ture.—Lak 14:44, 45; Iya 7:1-12.

SADAASA 15-21

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYAASUU 23-24

“Gorsa Xumuraa Iyyaasuun Sabichaaf Kenne”

it-1-E 75

Hariiroo

Sabni Israaʼel yommuu Kanaʼaan ishii Biyyattii Abdachiifamte taate galanitti haala adda taʼetu isaan eeggata ture. Waaqni Hundaa Olii biyyattii irratti Israaʼelotaaf aangoo guutuu taʼe kennuudhaan waadaa abbootii isaaniitiif gale raawwateera. Kanaafuu gara biyyattiitti kan seenan akka jiraattota biyya ormaatti miti; Yihowaan saboota achi jiranii fi waaqolii sobaa waaqeffatan wajjin waltaʼiinsa akka hin uumne isaan dhowweera. (Bau 23:31-33; 34:11-16) Isaan bitamuu kan qaban seeraa fi dambii Waaqayyootiif qofadha malee kan saboota achii balleeffamuu qabaniif miti. (Lew 18:3, 4; 20:22-24) Keessumaa saboota kanaa wajjin gaaʼelaan akka walitti hin firoomne akeekkachiisni isaaniif kennameera. Gaaʼelli akkasii haadhotii manaa waaqolii sobaa waaqeffatan wajjin akka firooman gochuu qofa utuu hin taʼin, firoota ishii wajjin akka michooman, akkasumas gochaa fi aadaa amantii sobaa akka hordofan godha; kun immoo gantoota akka taʼanii fi kiyyoodhaan akka qabaman godha.—Kes 7:2-4; Bau 34:16; Iya 23:12, 13.

w07 11/1 17 key. 19-20

Dubbiin Yihowaa Matumaa Utuu Hin Raawwatamin Hin Hafu

19 Wanta ija keenyaan arginerraa ka’uudhaan, shakkii tokko malee akkas jechuu dandeenya: “Abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee akka hin hafne . . . gaarii gootanii beektu; abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru, isaan keessaa tokko illee lafa bu’ee hin hafne.” (Iyaasuu 23:14) Yihowaan tajaajiltootasaa ni oolcha, ni eega akkasumas ni kunuunsa. Abdiiwwan inni kenne keessaa yeroosaatti utuu hin raawwatamin kan hafe tokkollee caqasuu ni dandeessaa? Matumaa hin dandeessu. Dubbii Waaqayyoo isa dhugaa ta’erratti amantaa guutuu qabaachuun keenya ogummaadha.

20 Waa’ee gara fuulduraa maal jechuutu danda’ama? Yihowaan, baay’een keenya lafa jannata taaturratti jireenya gammachiisaa akka jiraannu abdii nuu kenneera. Namoonni muraasni nu gidduutti argamanimmoo samiirratti Kiristosii wajjin bulchuuf abdii qabu. Abdiin keenya isa kamiyyuu yoo ta’e, hundi keenya akkuma Iyaasuu amanamoo ta’uuf sababii ga’aa qabna. Guyyaan abdiin keenya itti raawwatamu ni dhufa. Yeroo sanatti abdii Yihowaan nuu kennee ture yaadachuudhaan, “abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru” jenna.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w04-AM 12/1 12 key. 1

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Iyyaasuu

24:2—Taaraa inni abbaa Abrahaam taʼe nama waaqolii tolfamoo waaqeffatu turee? Jalqaba irratti Taaraan Yihowaa hin waaqeffatu ture. Tarii waaqa addeessaa Siin jedhamuu fi isa Uuritti beekamaa ture waaqeffachaa kan ture taʼuu hin oolu. Afoolli Yihudootaa akka ibsutti, Taaraan nama waaqolii tolfamoo tolchu taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yommuu Abrahaam ajaja Waaqayyootiin Uuriin dhiisee baʼetti isaa wajjin gara Haaraan deemeera.—Uumama 11:31.

SADAASA 22-28

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ABBOOTII MURTII 1-3

“Seenaa Ija Jabinaa fi Gamnummaa”

w04-AM 3/15 31 key. 3

Eehud Waanjoo Cunqursaa Tokkoo Cabseera

Karoorri Eehud kan milkaaʼe, inni gamana waan tureef ykn diinni isaa dadhabaa waan taʼeef hin turre. Kaayyoon Waaqayyoo milkaaʼuun isaa wanta namoonni godhan irratti kan hundaaʼe miti. Eehud milkaaʼuu kan dandaʼe fedha Waaqayyo saba isaa bilisa baasuuf qabuu wajjin wal simuudhaan tarkaanfii waan fudhatee fi deggersa isaa waan argateefi. Eehudiin kan kaasee Waaqayyo dha, ‘Yihowaan yeroo abbootii murtii [saba isaatiif] kaasu hundatti, abbaa murtii sanaa wajjin ni taʼa’ ture.—Abbootii Murtii 2:18; 3:15.

w04-AM 3/15 30 key. 1-3

Eehud Waanjoo Cunqursaa Tokkoo Cabseera

Wanti Eehud jalqaba irratti godhe ‘goraadee’ karaa lamaan qara qabuu fi uffata isaa jala dhoksuu dandaʼu qopheeffachuu ture. Tarii sakkataʼamuun dandaʼa jedhee eegee taʼuu dandaʼa. Namoonni harka mirgaa fayyadaman salphaatti luqqifachuu akka dandaʼaniif goraadeen yeroo baayʼee karaa bitaatiin hidhatama. Eehud garuu bitaacha waan taʼeef goraadee isaa “karaa mirgaatiin mudhii isaatti hidhate;” eegdonni mootichaa iddoo kana yeroo baayʼee waan sakkataʼan hin fakkaatu. Kanaafuu, rakkina tokko malee “gibiricha Egloon mootii Moʼaab duratti ni dhiheesse.”—Abbootii Murtii 3:16, 17.

Eehud jalqaba irratti yommuu Egloon mooticha dura dhihaatetti wanti taʼe balʼinaan hin ibsamne. Kitaabni Qulqulluun gabaabumatti, “Eehud gibiricha dhiheessee yommuu xumuru namoota gibiricha baatanii dhaqan ni geggeesse” jedha. (Abbootii Murtii 3:18) Eehud gibiricha erga dhiheessee fi namoota gibiricha baatanii dhufan mana Egloon irraa fageessee erga geggeessee booda deebiʼee dhufe. Maaliif? Namoota sana fudhatee kan deeme eegumsa akka isaaf godhaniifii? Akkas gochuun dirqama waan taʼeefii? Moo gibirichuma akka isaaf baataniifi? Karoora isaa raawwachuu isaa dura akka deeman kan godhe hoo nageenya isaaniitiif yaadeetii? Wanti inni yaade maal iyyuu yoo taʼe, Eehud ija jabinaan kophaa isaa gara mootichaatti deebiʼeera.

“Fakkiiwwan bocamoo Gilgaalitti argaman bira erga gaʼee booda duubatti deebiʼee, ‘Yaa mootii, ergaa iccitii taʼe tokkon sitti hima’ jedhe.” Eehud deebiʼee Egloon duratti dhihaachuu kan dandaʼe akkamitti akka taʼe Kitaabni Qulqulluun hin dubbatu. Eegdonni shakkuu hin qaban turanii? Namni Israaʼel tokko kophaa isaa gooftaa isaanii miidhuu hin dandaʼu jedhanii yaadaniitii laata? Eehud kophaa isaa deebiʼee dhufuun isaa ‘namoota biyya isaa ganeeti’ jedhanii akka yaadan godheetii laata? Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, Eehud mooticha kophaatti haasofsiisuuf gaafate, carraa isaas ni argate.—Abbootii Murtii 3:19.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w05-AM 1/15 24 key. 7

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Abbootii Murtii

2:10-12. ‘Wanta Yihowaan godhe akka hin irraanfanneef’ yeroo dhaabbataa Kitaaba Qulqulluu itti qoʼannu qabaachuu qabna. (Faarfannaa 103:2) Warri dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu garaa ijoollee isaanii keessatti bocuu qabu.—Keessa Deebii 6:6-9.

SADAASA 29–MUDDEE 5

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ABBOOTII MURTII 4-5

“Yihowaan Saba Isaa Oolchuuf Dubartoota Lamatti Fayyadameera”

w15 10/1 10-11 key. 6

‘Ani Israaʼeliif Haadha Taʼee Kaʼeera’

Israaʼel keessatti maqaan Siisaaraa jedhu kan nama romʼisiisuu fi baayʼee kan nama sodaachisu ture! Amantiinii fi aadaan Kanaʼaanotaa gara jabinaan kan guutame, ijoollee aarsaa gochuu fi mana qulqullummaa keessatti gaalamootummaa raawwachuu kan dabalatu ture. Ajajaa waraanaa Kanaʼaanotaa kanaa fi loltoota isaa biyyattii toʼatan jalatti buluun sabicha irratti dhiibbaa akkamii geessisee ture? Biyyicha keessa asii fi achi sochoʼuun rakkisaa taʼuu isaa irra iyyuu, gandeen keessa jiraachuun dadhabamee akka ture faarfannaa Deboraan qindeessite irraa hubachuun ni dandaʼama. (Abboota Firdii 5:6, 7) Namoonni qonnaa irratti hirmaachuu fi gandeen dallaa hin qabne keessa jiraachuu sodaatanii bosonaa fi gaarreen keessa dhokatanii taʼuu dandaʼa; yookiin miidhaan akka isaan irra hin geenyeef, ijoolleen isaanii akka jalaa hin fudhatamnee fi dubartoonni isaanii akka hin gudeedamne sodaatanii karaa guddaa irra deemuu dhiisanii taʼuu akka dandaʼu yaaduu dandeenya.

w15 10/1 11 key. 1

‘Ani Israaʼeliif Haadha Taʼee Kaʼeera’

Hanga Yihowaan namoonni mata jabeeyyii taʼan kun ragaa jijjiiramuuf qophaaʼoo akka taʼan argisiisu argatutti ykn faarfannaan Deboraa fi Baaraaq inni geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi “hamma gaafa ani Deboraan Israaʼeliif haadha taʼee kaʼetti” jedhu raawwatamutti waggoota 20f jeequmsi moʼee ture. Deboraan haati manaa Laphiidoot ijoollee kan qabdu akka turte beekuu baannus, jechi as irratti ibsame fakkeenyaan kan itti hojjetame fakkaata. Yihowaan, Deboraan akka haadhaatti sabicha akka eegduuf ishii muudee ture. Yihowaan, Baaraaq isa nama amantii fi abbaa firdii taʼe waamtee Siisaaraa irratti tarkaanfii akka fudhatu qajeelfama kennuudhaan akka isa gargaartu ishii ajajee ture.—Abboota Firdii 4:3, 6, 7; 5:7.

w15 8/1 13 key. 1

‘Ani Israaʼeliif Haadha Taʼee Kaʼeera’

Yaaʼel tarkaanfii fudhattu daftee itti yaaduu qabdi turte. Siisaaraadhaaf bakka itti boqotu kenniteef. Innis namni isa barbaaduu kam iyyuu yoo dhufe achi jiraachuu isaa akka hin dubbanne ishii ajaje. Yommuu inni ciisu itti uffifte, yommuu inni bishaan ishii kadhatu immoo itittuu kenniteef. Utuma baayʼee hin turin hirribni cimaan isa fudhatee sokke. Achiis Yaaʼel meeshaalee dubartoonni dunkaana keessa jiraatan yeroo baayʼee ogummaadhaan itti fayyadaman lama, jechuunis qofoo dunkaanaa fi burruusa fudhattee dhufte. Mataa Siisaaraa biratti jilbeenfattee, amma murtoo Yihowaa kan raawwachiistu taʼuudhaan tarkaanfii sodaachisaa taʼe fudhachuuf jetti. Yeroo kanatti xinnuma mamuun ykn shakkuun illee balaa guddaa geessisuu dandaʼa. Waaʼee saba Waaqayyoo fi namichi kun waggoota kurnaniif hammam isaan irratti hammeenya hojjechaa akka ture yaaddee turtee? Yookiin Yihowaa cinaa dhaabachuun mirga guddaa taʼuu isaa yaaddee turtee? Seenaan isaa kana ilaalchisee waan ibsu hin qabu. Wanti nuti beeknu yeruma sana tarkaanfii fudhachuu ishii fi Siisaaraan ajjeefamuu isaa ti!—Abboota Firdii 4:18-21; 5:24-27.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w05-AM 1/15 25 key. 5

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Abbootii Murtii

5:20—Urjiileen samii irraa Baaraaqiif kan lolan akkamitti ture? Haalli kun Baaraaq deggersa maleekotaa akka argate ykn akka ogeeyyiin Siseeraa yaadanitti milkii gadhee argisiisuuf qaamonni samii akka kukkufan ykn wanti warri urjii lakkaaʼan raaganii fi Siseeraan itti amanamu sobaa taʼuu isaa kan argisiisuu akka taʼe Kitaabni Qulqulluun hin dubbatu. Haa taʼu malee, Waaqayyo karaa taʼe tokkoon deggersa godhee akka ture hin shakkisiisu.

MUDDEE 6-12

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ABBOOTII MURTII 6-7

“Humna Qabduun Dhaqi”

w02-AM 2/15 6-7

Dhugaawwan Bu’uuraa Waaqayyoo Si Fayyadu

Giidewon inni abbootii murtii Ibrootaa keessaa tokko ture, nama ofii isaatiif ilaalcha gaarii qabuu fi hunda caalaa barbaachisaa akka taʼetti of hin ilaalle ture. Inni geggeessaa Israaʼelotaa taʼuu hin barbaanne. Geggeessaa akka taʼu yommuu filatamutti akka isaaf hin malle dubbateera. Giidewon, “Qomoon koo gosa Minaasee keessaa isa hundumaa irra xinnaatu dha; anis mana abbaa koo keessatti iddoo guddaa kan hin qabne dha” jechuudhaan dubbateera.—Abbootii Murtii 6:12-16.

w05-AM 7/15 16 key. 3

“Goraadee Yihowaa fi kan Giidewon!”

Amma Miidiyaanonni baayʼee sodaataniiru! Akkuma tasaa, yommuu hubboon 300 caccabu, xurumbaan 300 hafuufamuu fi namoonni 300 iyyan tasgabbiin yeroo sana ture ni jeeqame. Keessumaa Miidiyaanonni iyyi “Goraadee Yihowaa fi kan Giidewon!” jedhu waan isaan naasiseef isaanis ni iyyan. Jeequmsa sana keessatti diinaa fi fira adda baasuun hin dandaʼamu ture. Waaqayyo diinonni isaanii goraadee isaaniitiin akka wal fixan yommuu godhetti namoonni 300 sun iddoo isaaniitii hin sochoone. Achiis raayyaan diinaa sun naʼee akka baqatu gochuudhaan, isaanitti marsuu fi warra miliqan duukaa buʼanii boojiʼuu fi ajjeesuudhaan haleellaan Miidiyaanotaa guutummaatti akka dhaabbatu godhaniiru. Dhuma irrattis cunqursaan yeroo dheeraadhaaf ture haala kanaan goolabame.—Abbootii Murtii 7:19-25; 8:10-12, 28.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w05-AM 1/15 26 key. 6

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Abbootii Murtii

6:25-27. Giidewon utuu hin barbaachisin mormitoota isaa akka hin dheekamsiisne of eeggannoo godheera. Nutis yommuu misiraachicha lallabnu akkaataa itti dubbannuun warra kaan akka hin mufachiisne of eeggannoo gochuu qabna.

MUDDEE 13-19

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ABBOOTII MURTII 8-9

“Gad of Qabuun Koora Irra ni Wayya”

w00-AM 8/15 25 key. 3

Waldhabiinsa kan Hiiktan Akkamitti?

Giidewon inni Miidiyaanota wajjin waraana cimaa irra ture gosti Efreem akka isa gargaaru isa gaafate. Haa taʼu malee, waraanichi erga xumuramee booda Efreemonni yeroo waraanichi jalqabamu maaliif nu hin waamne jedhanii aariidhaan Giidewonitti dubbatan. Seenaan isaa, “Garmalees isa lolan” jechuudhaan dubbata. Giidewon akkana jedhee deebise: “Wanta isin gootanii wajjin yeroo wal bira qabamu ani maalan raawwadhe? Qaarmiin Efreem oomisha wayinii Abiʼezer irra hin wayyuu? Waaqayyo bulchitoota Miidiyaan kan taʼan Oreebii fi Zeʼeebiin dabarsee kan kenne harka keessanitti dha; maarree, wanta isin gootanii wajjin yeroo wal bira qabamu ani maalan raawwadhe?” (Abbootii Murtii 8:1-3) Giidewon jechoota filatamanii fi nama tasgabbeessanitti fayyadamuun isaa waraana cimaa gosoota gidduutti uumamuu dandaʼu hambiseera. Tarii namoonni gosa Efreem kun iddoo guddaa akka qabanitti kan yaadanii fi kan kooran taʼuu hin oolu. Haa taʼu malee, kun Giidewon nagaa uumuuf carraaqqii akka hin goone isa hin dhowwine. Nutoo akkas gochuu dandeenya?

w17.01 20 key. 15

Gad Of Deebisuun Amma Iyyuu Barbaachisaa kan Taʼe Maaliifi?

15 Giidewon gocha isaatiin amala gad of deebisuu argisiisuu irratti fakkeenya gaarii taʼa. Maleekaan Yihowaa jalqaba yommuu isatti mulʼate, maatiin isaa fi iddoon inni qabu gad aanaa taʼuu isaa akka hubate argisiiseera. (Abo. 6:15) Hojii Yihowaan isaaf kenne erga fudhatee booda, wanta isa irraa eegamu guutummaatti kan hubate taʼuu isaa irra iyyuu qajeelfama Yihowaa gaafateera. (Abo. 6:36-40) Giidewon gara kuteessaa fi ija jabeessa ture. Taʼus, ogummaa fi of eeggannoodhaan tarkaanfii fudhateera. (Abo. 6:11, 27) Hojii isaaf kennametti fayyadamee beekamummaa argachuuf carraaqqii hin goone. Kanaa mannaa, hojii Yihowaan akka hojjetu isa gaafate erga raawwatee booda, gammachuudhaan gara iddoo isaa isa duraatti deebiʼe.—Abo. 8:22, 23, 29.

w08 2/15 9 key. 9

Karaa Yihowaarra Adeemi

9 Michuu Waaqayyoo ta’uuf ‘gad of deebisuu’ qabna. (1 Phe. 3:8; Far. 138:6) Gad of deebisuun barbaachisaa akka ta’e macaafa Abboota Firdii boqonnaa 9⁠rratti ibsameera. Ilma Giidewon kan ture Yotaam akkas jedheera: “Al tokko mukkeetiin mootii moosifachuuf ba’an.” Ejersi, harbuufi wayniin caqasamaniiru. Mukkeetiin kun namoota gaarii Israa’eloota obbolootasaanii ta’anirratti bulchuu hin barbaanne kan bakka bu’an turan. Haata’u malee, laaftoon inni boba’uuf qofa gargaaru, mooticha of bokoksu, isa nama ajjeesuufi warra kaanirratti olaantummaa qabaachuu barbaadu Abiimelekiin bakka buufame. Abiimelek ‘waggaa sadiif yoo mo’eyyuu’ yeroosaa malee ajjeefameera. (Abo. 9:8-15, 22, 50-54) Dhugumayyuu, ‘gad of deebisuun’ baay’ee barbaachisaadha!

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 753 key. 1

Efuudii, 1

Giidewon injifannoo Yihowaan Israaʼeliif kenne yaadachuu fi Waaqayyoof ulfina kennuuf yaadee kan ture taʼus, efuudiin inni tolche Israaʼelonni karaa hafuuraa sagaagalummaa akka raawwatan waan godheef “Giidewonii fi maatii abbaa isaatti kiyyoo taʼe.” (Abo 8:27) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Giidewon efuudicha akka waaqeffate hin dubbatu; kanaa mannaa, Phaawulos ergamaan dhugaa baatota amanamoo ‘akka duumessaa’ taʼanii fi Kiristiyaanummaa dura jiraatan keessaa tokko akka taʼe ibseera.—Ibr 11:32; 12:1.

MUDDEE 20-26

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ABBOOTII MURTII 10-12

“Yiftaan Nama Hafuuraa Ture”

w16.04 7 key. 9

Amanamummaan Waaqayyo Biratti Fudhatama Namaaf Argamsiisa

9 Yooseef isa obboloonni isaa yoo ‘isa jibban’ iyyuu dhiifama isaaniif godhe dabalatee, fakkeenyi namoota amanamoo taʼanii deebii Yiftaan kenne irratti dhiibbaa gaarii godhee taʼuu hin oolu. (Uma. 37:4; 45:4, 5) Yiftaan, wantoota akkanaa irratti xiinxaluun isaa, jireenya Yihowaa gammachiisu akka filatu isa gargaareera. Amalli obboloota isaa akka isa miidhe hin shakkisiisu; taʼus Yihowaa fi saba Isaa tajaajiluu irraa duubatti akka jedhu isa hin goone. (Abo. 11:9) Yiftaadhaaf iddoo guddaa kan qabu, walitti buʼiinsa dhuunfaa utuu hin taʼin waraana maqaa Yihowaatiif godhamu ture. Yihowaadhaaf amanamaa taʼuuf kutatee ture; kun immoo warra kaaniifis taʼe isaaf buʼaa gaarii argamsiiseera.—Ibr. 11:32, 33.

it-2-E 27 key. 2

Yiftaa

Yiftaan nama hojii waan tureef utuu yeroo hin gubiin hogganaa gaarii taʼuu isaa argisiiseera. Amoon lafa Israaʼel kan weerare seeraan ala akka taʼe ibsuudhaan gara mootii Amoonitti ergamtoota erge. Mootichi garuu Israaʼelonni laficha Amoonota irraa fudhataniiru jedhee deebise. (Abo 11:12, 13) Yeroo kanatti Yiftaan loltuu akkasumaan miiraan gaggeeffamu utuu hin taʼin, barataa seenaa, keessumaa immoo barataa wanta Waaqayyo saba isaatiif godhe akka gaariitti beeku taʼuu isaa argisiiseera. Falmiin Amoonotaa soba taʼuu isaa mirkaneesseera, wantoota armaan gadii dubbachuudhaan kana godheera: (1) Israaʼel Amoon irra, Moʼaab irra ykn Edoom irra miidhaa akka hin geessisne dubbateera (Abo 11:14-18; Kes 2:9, 19, 37; 2Se 20:10, 11); (2) Yeroo Israaʼelonni laficha qabatanitti Amoon lafa kan kooti jedhu kana irra akka hin turre ibseera; sababiin isaas yeroo sanatti laficha irra kan ture Amoorota warra Kanaʼaanota taʼan yeroo taʼu, Waaqayyo mootii isaanii Sihoonii fi lafa isaanii Israaʼelotaaf kenneera; (3) Amoon waggoottan 300n darbaniif lafti Israaʼelotaa kan kooti jedhee falmii kaasee hin beeku; maarree amma akkas gochuuf sababii maalii qaba?—Abo 11:19-27.

it-2-E 27 key. 3

Yiftaa

Yiftaan dhimmichi waaqeffannaa wajjin akka wal qabatu ibsuudhaan dhimmi inni dhugaan maal akka taʼe akka gaariitti adda baafateera. Laficha Israaʼelotaaf kan kenne Yihowaa akka taʼe ibsuudhaan waaqeffattoota waaqa sobaatiif laficha keessaa taakkuu tokko illee akka hin kennine dubbateera. Kemoosh waaqa Amoonotaa akka taʼe eereera. Namoonni tokko tokko kun dogoggora akka taʼe dubbatu. Haa taʼu malee, Amoononni Milkoom, Moʼaabonni immoo Kemoosh kan waaqeffatan taʼus, saboonni firooma qaban kun waaqolii hedduu waaqeffatu. Solomoon iyyuu karaa haadholii manaa isaa biyya ormaa utuu hin beekin waaqeffannaan Kemoosh gara Israaʼel akka dhufu godheera. (Abo 11:24; 1Mo 11:1, 7, 8, 33; 2Mo 23:13) Kana malees akka hayyoonni tokko tokko jedhanitti “Kemoosh” jechuun “Injifataa,” “Moʼataa” jechuu taʼuu dandaʼa. (Galmee jechootaa Gesenius’s Hebrew and Chaldee Lexicon jedhamuu fi S. Tireegeeleesiin 1901⁠tti hiikame ful. 401 ilaali.) Yiftaan waaqa Amoononni warra kaan ‘injifatee’ lafa akka isaaniif kennu yaadan kana irratti akka xiyyeeffatamu barbaadee taʼuu dandaʼa.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-2-E 26

Yiftaa

Yiftaan ilma gaaʼelaan ala dhalate hin turre. Haati Yiftaa “dubartii sagaagaltuu” akka turte kan ibsame taʼus, Yiftaan ilma sagaagalummaadhaan ykn gaaʼelaan ala dhalate miti. Haati isaa haadha manaa lammaffaa taate Giiliyaaditti heerumuu ishii dura sagaagaltuu turte, akkuma Rahaab duraan sagaagaltuu turtee fi booda immoo Salmoonitti heerumte jechuu dha. (Abo 11:1; Iya 2:1; Mat 1:5) Obboloonni isaa warri abbaadhaan tokko taʼan dhaala akka hin fudhanne isa ariʼuun isaanii Yiftaan ilma gaaʼelaan ala dhalate akka hin taane argisiisa. (Abo 11:2) Kana malees, Yiftaan yeroo booda geggeessaa namoota Giiliyaad fudhatama qabu taʼeera (obboloonni Yiftaan warri abbaadhaan tokko taʼan namoota kana gidduutti iddoo guddaa kan qaban taʼuu hin oolan). (Abo 11:11) Dabalataanis, godoo qulqulluutti aarsaa dhiheesseera. (Abo 11:30, 31) Ilmi gaaʼelaan ala dhalate kamiyyuu kana gochuu hin dandaʼu, sababiin isaas seerichi adda baasee akkas jedha: “Ilmi diqaalaan gara gumii Yihowaatti hin seenin. Hamma dhaloota kurnaffaatti illee sanyii isaa keessaa eenyu iyyuu gara gumii Yihowaatti hin seenin.”—Kes 23:2.

MUDDEE 27–AMAJJII 2

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ABBOOTII MURTII 13-14

“Barumsa Warri Maanoʼaa fi Haadha Manaa Isaa Irraa Argachuu Dandaʼan”

w13 8/15 16 key. 1

Warri Mucummaasaaniitii Jalqabaa Ijoollee Keessan Leenjisaa

Haala Maano’aa isa Israa’el duriitti magaalaa Zoraa keessa jiraachaa tureefi sanyii Daan ta’ee ilaalaa. Ergamaan Yihowaa haati manaa Maano’aa isheen dhabduu taate ilma akka deessu isatti hime. (Abo. 13:2, 3) Maano’aafi haati manaasaa warri amanamoo ta’an kun, abdii kanatti baay’ee akka gammadan beekamaadha. Haata’u male, wanti baay’ee isaan yaaddesse tokko jira ture. Kanaaf Maano’aan, “Yaa goftaa, namni Waaqayyoo inni ati ergitee turte sun deebi’ee gara keenya dhufee, mucaa dhalatu sana attamitti akka guddifnu nutti haa himuuf sin kadhadha” jedhee gaafate. (Abo. 13:8) Maano’aafi haati manaasaa akkaataan mucaasaanii itti guddisan isaan yaaddessee ture. Ilmasaanii Siimsoniin Seera Waaqayyoo akka barsiisaniifi carraaqqiinsaaniis milkaa’ina akka argate haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Macaafni Qulqulluun, “Hafuurri Waaqayyoo [Siimsoniin] tuttuqee yaada isaa kaasuu in jalqabe” jedha. Kanaan kan ka’es Siimson akkuma abbootii firdii Israa’el kaanii, dinqii hedduu raawwachuu danda’eera.—Abo. 13:25; 14:5, 6; 15:14, 15.

w05-AM 3/15 25-26

Saamson Jabina Yihowaatiin Injifate

Saamson yommuu guddachaa deemu “Yihowaan isa eebbisuu isaa ittuma fufe.” (Abbootii Murtii 13:24) Gaaf tokko Saamson gara abbaa fi haadha isaatti dhufee akkana isaaniin jedhe: “Timnaa keessatti ijji koo intala Filisxeem takka irra buʼeera; ishii akka na fuusistanin barbaada.” (Abbootii Murtii 14:2) Warri isaa yeroo kanatti hammam akka naʼan mee yaadaa! Ilmi isaanii Israaʼelota cunqursaa irraa bilisa baasuu mannaa, diinota isaanii wajjin gaaʼelaan firoomuu barbaade. Seerri Waaqayyoo haadha manaa waaqolii tolfamoo waaqeffattu fudhuu ni dhorka. (Baʼuu 34:11-16) Kanaafuu warri isaa akkas jedhanii isa morman: “Ati firoota kee fi saba keenya hundumaa gidduudhaa dubartii takka dhabdee? Dhaqxee Filisxeemota dhaqna hin qabamne gidduudhaa haadha manaa fuudhuu qabdaa?” Taʼus Saamson, ‘kan anaaf taatu ishii waan taateef, ishii na fuusisaa’ jedhee isaan gaafachuu isaa itti fufe.—Abbootii Murtii 14:3.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w05-AM 3/15 26 key. 1

Saamson Jabina Yihowaatiin Injifate

Dubartiin Filsxeem tun Saamsoniif ‘taati’ kan jedhamu karaa kamiini? Insaayikloppiidiyaan Maakliintookii fi Istiroongiin qophaaʼe akka ibsutti, dubartiin tun isaaf taati kan jedhamu “bareedduu waan taateef ykn waan isa hawwatteef utuu hin taʼin kaayyoo tokko galmaan gaʼuuf waan isa fayyadduufi.” Kaayyoo maalii galmaan gaʼa? Abbootiin Murtii 14:4 akka ibsutti Saamson “carraa Filisxeemota itti waraanu barbaada ture.” Saamson dubartii kana kan jaalate kaayyoo kanaaf ture. Saamson yeroo guddachaa deemu “hafuurri Yihowaa isa kakaasuu jalqabe,” jecha biraatiin tarnkaanfii akka fudhatu isa kakaase. (Abbootii Murtii 13:25) Kanaafuu Saamson haadha manaa argachuuf gaaffii baramaa hin taane akka dhiheessus taʼe, Israaʼel keessatti abbaa murtii taʼee tajaajiluu akka jalqabu kan godhe hafuura Yihowaa ti. Maarree Saamson carraa barbaadaa ture argatee? Waaʼee kanaa ilaaluu keenya dura Yihowaan akka isa gargaaru akkamitti akka isaaf mirkaneesse haa ilaallu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi