LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iyyaasuu 18
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Iyyaasuu

      • Lafa Shiilootti hirame isa kaan (1-10)

      • Dhaala Biiniyaam (11-28)

Iyyaasuu 18:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 19:51; 22:9; Abo 21:19
  • +1Sa 1:3; 4:3; Fr 78:60; Er 7:12; HoE 7:44, 45
  • +Lak 14:8; Kes 7:22; 33:29

Iyyaasuu 18:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii, 11/2021, ful. 2

Iyyaasuu 18:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 33:53, 55

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii, 11/2021, ful. 2

Iyyaasuu 18:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 34:13; Iya 19:51
  • +Iya 15:1
  • +Iya 16:1, 4

Iyyaasuu 18:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 26:55; 33:54; Iya 14:2; Fak 16:33; HoE 13:19

Iyyaasuu 18:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 10:9; 18:1
  • +Lak 18:20; Iya 13:33
  • +Kes 3:12, 13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    9/15/2011, ful. 7-8

Iyyaasuu 18:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 19:51; Abo 21:19

Iyyaasuu 18:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 16:33
  • +Lak 33:54; HoE 13:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa,

    11/2021, ful. 2

Iyyaasuu 18:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 15:1
  • +Iya 16:1

Iyyaasuu 18:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 2:1; 16:1
  • +Iya 7:2

Iyyaasuu 18:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 28:18, 19
  • +Iya 16:5
  • +Iya 10:11; 21:20, 22

Iyyaasuu 18:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 15:9

Iyyaasuu 18:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 15:9, 12

Iyyaasuu 18:16

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Lafa Gad Buʼaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 15:8, 12; Er 7:31; 19:2; Mat 5:22
  • +Kes 2:11
  • +Iya 15:63
  • +Iya 15:7, 12; 1Mo 1:9

Iyyaasuu 18:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 15:7, 12
  • +Kes 19:14
  • +Iya 15:6, 12

Iyyaasuu 18:19

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, Galaana Duʼaa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 15:6, 12
  • +Lak 34:12

Iyyaasuu 18:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 15:6, 12
  • +Uma 12:8; 1Mo 12:28, 29

Iyyaasuu 18:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 21:8, 17

Iyyaasuu 18:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 9:16, 17; 1Mo 3:4

Iyyaasuu 18:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 21:14
  • +Iya 15:8, 12; 1Se 11:4; 2Se 3:1
  • +1Sa 10:26

Yaada Wal Simu

Iya. 18:1Iya 19:51; 22:9; Abo 21:19
Iya. 18:11Sa 1:3; 4:3; Fr 78:60; Er 7:12; HoE 7:44, 45
Iya. 18:1Lak 14:8; Kes 7:22; 33:29
Iya. 18:3Lak 33:53, 55
Iya. 18:5Lak 34:13; Iya 19:51
Iya. 18:5Iya 15:1
Iya. 18:5Iya 16:1, 4
Iya. 18:6Lak 26:55; 33:54; Iya 14:2; Fak 16:33; HoE 13:19
Iya. 18:7Kes 10:9; 18:1
Iya. 18:7Lak 18:20; Iya 13:33
Iya. 18:7Kes 3:12, 13
Iya. 18:8Iya 19:51; Abo 21:19
Iya. 18:10Fak 16:33
Iya. 18:10Lak 33:54; HoE 13:19
Iya. 18:11Iya 15:1
Iya. 18:11Iya 16:1
Iya. 18:12Iya 2:1; 16:1
Iya. 18:12Iya 7:2
Iya. 18:13Uma 28:18, 19
Iya. 18:13Iya 16:5
Iya. 18:13Iya 10:11; 21:20, 22
Iya. 18:14Iya 15:9
Iya. 18:15Iya 15:9, 12
Iya. 18:16Iya 15:8, 12; Er 7:31; 19:2; Mat 5:22
Iya. 18:16Kes 2:11
Iya. 18:16Iya 15:63
Iya. 18:16Iya 15:7, 12; 1Mo 1:9
Iya. 18:17Iya 15:7, 12
Iya. 18:17Kes 19:14
Iya. 18:17Iya 15:6, 12
Iya. 18:19Iya 15:6, 12
Iya. 18:19Lak 34:12
Iya. 18:22Iya 15:6, 12
Iya. 18:22Uma 12:8; 1Mo 12:28, 29
Iya. 18:24Iya 21:8, 17
Iya. 18:25Iya 9:16, 17; 1Mo 3:4
Iya. 18:282Sa 21:14
Iya. 18:28Iya 15:8, 12; 1Se 11:4; 2Se 3:1
Iya. 18:281Sa 10:26
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Iyyaasuu 18:1-28

Iyyaasuu

18 Achiis guutummaan yaaʼii Israaʼel Shiilootti+ walitti qabamanii dunkaana walgaʼichaa achi dhaaban;+ yeroo kanatti biyyattiin isaaniif bitamtee turte.+ 2 Haa taʼu malee, Israaʼelota keessaa amma iyyuu gosoonni carraadhaan dhaala isaanii hin arganne torba jiru turan. 3 Kanaafuu, Iyyaasuun Israaʼelotaan akkana jedhe: “Biyya Yihowaan inni Waaqa abbootii keessanii taʼe isiniif kennetti seentanii dhaalaan fudhachuu irraa duubatti kan jettan hamma yoomiitti?+ 4 Akkan isaan erguuf tokkoon tokkoon gosaa keessaa nama sadii naa kennaa; isaanis baʼanii guutummaa biyyattii keessa naannaʼanii biyyattii akka dhaala dhaala isaaniitti hihiranii haa galmeessan. Achiis gara kootti haa deebiʼan. 5 Isaan bakka torbatti ishii haa hiratan.+ Yihudaan naannoo isaa isa kallattii kibbaatiin argamu irra ni tura;+ manni Yoseef immoo naannoo isaanii isa kallattii kaabaatiin argamu irra ni turu.+ 6 Isin garuu biyyattii bakka torbatti hihiraatii galmeessaa; isa galmeessitan sana as gara kootti fidaa; anis Waaqa keenya Yihowaa duratti asitti carraa isiniif nan buusa.+ 7 Leewwonni garuu lubummaan Yihowaa dhaala isaanii waan taʼeef,+ isin gidduutti qoodni isaaniif hin kennamu;+ Gaad, Ruubenii fi walakkaan gosa Minaasee+ immoo dhaala isaanii isa Yordaanos irraa kallattii bahaatiin argamuu fi Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isaaniif kenne fudhataniiru.”

8 Namoonni sunis deemuuf ni qophaaʼan; Iyyaasuunis warra biyyattii hihiranii galmeessuuf jedhan sana, “Dhaqaa biyyattii keessa naannaʼaa; achiis biyyattii hihiraa galmeessaatii gara kootti deebiʼaa; anis Shiiloo keessatti Yihowaa duratti asitti carraa isiniif nan buusa”+ jedhee ajaje. 9 Namoonni sunis deemanii biyyattii keessa naannaʼanii magaalota magaalotaan biyyattii bakka torbatti hihiranii galmeessan; achiis kitaaba irratti galmeessan. Sana booda gara Iyyaasuu isa buufata Shiilootti argamu keessa jiruutti ni deebiʼan. 10 Achiis Iyyaasuun Shiiloo keessatti Yihowaa duratti carraa isaaniif ni buuse.+ Achittis akka qooda qooda isaaniitti Israaʼelotaaf biyyattii ni hihire.+

11 Gosa Biiniyaamiif akka maatii maatii isaaniitti carraan ni baʼe; naannoon carraadhaan isaaniif baʼes saba Yihudaa+ fi saba Yoseef+ gidduu ture. 12 Kallattii kaabaatiin daangaan isaanii Yordaanos biraa jalqaba; achiis karaa kaabaatiin ol baʼee gara irraan gadee Yerikootti+ qajeeluudhaan, kallattii dhihaatiin gaarichatti erga ol baʼee booda lafa onaa Beet Aween+ bira gaʼa. 13 Achi irraa kaʼees gara Luuz ishii Beetel+ jedhamtutti, jechuunis gara irraan gadee Luuz isa karaa kibbaatiin argamutti qajeela; achiis gara Ataarot Adaar+ ishii gaara kibba Beet Hooron+ Ishii Gadiitti argamu irra jirtutti gad buʼa. 14 Daangaan sun kallattii dhihaatiin mallattoon itti godhamee, gaara isa karaa kibbaatiin fuullee Beet Hooronitti argamu irraa gara kallattii kibbaatti naannaʼee Qiriyaat Baʼaal, jechuunis Qiriyaat Yeʼariim+ ishii magaalaa Yihudaa taate biratti dhaabbata. Kun daangaa kallattii dhihaatiin argamu dha.

15 Kallattii kibbaatiin immoo daangaan sun andaara Qiriyaat Yeʼariim irraa kaʼee gara kallattii dhihaatti itti fufa; achiis gara burqaa bishaanii Neftoʼaatti+ qajeela. 16 Daangaan sun gara andaara gaara isa fuullee Sulula Ilma Hinoom+ isa karaa kaabaatiin Sulula* Refaayim+ keessatti argamutti gad buʼa; achiis gara Sulula Hinoomitti, karaa kibbaatiin gara irraan gadee Yebuusichaatti,+ achiis gara Een Rogeelitti+ gad buʼa. 17 Kallattii kaabaatiin mallattoon itti godhamee, gara Een Shemeeshitti, achiis gara Geliloot ishii fuullee daandii Adumiimitti+ ol baasutti argamtutti erga qajeelee booda, gara dhagaa+ Boohaan+ ilma Ruubenitti gad buʼa. 18 Achiis kallattii kaabaatiin gara irraan gadee fuullee Arabaatti argamutti qajeelee gara Arabaatti gad buʼa. 19 Itti fufuudhaanis gara kaaba irraan gadee Beet Hoglaatti+ qajeelee, kaaba galoo Galaana Soogiddaa*+ biratti, akkasumas kibba qarqara Yordaanos biratti dhaabbata. Kun daangaa kallattii kibbaatiin argamu dha. 20 Kallattii bahaatiin Yordaanos daangaa isaa taʼee tajaajila. Dhaalli sanyii Biiniyaam akka maatii maatii isaaniitti argatan kallattii hundumaatiin daangaan isaa kana ture.

21 Magaalonni gosti Biiniyaam akka maatii maatii isaaniitti argatan kanneen kana turan: Yerikoo, Beet Hoglaa, Eemeeq Qeziiz, 22 Beet Arabaa,+ Zemaaraayim, Beetel,+ 23 Awiim, Phaaraa, Ofraa, 24 Kefaar Amoonii, Ofnii fi Geebaa;+ magaalota 12 fi gandeen isaanii.

25 Gibeʼon,+ Raamaa, Beʼeerot, 26 Misphee, Kefiiraa, Moozaa, 27 Reeqem, Yiirpeʼel, Taaraalaa, 28 Zelaa,+ Haa Eleef, Yebuus, jechuunis Yerusaalem,+ Gibeʼaa+ fi Qiriyaat; magaalota 14 fi gandeen isaanii.

Dhaalli sanyiin Biiniyaam akka maatii maatii isaaniitti argatan kana ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi